Barattoonni mana barnootaa bultii addaa WMO qabxii olaanaa galmeessisan maal jedhan?

 Riippoortaroota gaazexichaatiin

 Barataa Roobeeraa Asmaraa (652)

“Qabxiin koo guddaan Herreega yoo ta’u 100n fide, xiqqoon ammoo ‘Aptitude’ 90dha. Fuuldurattis Sooftiweer Injinariingii barachuun barbaada” jechuun Gaazexaa Bariisaaf yaadasaa kan kenne MAna Barnootaa Bultii Addaa Waldaa MIsooma Oromiyaa damee Adaamaatti barataa kan tureefi qabxii seensa yunvarsiitii akka mana barnootichaatti tokkoffaa kan galmeessise Barataa Roobeeraa Asmaraati.

Qabxii galmeessise kanaan daran gammaduu eeree, keessumaa haala dura hinbaramneerraa ba’uun yunvarsiitii deemanii kan qoraman waan ta’eef qabxii gaarii akkanaa galmeesisuunsaa garaa akka isa ga’e hima.

Barattoota WMO qabxii olaanaa galmeessisan keessaa sadarkaa shanaffaarratti kan argamtu Barattuu Geexees yaada gaazeexaa keenyaaf kenniteen qabxii argatteen ishee, maatiifi barsiisoonni ishee daran gammadoo ta’uu himti.

Haalli barana qormaanni itti kenname haaraa ta’uus gaarii akka ture kaastee, keessumaa barattoonni mana marnootaa bultii addaa doormii keessa kan jiraatan waan ta’eef itti waan baraniif hedduu akka hinrakkanneefi gaarii akka ture himti. Ijoollee ja’a maatiin ishee godhatan keessaa intala sadaffaafi tokkittii kan taate Geexeen, fuuldurattis Doktara Meedikaalaa barachuu akka hawwituu ibsiti.

Barattuu Geexee Boonaa (637)

Barattoonni Waldaa Misoomaa Oromiyaa (WMO) baranas marsaa shanaffaaf qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014n qabxii olaanaa galmeessisuu kan ibsan ammoo Daarektara Ittaantuu mana barnootichaa Barsiistuu Meetii Taayyee ibsan.

Akka ibsasaaniitti barattoota 76 qormaaticha fudhatan keessaa barattoonni 21 (harki 27.6) qabxii 600fi isaa ol, barattootni 45 qabxii 500-599fi barattoonni lama immoo qabxii 400 keessa kan galmeessan yoo ta’u, akaakuu barnoota Herregaas %100 galmeessisuun kan danda’ameefi qabxiin olaanaa ta’e, 652 galmaa’eera. Ijoolleen kudhan 500 gadi. Barattoonni mana barnootichaa hundi dhibbantaa barbaadamuufi sanaa ol fidaniiru. Baay’ina barattootaa eerame keessaas shamarran 30.

Dursanii xinsammuu barattootaarratti hojjechuun qabxii galmaa’e kanaaf daran gumaachuus eeranii, akeekni kenniinsa qormaata bara 2014 kan milkaa’eedha jedhan. “Haalli qormaanni ittikennameefi bu’aan argame mataasaatiin qorannoo tokkoodha. Hojiin damee barnootaarratti hojjetamaa jiru milkaa’aa jiraachuu agarsiisas” jedhan. Sadarkaa barnoonni biyya keenyaa irra jiru kan akeekeedhas jedhan.

Manni barnootaasaaniis akeeka qabatee hojjechaa jiru milkeeffachaa jiraachuu ibsan. Akeekichis barattoonni muraasni qofti qabxii gaarii akka fidan otoo hintaane hunduu dorgomoo ta’anii yunivarsitii akka galan gochuudha jedhan. Oduudhuma walqabateen firii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014n barattoonni kuma 29fi 909 ol dhibbantaa 50 ol galmeessisuu Ministirri Barnootaa ibsan.

Ministirichi Pirofeesar Biraanuu Naggaa ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 fudhatan kuma 896fi 520 keessaa barattoonni kuma 29fi 909 dhibbantaa 50 ol galmeessisuu beeksisan.

Qormaatichi karaa hannarraa bilisa ta’een yunivarsitiiwwanitti kan kenname ta’uu himanii, bu’aan galmaa’es dandeettii barattootaa kan ibsu ta’uu eeraniiru. Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoramuuf galmaa’an keessaa kumni 77fi 098 qormaatarratti kan hinargamne ta’uu himanii, kumni 20fi 170ni ammoo danbii cabsuudhaan akka qoramne yaadachiisaniiru.

Damee barnoota saayinsii uumamaatiin 700 keessaa qabxii olaanaan 666 yoo ta’u, saayinsii hawaasaa 600 keessaa 524 galmaa’uu eeraniiru. Bararattoonni dhibbantaa 50 gadi fidan carraa yunivarsiitii seenuu kan hinqabne ta’uus himaniiru.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015

Recommended For You