“Beekamtiin diyaaspooraaf kenname isa darbe caalaa hojii fuula duraatiif yaadameeti”

– Pirezdaanti Saalaworqi Zawudee

 Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Yeroo biyyattiin qormaata keessa galtutti birmannaa dirqama lammummaa, gochootaafi olola maqaballeessii Itoophiyaarratti taasifamaa ture karaalee garaa garaatiin dura dhaabbachuu keessatti shoorri diyaaspooraa olaanaa ture.

Akka aadaa biyya kanaatti immoo nama gaafa rakkootti sicinaa dhaabbate galateeffachuufi beekamtii kennuun aadaa baratamaafi jajjabeeffamuu qabu ta’uu namootni hedduun irratti waliigalu.

Mootummaan Itoophiyaa gaafa sababa waraanaatiin Addunyaan lixaa irrajireessaan dhugaa biyyattii caalaa olola sobaatiif gurra kennaa turetti warri dhugaa Itoophiyaa kana jara hubachiisuuf dhama’aa ture diyaasporaa biyyoota sana keessa turan waan ta’aniif dheengadda sagantaa galateeffannaafi beekamtii qopheesseera.

 Beekkamtiin diyaaspooraadhaaf kennamu kun hojiiwwan isaan kanaan dura biyyattiif hojjataniif caalaa isa ittaanuuf kaka’umsa olaanaa akka horataniif ta’uu saganticharratti kan argaman Piresdaanti Saalawarqi Zawudee dubbataniiru.

Biyyattiin waggoota lamaan darban haala rakkisaa keessa darbuu kan yaadachiisan Pirezidaantittiin, diyaaspooraan waggoota darban olola sobaa qolachuu irratti deeggaraa ture amma immoo lammiiwwan sababa waraanaatiin miidhaman gargaaruufi deebisanii qubachiisuurratti gaheesaa bahachuu akka qabu gaafataniiru.

Hojiin diyaaspooraan Itoophiyaa yeroo biyyattiin rakkoo keessa galtetti hojjachaa ture qalama warqiitiin kan barraa’ee seenaaf olkaa’amu ta’uu kan ibsan immoo Ministira Muummee Ittaanaafi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, hojiinsaanii kunis dhaloota boodaa

 dhufuuf barnoota gaarii kan dabarsu ta’uu dubbataniiru.

Diyaasporaan deeggarsa kanaan dura taasisaa ture cimsee ittifufuudhaan hojii ijaarsa nageenyaa biyyattii keessatti eegalamerratti shoorasaa bahachuu akka qabuufi quuqama biyyasaatiif qabus irra deebiin akka mirkaneessu waamicha dhiheessaniiru.

Mootummaan biyyattiis lammiileen Itoophiyaa biyyoota gara garaa keessa jiraatan dhimma biyyasaaniirratti bal’inaan akka hirmaataniif haala gaarii mijeessuu himanii, hojii diyaaspooraa qindeessuufi misooma biyyaarratti bobbaasuu keessatti ambaasaaddarootni biyyoota gara garaa jiran hojii bal’aa hojjachaa jiraachuus himaniiru.

Sagantaan beekamtii diyaaspooraaf kennuu kun immoo yeroo jalqabaatiif biyyattiitti kan adeemsifame ta’uunsaas himameera.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015

Recommended For You