“Ayyaanni Daraaroo walitti hidhamiinsa sabootaafi ijaarsa biyyaatiif shoora guddaa kan taphatuudha” – Doktar Yoseef Maaruu

• Ayyaanichi har’a sirna ho’aadhaan kabajama

 Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Ayyaanni Daraaroo waggaa waggaadhaan bifa ho’aa ta’een ummata Geeda’ootiin kan kamajamu ta’uu ayyaanichi waggoota dheeraa irraa eegalee sirni murtii ‘Songoo’ jedhamu kan itti gaggeeffamu ta’uu Qajeelchi Aadaafi Turizimii godinichaa ibse. Ayyaanichis magaalaa guddoo godinichaa Dillaatti har’a sirna ho’aadhaan kabajama.

 Ittigaafatamaan kun qajeelchichaa Doktar Yoseef Maaruu, kabaja ayyaanichaa ilaalchisuun yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, yeroo ammaa sirna murtii kennuu ‘Songoo’ jedhamu kana kan tajaajilan abbootiin Songoo 525 ta’an godina Geede’oo keessatti kan argaman ta’uufi sirni kun yeroo hongeen mudatu, roobni dhabamuufi rakkooleen uumamaafi namtolchee hawaasicha mudatanitti ummatni baay’inaan bahee Waaqasaa ykn uumaasaa kan ittiin kadhatu ta’uu ibsu.

Akka ibsasaaniitti, jechi Daraaroo jedhu kun hiikkaa abaaboo ykn immoo daraaraa jedhu irraa kan dhufeedha. Kun immoo afaan Oromootiinis hiikkaa walfakkaatu kan qabuudha. Gama biraatiin immoo Daraaroon ykn Daraaraan gosa nyaataa aadaa filatamaafi keessummaa kabajamaa ta’eef qophaa’uudha. Nyaatni kunis dhadhaa, garbuufi midhaan gosa garaa garaa irraa kan qophaa’uudha. Nyaatni kun irra jireessaan yeroo ayyaana Daraaroottis ni qophaa’a.

“Hiikkaan inni biraa immoo naannawaan ummanni Geede’oo irra jiraatu kun bosona akaakuu garagaraatiin kan uwwifameefi qabeenya uumamaatiinis kan badhaadhe waan ta’eef gosoota daraaraa ykn abaaboo hedduu kan qabuudha. Kana waan ta’eefis ayyaanni kun waggaa waggaadhaan yeroo kabajamutti qonnaan bulaan hundi daraaraa kana qopheeffatee abbootii gadaa dhandhamsiisuun sirnicha kabaja” jedhu.

Abbaan Gadaa tokko ooyruu qabaatus hanga baalliin harkasaa jirtutti hinqotatus hinbocatus (ummataaf Waaqa kadhachuu malee) kan jedhan ittigaatamaan kun, waan ta’eef guyyaa ayyaana Daraarootti namni hundi waan qaburraa walitti qabee isaaniif kan geessu yemmuu ta’u sirni kun immoo Gumaata akka jedhamu ibsu.

 Ijaarsa biyya tokkootiif sirnootni akka daraaroo kun shoora olaanaa kan qaban ta’uu eeranii, walitti hidhamiinsa sabootaafi sablammoota biyyattii jidduu jiru cimsuu keessattis iddoo olaanaa kan qabaatan ta’uu himu. Waggootan muraasan darban sabootni obbolaa akka Oromoo, Sidaamaa, Alaabaafi kanneen biroos baay’inaan hirmaachaa jiraachuusaaniifi keessattu ummanni Oromoo bal’aaniifi Abbootiin Gadaa Oromoo deeggarsa guddaa taasisaa jiraachuu dubbatu.

Ayyaanicha UNISCO tti galmeessisuufis sochiin eeagalamuu ibsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015

Recommended For You