“Oromiyaatti ji’oota ja’an darbanitti daandii kiiloomeetirri 413 hojjetameera” –Injinar Helan Taammiruu

  • Barana daandii kiiloomeetira kuma lamaafi 650 karoorfamee hojjetamaa jira

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti uwwisa daandii kiiloomeetira kuma 58 ture barana (2015tti) kiiloomeetira kuma 61fi 635n ga’uuf kan karoorfame yoo ta’u, ji’oota ja’an darbanitti daandiin kiiloomeetirri 413 hojjetamuu Biiroon Daandiiwwaniifi Lojistiksii Oromiyaa ibse.

Hoggantuun biirichaa Injiinar Helan Taammiruu gaafdeebii kaleessa waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa

 wajjin taasisaniin, bara bajataa 2015tti uwwisa daandii naannic…haa kan bardheengaddaa turerratti kiiloomeetira kuma lamaafi 650 dabaluuf karoorfamuufi hanga yoonaa garuu daandii kiiloomeetira 413 qofti hojjetamuu himu. Kanneen keessaas kiiloomeetirri 373 sagantaa waliinga’iinsa daandii baadiyyaatiin kan hojjetamu ta’uufi sagantaa kanaanis barana kiiloomeetira kuma tokkoofi 931 hojjechuuf karoorfamuu dubbatu.

Hojiin ijaarsa daandii barana qabame haala karoorfameen deemuu kan dhabeef sababa rakkoo hanqina simintoo, qaala’ina gatii meeshaalee ijaarsaafi dabaluu gatii boba’aatiin ta’uu eeranii, sababoota kanneeniif ji’oota afur/shaniif hojiin hojjetamaa akka hinturre dubbatu.

Biirichi bara 2014 damee lojistikii ofitti dabaluun bifa haaraan gurmaa’ee erga hojiitti seenee ijaarsa daandiitti dabalataan lojistiksii kanneen akka buufatawwan konkolaataa, dirree xiyyaaraa xixiqqaafi qonnaan bulaan omisha gara gabaatti akka geeffatu qorannoo adeemsisuu raawwataa jiraachuu himu. Bara kanas pirojektiiwwan buufatawwan konkolaataa, suphaa daandiifi dirree xiyyaaraa tokko qabachuun hojiitti seenamuu himu.

Akka ibsa Injinar Helanitti, dirreen xiyyaaraa xiqqaa Harargee Bahaa, Awwadaayitti kan ijaaramu yoo ta’u, kontiraaktara wajjin waliigalteen mallatteeffamee hojiitti seenamuuf qophiin xumurameera. Ijaarsisaas Korpooreeshinii Ijaarsaa Oromiyaatiin kan gaggeeffamuufi baasii qarshii biliyoona tokkoon kan raawwatuudha. Kunis waggaa dhufu dhumee tajaajilaaf ni oola jedhamee yaadama.

Buufatawwan konkolaataatiin walqabatees pirojektiiwwan duraan Abbaa Taayitaa Geejiba Oromiyaatiin hojjetamaa turan torba, sadii ammoo haaraan hojjetamaa kan jiran ta’uu kan himan hoggantuun tun, kanneen duraan turan keessaa Buufata Konkolaataa Naqamtee, Amboo, Jimmaa, Shaashamannee, Adaamaa, Walisoofi Bulee Horaa; haaraan ammoo Gimbii, Fiicheefi Asallaa ta’uu ibsu.

Kanneen keessaas kan Amboo dura kan xumurame ta’ullee kan hinmilkoofnee ta’uusaatiin dhimmichi abbaa alangaatiin qoratamaa jiraachuufi hojicha akka haaraatti kontiraaktaraaf kennuuf qorannoon barbaachisu xumuramee hojiitti seenamuuf ta’uu dubbatu.

Buufataaleen konkolaataa Naqamtee, Walisoofi Bulee Horaas gaafuma achii dabarfaman kontiraaktaraan walqabatee rakkoo kan qaban ta’uu kaasanii, erga gara biiroosaaniitti dhufaniis wantoota sirrachuu qaban sirreessuun hojiitti seenamuu ibsu. Kan Shaashamanneefi Adaamaa garuu sadarkaa xumuraarra waan ga’aniif dhihootti tajaajila kennuu akka eegalan eeru.

Gama ijaarsa riqichawwaniitiinis kanneen hordoffii godinaaleefi naannootiin hojjechiifaman 227 jiraachuu kaasanii, kanneen keessaa barana riiqichoota 96 xumuruuf hojjetamaa jiraachuufi hanga yoonaa 14 hojjetamuu dubbatu.

Gama misooma daandiitiinis akka naannooti pirojektiiwwan 21 jechuunis pirojektiiwwan asfaaltii sadiifi cirrachaa 19 hojjetamaa jiraachuu himu. Kanaanis ijaarsi daandii asfaaltii sababoota nageenyaafi qaala’ina gatiitiin kan harkifate yoo ta’u, kanneen cirrachaa garuu keessummaa bakkeewwan rakkoo nageenyaa hinqabnetti haalaan hojjetamaa jiraachuu addeessu.

Pirojektota asfaaltii sadaniis Amboofi Roobeen kiiloomeetira 15, 15, Aggaaroon 10.3, kan qabatan yoo ta’u, inni Amboo rakkoo kontiraaktaraa waan qabuuf ummanni gaaffii irratti kaasaa kan ture ta’uufi amma rakkinichi furamee hojii hojjetamaa jiruun kiiloomeetirri 9.6 xumuramee tajaajila kennaa jiraachuu addeessu. Kan Aggaaroos sababuma walfakkaatuun kan harkifate yoo ta’u, barana garuu dirqama xumuruuf hojjetamaa jiraachuufi kan Roobee ALA bara 2024tti xumuruuf karoorfamee hojiitti seenamuu kaasu.

Akka Injiinar Helan jedhanitti, daandii cirrachaatiin walqabatees pirojektonni 19 jiru. Kanneen keessaa torba hojiitti jiru. Kanneen hafan garuu bakkeewwan rakkoo nageenyaa qaban waan ta’aniif hinhojjetamne. Kanneen hojjetaman yommuu madaalamaniis %66 irra jiru.

Akka waliigalaatti barana pirojektii haaraan hojjetamuuf qabame kan hinjirre ta’uufi kanneen jalqabaman xumuruurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanneenis haaluma qabameen akka xumuramaniif yeroo hafetti humna guutuun hojjechuun isa karoorfame milkeessuuf akka hojjetamu kaasu.

Guutuu gaafdeebiisaanii maxxansa keenya ittaanuun fuula keessummaarratti isin dubbisiisna.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You