Baayoo teknolojii: Sochii wabii sirna nyaataa mirkaneessuu biyyootaa deeggaruuf

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Akka ragaan Dhaabbata Nyaata Addunyaa mul’isuutti ALA bara 2050tti namoonni dabalataa biliyoonni lama gara addunyaa kanatti ni dhufu. Kanaanis baay’inni ummata addunyaa biliyoona 10tti kan guddatu yoo ta’u, rakkinichimmoo keessumaa biyyoota guddinaan boodatti hafoo ta’anitti hammaata.

Kanaaf biyyoonni filmaatawwan garagaraa fayyadamuun omishaafi omishtummaa dabaluun dirqama ta’uu kan gorsan qorattoonni, keessumaa baayoo teknolojiitti fayyadamuun murteessaa ta’uu gorsu.

Itoophiyaanis baayoo teknolojiitti fayyadamuun omishaafi omishtummaa guddisuuf hojjetaa jiraachuu Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa beeksise. Daarektarri inistitiyutichaa Doktar Fatoo Esmoo leenjii gaazexeessitootaa marsaa 10ffaa Kibxata darbe inistitiiyutiichi qopheesserratti taasisaniin akka jedhanitti, qorannoo saayinsii wajjin walqabatee hojiileen jireenya ummataa jijjiiruu danda’an hedduun hojjetamaniiru.

Ta’us saayintistoonni biyyattii ilaalcha “nuti hojii keenya hojjechuu malee daataan ofumaan of ibsa”: jedhuun hojiinsaanii qabatamaatti rakkoo ummataarratti jijjiirama fidaa hinjiru. Kunimmoo sababa hubannoon ga’aa irratti hinuumamneef ta’uusaatiin miidiyaan ittigaafatama olaanaadhaan hojjechuu qaba.

Yeroon isaa yeroo addunnyaan teknolojii baayoo teknolojiitiin bu’aalee garagaraa galmeessaa jirtu ta’uu eeranii, Itoophiyaanis kanarraa bilisa ta’uu akka hindandeenyeefi hojiin hojjetamu ummata bira ga’ee sirriitti jireenya ummataarratti hiika akka fiduuf hubannoo cimsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu kaasu.

Inistitiyuutichatti, Daarektarri Baayooteknolojii Qonnaa Itoophiyaa Doktar Dajanee Girmaa gamasaaniitiin, qorannoowwan saayinsii hedduun rakkoo ummataa hiikuun danda’an hojjetamuu eeranii, kunneenis sababa haalaan ummata bira hingeenyeefi hubannoo ga’aan irratti hinuumamneef gaafa faayidaa barbaachisurra oolan akka hinmul’anne ibsu.

Qorannoowwan saayintistoota biyyattiitiin taasifaman baay’een jiraatanis haala barbaadameen hojiitti hiikamuu dhabuusaaniitiin faayidaan irraa argamuu malu akka hinargamne kaasanii, kanaafis keessumaa miidiyaan ifa argamerratti ifa ibsuun hojii saayinsii hubachiisuurratti xiyyeeffachuu akka qaban dubbatu.

Ittigaafatamaan Fooramiin Banaa Baayoo Teknolojii Qonnaa Doktar Taaddasaa Dhaabaas bu’aalee baatoo teknolojiin qonna keessatti qaburratti hubannaa barbaachisu uumuuf fooramichi (Open Forum for Agricultural Biotechnology ‘OFAB’) bara 2006 Keeniyaatti kan hundeeffame ta’uu eeranii, kunis biyyoonni waltajjii odeeffannoo sirrii akka itti waljijjiiraniif yaadamee kan hundaa’e ta’uu himu.

Baayoo teknolojiin saayinsii lubbuu qabeeyyii keessa hinseenne hinqabu. Addunyaarrattis biyyoonni itti fayyadaman bu’aa ittiin argachaa jiru. Dameewwan faayidaarra oolaa jiran keessaammoo baayoo teknolojiin qonnaa isa tokkodha. Dhaabbileen qorannoo hojjetan kamiyyuu teknolojii kanatti haalaan fayyadamu. Biyyoonnis karoora misoomaa waaraa qabatan milkeessuuf teknolojii ammayyaa baayoo teknolojii jiru hundatti fayyadamuun dirqama” jedhu.

Akka qorannoon ALA bara 2022 taasifame mul’isutti sababa weerara Koviid-19, jijjiirama qilleensaafi kkftiin namoonni miliyoona 828 beelaaf saaxilamanii jiraachuu kaasanii, rakkoo kana dandamachuuf ammoo gama baayoo teknolojii fayyadamuutiin wanti boodatti nama deebisuu danda’u akka hinjirre kaasu. Sabbanisaas teknolojichi saffisaa ta’uusaatiin furmaata kennuurratti filatamaa ta’uu eeranii, kanaanis akka fakkeenyaatti sanyiiwwan qamadii hammi omisha kennuusaanii olaanaa ta’e omishuun danda’amuu ibsu.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015

Recommended For You