
Charinnat Hundeessaatiin
Finfinnee: Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad tibbana barsiisota dhaabbilee barnoota olaanaa wajjin dhimmoota adda addaarratti bal’inaan mari’ataniiru.
Gaazexaan Bariisaas kanumarratti hundaa’uun hayyuu nageenyaafi misoomaa Yunivarsitii Dirre Dhawaarraa maricharratti hirmaatan, Doktar Roobaa Pheexroos haala waliigalaa waltajjichaarratti dubbiseera, isaanis yaada ittaanu kennaniiru.
Marichi akkam ture?
Marichi waa lama of keessaa qaba. Tokkoffaa waaa’ee jiruufi jireenya barsiisota yunivarsitii yoo ta’u, lammaffaan ga’ee hayyoonni dhimma biyyaalessaa keessatti qabanirratti kan xiyyeeffateedha. Kanneenirraa ka’uun waanti bal’inaan haasa’amaa ture ministirri muummeen gaaffilee barsiisotarraa ka’an qabataniiti kan dhufan. Gaaffilee ka’an keessaa kan gama lamaanuu jirtu; lammaffaa dhimma biyyaarratti gahee nurraa eegamu akka hinbahanne kan nu gochaa jiru jiruufi jireenya keenya jechuuni barsiisaan kaasaa kan ture.
Kanneen keessaa tokko mindaa, kiraa, mana jireenyaatiin walqabatee, si’eessituu (incentive) walqabateeti sirriitti ka’aa kan ture. Mindaan kanaan dura ture haala jireenyaa amma jiruun walhin ilaallatu; kunis qulqullina barnootaarratti rakkina fiduu danda’a; otoo nuti jireenya keenyaan hingammadin maal jenneet qulqullina barnootaa eegna; Ministeerri Barnootaallee dhimma keenya hinhubanne jedhanfaan bal’inaan ka’an.
Ministirri Muummeenis gaaffii isin kaastaniif otoo hintaane dhukkubbii keessan nan hubadha. Garuu akkuma beektan biyyattiin waraanarra turte. Waraanni qaaliidha. Isarratti hojjechaa turre. Gaafa dhufnu waa tokko of harkaa hinqabnuuyyu. Gargaarsawwan gara garaatiin bira tarre. Hinliqeeffanne.
Kanaaf rakkina keessa jirra. Sanyii waa xiqqootu nu harka jira. Sanyii kana nyaannee booda beela’uu wayya moo sanyii sana facaasnee akka ishiin margitu goonee akka bu’aa qabaattu gochuu qabna jechuun kaasaa turan. Mindaa otoo hintaane jireenyasaa fooyyessuu qabna; keessumaa kiraa manaatiin walqabatee bulchiinsonni magaalaafi naannolee rakkina mana jireenyaafi dhimma lafaatiin walqabatee jiru fuulduraaf akkamitti hojjetanii furuu akka qabanfa’irratti bal’inaan kan haasa’aa turan.
Ittidabalee waa’een biyyaas waltajjicharratti ka’eera. Dhimma biyyaatiin walqabatee qoodni barsiisaa maali, kana keessatti yunivarsitoonni akka maqaasaanii yunivarsitii ta’uu dhiisanii manneen barnootaa sadarkaa lammaffaatti jijjiiramaniiru. Waan isinirraa eegamu bahachaa hinjirtan. Naannummaan jirti. Naannummaan bakkuma ittidhalatanitti galuudha.
Kun ammoo deemee deemee rakkoo uumaa jira. Garaagarummaa uumaa akka jiruudha kan ka’e. Waa’ee yunivarsitoonni of danda’uus (autonomies) irratti ibsa kennaniiru. Kanarraa ka’uun yunivarsitioonni fedhii barsiisotaa danda’uu otoo qabanii humna namaatiinis ta’e qabeenyaan mana barnootaa sadarkaa 2ffaa taatan jedhan.
Kanaaf waa’ee biyyaarratti shoora isinirraa eegamu bahachuu qabdu jedhan deebii kennaniin. Caalaatti kan haasa’amaa tures waa’eedhuma biyyaati. Waa’ee biyyaa keessatti ni hirmaanna garuu rakkina akkanaatu nu mudataa ture kan jedhutu ka’e. Dhimmoonni ijoon marichaa kanneen turan.
Marii taasifamerraa maaltu hubatame?
Kuni ifaa bari. Biyyattiin waraana keessa turte. Erga waraana keessaa baatee reefu ji’oonni muraasni lakkaa’aman. Qabeenyi guddaan achitti dhangala’aa ture. Lubbuun namaas achitti darbaa ture. Haa ibsamu jedhameetuma malee naannolee Affaariifi Amaaraatti manneen barnootaa gubataniiru. Kan caalutu haasa’ama malee rakkinni Oromiyaa keessa jirus akkasuma.
Namni waa’ee naannoo Tigraay haasa’u hinjiru. Achittis manneen barnootaa miidhamaniiru. Isaanis lammiidhuma biyya kanaati. Kunis waltajjicharratti ka’eera. Kanneen hunda ijaaruutu barbaachisa. Kunniin hundi qabeenya gaafatu. Asirratti gaaffiin barsiisaa dogoggora jechaa hinjiru.
Akka barsiisaa tokkootti oggaan ibsu rakkina keessa jirra. Mana kiraa keessa jiraataa jireenya dandamachuu hindandeenye. Rakkinichi guutummaatti dhugaadha. Garuu furmaanni rakkoo kanaa mindaa dabaluu miti. Bulchiinsonni magaalotaafi naannoleen naannawa yunivarsitoonni itti argamanii xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabu.
Dirqama gara mootummaa federaalaatti dhiibuu hinqaban. Ministirri muummee Ministira Maallaqaa Obbo Ahmad Shideetiif hojmanee kenneera. Waa’ee faayidaaleetiin walqabatee akka hojjechuu qabu. Yeroo gabaabaa keessatti guddinni JEG akka hojjetamu. Mindaa otoo hintaane kanneen eeraman fa’irratti hojjetamuu qaba. Mindaa fooyyessuu qofa miti. Jireenya barsiisaa fooyyessuuf dirqama dhimma ministira muummee bira ga’uu miti.
Kanaafis yunivarsitoota Naannoo Amaaraatti argaman akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Achitti barsiisaan gurmaa’ee lafa argatee mana ijaarratee akka jiraatu taasisan. Kana jechuun barsiisaan naannawa sanaa hindeemu, waa’ee jireenyasaatii yaaduu dhiisee dhalootaafi jireenya naannawa sanaatiif yaada jechuudha.
Kun ammoo kutannoo mootummaa federaalaa otoo hintaane dhimma kutattummaa mootummoota naannolee, bulchiinsa magaalotaa, godinaaleefi aanaalee qofa kan barbaaduudha. Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa jireenya barsiisota yunivarsitoota naannoosaa keessa jiranii fooyyessuuf hojjechuu danda’a jechuudha.
Fakkeenyaaf ani barsiisaa Yunivarsitii Dirre Dhawaati. Bulchiinsi Magaalaa Dirre Dhawaas kana gochuu danda’uu qaba. Barsiisaan waan xiinsammuusaa hineeyyamneefiif deemee lafa hinweeraru. Lammii seera kabajuudhasi. Dhimmi jireenya barsiisota yunivarsitii bulchiinsotuma naannawaa kan ilaallatuudha. Dhimmichi dhimma ministira muummee bira ga’u ta’uu hinqabu.
Kanarratti Doktar Abiyyi bulchiinsota sadarkaan jiraniin barsiisota wajjin hojjechuufi mari’achuu qabdu jechuun cimsanii dubbataa turan. Kallattiis kennaniiru. Sirumayyuu kana booda yunivarsitoota wajjin dhimmoota hundarratti haasa’uufi falmii adeemsisuu qabna jedhan. Bulchiinsonni magaalotaafi naannoleen kanarraa sirriitti waa hubachuu qabu.
Hanga hojjetaan achi jiru kansaanii ta’etti, barsiisaan mindaaf iyyuu hinqabu. Jireenya barsiisaa keessumaa rakkoosaa mana jireenyaa akka hojmanneetti fudhatanii furuufiin dirqamasaanii ta’uu hubachuu qabu. Ministirri muummeenis kanuma kan jedhan. Ana dabalatee barsiisonni hedduun daballii mindaa miti kan caalaatti barbaadaman.
Barsiisaa qofa miti hojjetaan biyya kanaa. Biyyattiin hojjettoota mootummaa miliyoona lama caalan akka qabdu ministirri muummeenis ibseera. Mindaan dabalamnaan qaala’iinsi jireenyaas akkasuma dabala. Haala dinadgee hintaane keessa galla.
Yeroo kanatti mindaa dabaluun biyyattii rakkoo keessa galchuu waan ta’eef of eeggannaa barbaachisa. Rakkoo jireenyaa barsiisaa dhaloota qaree hawaasatti dabaluu furuuf haaluma irranatti eerameen hojjetamuu qaba. Kallattii ministirri muummeen kaa’e hojiirra oolchuudha furmaanni. Kun ammoo daran salphaa akka ta’eedha kanin hubadhe.
Miira waltajjichi ittixumurame
Gaaffiilee ka’aniif deebiifi ibsa ministirri muummeen kennanitti hundi keenya waliigallee baanne jechuun ni danda’ama; kanas harka dhahuun ibsineerra.
Yaada dabalataa
Yaadni dabalataa haala biyyattiin keessa turteefi jirtu sirriitti ilaaluun dirqama ta’a. Fakkeenyaaf waa’ee marii biyyaalessaarratti qophiin mootummaa akkami jedhamee ka’ee ture. Mootummaan qooda fudhataa tokko waan ta’eef waa’ee kanaa mootummaa miti kan gaafatamuu qabu.
Haala nageenyaas yoo fudhane mootummaa qofa miti kan tasgabbeessuu qabu. Hundi keenyaa otoo gara mariitti dhufnee gaarii ture. Garuu dhimma nageenya markaneessuurratti hundi keenya hirmaachuu qabna. Deebii gaaffii dhiyeessinee obsaan eeggachuu akka qabnuudha ergaan ani yunivarsitootaaf qabu.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015