
Finfinnee: Bara bajataa 2015 ji’oota shan darban keessatti yaa’iinsi turistoota biyya keessaa miliyoona 7.2 ol kan keessummeeffame yoo ta’u, kunneenirraas galiin qarshii biliyoona torbaa ol argamuu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO) beeksise.
Hogganaan Ittaanaan biirichaa Obbo Hundee Kabbadaa odeeffannoo Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, bara bajatichaa ji’oota shan keessatti turistoonni biyya keessaa miliyoona 7.2 keessummeeffamuun galiin qarshii biliyoona torbaa olgalmaa’uu, akkasumas yaa’insa turistoota biyya alaatiin turistoota kuma 62fi 500 keessummeessuun galiin miliyoona 375 argameera.
Biirichi turistoota biyya keessaa miliyoona saddeet simachuuf karoorfatee socho’aa turuu himanii, miliyoona 7.2 simachuun karoorasaanii dhibbantaa 90.1, turistoota biyya alaa kuma 75 simachuuf karoorfamee kuma 62fi 500 simachuun dhibbantaa 83.3 milkeessuusaanii dubbataniiru.
Lakkoofsi turistootaa baay’een kan qabamu ayyaanota amantiifi ummataa naannichatti gaggeeffamu bu’ureeffachuun ta’uu Obbo Hundeen himanii, kunneen keessaa kabaja ayyaanota Irreechaa, Gabreelii Qullubbii, Dabraliibaanosiifi kkf turistoonni biyya keessaafi alaa baay’inaan kan hirmaatan ta’uu himaniiru.
Akka biyyaatti walittibu’iinsa kutaa Itoophiyaa Kaabaatti uumame sababeeffachuun yaa’iinsi turistoota biyya alaa hir’achuusaa ibsanii, erga mariin nageenyaa mootummaa ABUT gidduutti taasifameen booda sochiin turistoota alaa foyya’aa dhufuu dubbataniiru.
Biirichi sochiiwwan turizimii naannichatti taasifamu caalaatti hawwataa taasisuuf hojmaatawwan adda addaa diriirsuun hojjechaa akka jiru Obbo Hundeen ibsaniiru.
Raawwii hojii Mana Murtii Aadaa wayita ibsanis ji’oota shan keessatti dhimmoota kuma 155fi 472 dhiyaatan keessaa kumni 118fi 233 furmaata argachuu dubbataniiru.
Hojiilee manneen murtii aadaa caalaatti cimsuuf hojjetaman keessaas, iddoowwan rakkoon nageenyaa hinjirretti karaa guutuu ta’een akka hundeeffamu taasifamuu, jaarsolii /abbootii murtii/ filachuurratti deeggarsi taasifamaa turuu, gaaddisa dhaddachaa (iddoo hojii) akka argatan qaamolee adda addaa waliin hojjetamaa turuu, hojiin seera qabeessummaafi beekkamtii kennuufi leenjiiwwan garagaraa qopheessuun hojiin hubannoo uumuu hawaasaaf kennamuu, abbootii Gadaa, jaarsolii biyyaafi kanneen biroof bakkawwan adda addaatti bal’inaan kennamaa turuu ibsaniiru.
Wayinisheet Kaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015