Dinagdee gooroo jabaa ijaaruuf damee alergii cimsuu

Finfinnee: Dinagdee gooroo jabaa ijaaruun imala badhaadhinaa dhugoomsuuf ga’een alergitootaa iddoo olaanaa qaba. Mootummaanis hiyyummaa seenaa gochuun biyya badhaate ijaaruuf damee alergiitiif xiyyeeffannoo olaanaa kennee fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf haala addaatiin hojjechaa jira.

Kana keessattis qooda fudhattoonni keessumaa alergitoonni, omishtoonniifi mootummaan qindoominaafi tokkummaadhaan hojjechuun misooma biyyaa dhugoomsuufi badhaadhina mirkaneessuuf ga’ee olaanaa akka qabuudha waltajjii marii Sanbata darbe Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti abbootii qabeenyaa (alergitoota), adeemsistoota hojii baankotaafi qondaalota mootummaa wajjin gaggeeffamerratti kan ibsame. Kanaanis sochii waliigalaa dinagdee biyyaafi Oromiyaarratti marii bal’aan adeemsifameera.

Waltajjicharratti haasaa seensaa kan taasisan Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaa Kilaastara Horataalee Mootummaa Oromiyaa kan turan (Ministira Qonnaa ammaa) Doktar Girmaa Amantee akka jedhanitti, abbootii qabeenyaa alergii dameewwan qonnaa, albuudaafi industiriirratti bobba’an dinagdee biyyaa guddisuuf damicharratti xiyyeeffannaadhaan hojjechuu qabu. Daldala alergii dameewwan qonnaa, albuudaafi industirii Oromiyaa ka’umsa godhatan milkeessuuf karoora qophaa’erratti dhimmamtoota wajjin mari’ateera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimmoota dinagdeerratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf cichee hojjetaa jiraachuus eeranii; keessumaa damee dinagdeerratti xiyyeeffannaa addaa kennee hojjetaa akka jiruudha cimsanii kan dubbatan.

Kunis omishaafi omishtummaa magaalaattis ta’e baadiyyaatti guddisuu, baay’ina, qulqullinaafi si’aayinaan omishuu, wabii nyaataa mirkaneessuu, omishaalee alaa galan bakka buusuu, kanneen alatti ergaman guddisuu, hojiilee kanneen keessatti carraa hojii bal’aa uumuufi qusannaafi invastimantii guddisuuf bal’inaan hojjetamaa jira jedhan.

Kanas qo’annoofi beekumsaan utubuudhaan dinagdee beekumsaan hogganamu uumuuf tattaaffii taasisamu keessatti karooraan hogganaa hojjechuun akka jalqabame Doktar Gimraan himaniiru.

Xiyyeeffannaan kan irratti mari’atame dandeettiiwwan gama daldala alergii guddisuutiin jiran, haala amma ittijirru, haalatti hudhaaleen adda bahan furmaata itti argatan ka’umsa godhachuuni jedhan. Mootummaan Oromiyaa omishaalee alergii naannicha ka’umsa godhatan haala ittifufiinsa qabuufi karooraan hogganuufi utubuuf kan murteesse ta’uus ibsaniiru.

Qo’annoon Ministeerri Daldalaafi Walittihidhamiinsa Naannawaa dhimmamtoota kaan wajjin taasise akka eerutti, omishaalee qonna jiddugala godhatan keessaa akka biyyaatti qoodni Oromiyaa harka 60, kana keessaa albuudni harka 40, kan industirii (omisha abaaboofi hortikaalcharii dabalatee) harka 64, waliigalaan omishaalee biyyi keenya alatti ergitu keessaa Oromiyaan jiddugalaan harka 64 oli.

Hojiilee (inisheetivoota) haaraa waggoota darbanitti eegalamaniin dameewwan magaalaafi hawaasummaatiin waanti akka Oromiyaatti eegalame xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kan eeran Doktar Girmaan, keessumaa damee qonnaatiin akka omishniifi omishtummaan dabaluuf qulqullina, baay’inaafi si’aayinaan akka hojjetamuuf bu’aalee ka’umsaa kan agarsiisan ta’uu beeksisaniiru.

Omishaaleen alergii haaraan akka gabaatti dabalamaniif carraawwan uumamaa jiraachuus dubbatanii, fakkeenyaaf Oromiyaatti waggoota sadan darban qofatti lafti hektaarri kuma jaha biqiltuu haaraa avokaadoo alergiif ta’uun uwwifamuu ibsaniiru. Kanaanis bardheengaddaa alatti erguun eegalamuu himaniiru.

Kanaaf inisheetivoonni haaraan naannichi fudhate omishaafi omishtummaa dabaluu qofa otoo hintaane omishoota haaraa biyyi keenya kanaan dura ittiin hinbeekamne qabatamee gabaatti akka seenamu kan dandeessiseedha jedhu.

“Biyyi keenya kanaan dura qamadii alaa galchuudhaan beekamti. Qamadii alaa galu hambisuu qofa otoo hintaane qamadiin akka omisha alergii tokkootti alatti ergamuu akka qabu bu’uura kallattii kaa’ameetiin barana alergii tokko ta’ee dabalama. Kanaaf kanarratti waltaanee yoo hojjenne omisha dabalaa jiru kana funcaa daldalaasaatiin yoo utubne daldala alaa keenya utuma biyyattiin rakkoo keessa jirtuu guddachaa ture caalaatti guddisuu akka dandeenyu agarsiistuu ta’uu danda’a” jedhu.

Akka BMNOtti gama alergiitiin maniiwwan bara 2015 kaa’amuu kan eeran Doktar Girmaan, waggoota shanan darbanitti maaltu akka milkaa’erratti qo’annoo adeemsisuufi omisha Oromiyaa keessatti argamaa jiru raaguudhaan omishni hammanaa ni argama jedhamee karoorfameera.

Barana qamadii kuntaala miliyoona 15 (akka biyyaatti) alatti erguuf dandeettiin jira. Albuudarraa galii doolaara miliyoona 900, Industiriirraa doolaara miliyoona 300, walumaagalatti alergiirraa galii doolaara biliyoona 4.2 argamsiisuuf karoorfameera. Hojii kana keessatti fayyadamummaan horsiiseefi qonnaan bulaa akkasumas damee hojii albuudaatiin mirkanaa’uu qaba jedhan.

Waltajjicharratti Biiroo Daldala Oromiyaarraa Obbo Galatee Caalaa karoora qabame bal’inaan kan dhiyeessan yoo ta’u, hirmaattonnis yaadota adda addaa kaasuun irratti mari’ataniiru. Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas kallattii kennaniin sirna daldalaa alergii cimaa ijaaruun dhimma birmadummaa biyyaati jedhan. Jaalala biyyaaf qabnu biyya keenya dinagdeedhaan akka cimtu kan nurraa eegamu hunda bahachuun hojii qabatamaadhaan mirkaneessuu kan gaafatu ta’uus ibsan.

Biyya keenya dinagdeedhaan cimsuuf qindoomina olaanaadhaan hojjechuun dhimma murteessaa ta’uus eeranii, biyyi omisha alergii jabaa hinqabne, eessayyuu hinqaqqabdu; biyyis kan kabajamtu yoo dinagdee jabaa alergiidhaan utubamu qabaatteedha jedhan.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You