
Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Akka Oromiyaatti ittifayyadama lafaarratti karoorri kan hinturre yoo ta’u, barana akka haaraatti jalqabsiifamuu Biiroon Lafaa Oromiyaa ibse.
Hoggantuu Ittaantuufi Ittigaafatamtuun Damee Karoora Ittifayyadama Lafaafi Ji’oo Ispaashaalii Aadde Zaaraa Kadir gaafdeebii gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, karoorri ittifayyadama lafaa akka biyyaattis ta’e akka Oromiyaatti kan
hinturre yoo ta’u, waggoota 15n darbanis qorannoon gaggeeffamus hojiirra oolchuurratti hanqina bal’aatu ture. Oromiyaatti barana yeroo jalqabaatiif kan jalqabsiifame karoorri ittifayyadama lafaa kun, erga godinaalee 21 Oromiyaa keessatti qorannoon taasifamee booda ta’uu himu. Karoora kanas godinaalee sadii (Arsii Lixaa, Arsiifi Shawaa Bahaatti) bifa paayileetiitiin jalqabsiifamuufi bu’aa gaariin ittiin argamaa jiraachuu dubbatu.
“Karoora ittifayyadama lafaa jechuun lafti tokko maaliif yoo oole caalaatti bu’aaqabeessa ta’a isa jedhu adda baasuudha. Fakkeenyaaf lafti qotamuu qabu omisha midhaaniif, kan bosonaaf ta’uu bosonaa’uuf; lafti margaaf ta’u margumaaf akka oolu akkasumas, kan ijaarsaa ijaarsaaf akka oolu dandeessisa. Kunis dhiqama biyyee, faalama qilleensaafi miidhaa lafaafi qilleensa naannawaarra ga’u hambisuuf shoora olaanaa qaba. Lafti qonnaaf ooluu qabus qotamee omishtummaan akka dabaluuf ni gumaacha jedhu.
Hojii paayileetii godinaalee sadiirratti eegalame kanas gara godinaalee sagalitti babal’isuun aanaalee 104tti hojjetamaa jiraachuu himanii, ji’oota ja’an dhufanittis godinaalee 20 keessatti hojiirra oolchuuf karoorfamuu kaasu. Bakkeewwan jalqabamanittis haalli ummanni fudhatee seera itti baafatee itti deemaa jiru jajjabeessaa ta’uus himu.
Namni lafa faayidaa ooluuf qabu dhiisee waan biraaf yoo oolche maal ta’uu qaba isa jedhuuf seerri akka biyyaatti ba’e akka hinjirre kan himan Aadde Zaaraan, akka Oromiyaatti qajeelfamni qophaa’ee kaabineef dhihaachuusaafi Caffeedhaan ragga’uu qofti akka hafe kaasu. Hangasitti garuu qabeenyi lafaa muraasni jiru qisaasamuu waan hinqabneef qusannaafi karooraan hoggananii ttifayyadamuun murteessaa ta’uu dubbatu.
Gama biraatiin, ijaarsa seeraan alaa naannichatti babal’ateen walqabatee dursa hojii ittisaarratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’uu kan himan hoggantuu ittaantuun tun, gama kanaan hubannoo hawaasaa gabbisuurratti hojii bal’aan hojjetamuufi ji’oota ja’an darbanitti namoota kuma 101 ta’aniif sadarkaalee garagaraatti hubannoon kennamuu ibsu.
Darbees kan hojjetamu tarkaanfii fudhachuu yoo ta’u, kunis ijaarsa seeraan alaa ijaarame diiguu ta’uu kaasu. Baranas manaafi dallaa seeraan ala ijaarame diiguu kuma 109 qabamee kumni 33fi 416 diigamuu dubbatu. Kanaanis lafti heektaara 633 baankii lafaatti deebi’uufi godinaalee garagaraa keessatti qaamolee gocha kanarratti hirmaatan 167 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu himu.
Qabannaa lafaa seeraan alaatiin walqabatee hojii hojjetameenis lafti heektaara kuma saddeetiifi 529 baankii lafaatti akka deebi’uufi, abbootiin warraa kuma 11fi 270 ammoo lafa qabatan akka ka’an deebisan taasifamuu Aadde Zaaraan ibsanii, qubannaa seeraan alaas qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun bakkeewwan rakkoon jirurratti hojjetamaa jiraachuufi naannawa kanarrattis lafti heektaara kuma tokkoofi 100 baankii lafaatti galuu kaasu. Gama kanaan hojiileen hojjetamaa jiran akka jalqabbiitti gaarii ta’uu eeranii, akka bal’ina rakkinichaatti garuu hojiileen hafan hedduu ta’uu ibsu.
Dhimma biraa biirichi barana irratti xiyyeeffatee hojjetaa jiru keessaa dhimmi walharkaa fuudhiinsaa daangaa tokko ta’uu kaasanii, kanaanis aanaalee 47 magaalota 70, gandoota 134 keessatti walharkaa fuudhinsii daangaa gaggeeffamuu eeraniiru. Lafti heektaarri kuma 31fi 766 ta’us baadiyyaarraa gara magaalaatti deebifamuu eeru.
Lafa jiru karaa ammayyaawaa ta’een hogganuufi ittifayyadamuun barbaachisaa ta’uu himanii, biirichis laabraatoorii ji’oo ispaashaalii jedhamu bifa haaraatiin hundeessuufi haaldureewwan kaadaastaraan walqabatan damee kana jalatti kan hojjetaman ta’uu himu. Keessattuu suura magaalotaa saatalaayiitiitiin fudhachuurratti jalqabbii gaariin jiraachuu himu.
Gama biraatiin, Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti, Koree Dhaabbii Dhimmoota Magaalaa, Bu’uuraalee Misoomaafi Geejibaaf raawwii ji’oota ja’aa kan bara 2015 yommuu dhiheessan akka jedhanitti, ministeerichi waggoottan dhufanitti karoora lafa magaalaa kaadaastaraan bulchuu % 60 ga’uuf qabate milkeessuuf xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jira.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015