Finfinnee: Akka ragaaleen mul’isanitti Itoophiyaatti haadhooliifi shamarran kuma 100 keessaa 17 kaansarii fiixee gadameessaatiin qabamu. Waggaatti ammoo kumni torbaaf 500 haaraa qabamu. Kanneen dura qabaman dabalatee haadholiifi shamarran kuma shaniifi 338 lubbuusaanii dhabu.
Dhibeen kunis dhibeewwan daddarboo hintaanee jalatti kan ramadamu yoo ta’u, % 99 faalama vaayirasiitiin kan mul’atuufi shamarran waggaa 15 irraa kaasee qabuu kan danda’udha. Keessumaa dubartoonni umurii 30-49 daran saaxilamoo yoo ta’an kanneen umurii 50 oliirrattimmoo garmalee baay’ata.
Rakkoon kun biyyattii keessatti haalaan mul’atus bal’ina rakkinichaa wajjiin hojiin hojjetame garuu baay’ee akka hintaanedha Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa ibsa Kibxata darbe gaazexeessitootaaf kennaniin kan ibsan. Akka Oromiyaattis hojiin sakatta’iinsaa bara 2011- 2014tti dabalaa kan dhufe ta’ullee ammas % 14 irra jiraachuufi hojii xiyyeeffannaa addaa kan barbaadu ta’uu kaasu.
Bara 2014 calalliin kumni 135fi 569 kan taasifame yoo ta’u, ji’ottan ja’aan bara 2015 ammoo calalliin kumni 160 raawwatamuu akka agarsiisaatti kaasanii, talaalliin walqabatees haadhooliifi shamarran miliyoona 1.2 marsaa lamaan talaallii fudhachuufi kumni 584fi 800 ammoo marsaa duraa fudhatanii kan lammataa eeggachaa jiraachuu ibsu.
Akka Doktar Mangistuun jedhanitti, mootummaan naannichaa yeroo ammaa yaadeessummaa dhibichaa hubachuun ittisuurratti sochii jajjabeessaa eegaleera. Ogeessota buufataalee fayyaa 408f
dhimmicharratti leenjiin kennameera. Magaalota Roobeefi Buraayyuuttis wiirtuuwwan wal’aansa kaansarii fiixee gadameessaa bajata olaanaadhaan ijaarsisuu kan eegale yoo ta’u, yunivarsiitii Jimmaafi Haramaayaa keessatti deeggarsa Ministeera Fayyaatiin wiirtuun walfakkaatu tajaajila kennuu eegaleera.
Dhibeen kaansarii fiixee gadameessaa durfamee ittisuu kan danda’amu ta’uusaatiin hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu kaasanii ji’a Amajjii kana keessas ji’a haadhummaa fayyaa waliin walqabatee keessumaa haadhooliifi shamarran dursanii akka sakatta’amaniif hojiin dadammaqiinsaa bal’inaan gaggeeffamuu kaasu.
Guyyichas dubartoonni Biiroolee Oromiyaa keessa hojjetan sakatta’iinsa taasisaniiru. Kanneen keessaa Aadde Tsadaalaa Baalchaa yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, sakatta’iinsa kaansarii fiixee gadameessaa taasisuun dursanii of beekuuf kan fayyadu ta’uu kaasanii, of beekuunis yoo hinqabaanne caalaatti ofeeggannoo cimsanii akka ofirraa ittisan, yoo qabaatan ammoo utuu sadarkaa cimaarra hinga’iin wal’aansa barbaachisu argachuuf akka gargaaru ibsu.
Dubartoonniifi shamarranis kana hubachuun miidhaa dhibeen hamaa kun geessisuu danda’urraa dursanii of beekuun akka ofeegan dhaamu.
Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaas yaada fuula feesbuukiisaaniirratti kennaniin kansariin fiixee gadameessaa dursee yoo beekame osoo miidhaa hamaa hinfidiin wal’aanuun waan danda’amuuf keessumaa dubartoonni umuriin isaanii 30-49 hospitaalotaafi buufataalee fayyaa naannawaasanii jiru deemuun yaalamuun fayyaasaanii akka mirkaneeffatan hubachiisu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA AMAJJii 27 Bara 2015