
Adaamaa: Biiroon Invastimantiifi Industirii Oromiyaa Dilbata darbe caasaaleesaa sadarkaa godinaaleefi magaalotaatti jiran waliin raawwii karoora hojii kurmaana lammaffaa bara 2015 irratti Magaalaa Adaamaatti mari’ateera. Waltajjii marichaarratti gabaasni raawwii hojii ji’oota ja’an darbanii bulchiinsota magaalotaa, godinaaleefi biirichaa dhiyaachuun ciminootaafi hanqinoota raawwii hojiirratti mul’atan adda baasuun guyyoota lamaaf irratti mari’atameera.
Gabaasni dhiyaate akka ibsutti, Biiroon Invastimantiifi Industirii Oromiyaa raawwii karoora hojii ji’oota ja’an darbaniitiin qaamota dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun magaalaafi baadiyyaatti lafti invastimantiif oolu heektaara kuma 12fi 486.61 qophaa’eera. Seektarichi namoota kuma 77fi 839f carraan hojii yeroofi dhaabbii uumameera. Pirojektota haaraan kuma lamaafi 754 kaappitaala qarshii biiliyoona 95.12 galmeessisan simatamaniiru.
Gabaasni dhiyaate akka ibsutti, pirojektoota ijaarsa xumuranii omishatti osoo hingalin turan 434 omisha akka jalqaban ta’eera. Pirojektoota hojii omishuu ykn tajaajila kennuu jalqabanii jiddutti dhaaban 101 rakkoo isaanii hiikuun gara hojii omishaatti akka deebi’an gochuun danda’amee jira.
Pirojektonni 358 ijaarsa isaanii xumuranii hojii omishaa ykn tajaajila kennuuf qophaa’aniiru. Pirojektota invastimantii abaaboo, kudraafi mudraafi omishaalee manufakchariingii meetriik toonii kuma 64,081 gabaa biyya alaatiif dhiyeessuun galiin sharafa alaa dolaara miliyoona 301fi kuma 733fi 998 argamsiisuun danda’ameera. Galii biyya keessaa irraa ammoo galii qarshii miliyoona 230fi kuma 800fi 760 argameera.
Pirojektotni tokko tokko dafanii xumuramuu dhabuun, lafti invastimantii bakka hundatti akkaataa barbaadameen qophaa’uu dhabuun, ijaarsi pirojektotaa lafarra harkifachuun, kenni tajaajila iddoo tokkoo sadarkaalee hundatti haala barbaadameen hojiirra ooluu dhabuun rakkoolee guguddoo adda ba’aniifi kurmaana sadaffaa keessatti xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetaman ta’uunis eerameera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015