
Finfinnee: Qindeessummaa Yunivarsitii Haramayaatiin yunivarsitiiwwan Sulula Laga Awaashiifi Waabii Shabalee keessatti argaman 11 fooramii hundeessuudhaan haala lageen lamaan qorannoofi qo’annoodhaan deeggaramanii hawaasa naannawaafi biyyaaf faayidaa ittifufiinsa qabu kennuu danda’anirratti waliin hojjechaa kan jiran yoo ta’u, yaa’iin lammaffaa fooramichaa dheengadda Finfinnee Hoteela Kaappitaalitti adeemsifameera.
Pirezidaantonni yunivarsitiiwwanii, qorattoonni sululawwan lageen lamaaniifi hoggantoonni Misooma Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii yaa’icharratti argamuun gabaasa fooramichaa bara darbeefi waraqaalee qo’annoo dhiyaataniifi haala gara fuulduraattis waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru. Kana malees dambii ittiin bulmaata fooramichaafi karoora tarsiimawaa waggaa kudhaniirrattis mari’achuun mirkaneessaniiru.
Pirezidaantiin Yunivarsitii Haramayaa Doktar Jamaal Yusuuf akka jedhanitti, Yunivarsitiiwwan 11 sulula laga Awaashiifi Waabii Shabalee keessatti argaman fooramii hundeessuudhaan qo’annoofi qorannoorratti hundaa’uudhaan lageen lamaan misoomsuufi rakkoo hawaasaa furuuf hojjechaa jiru. Fooramichi hojii kana Ministeera Misooma Jallisiifi Naannawaa Gammoojjiifi Ministeera Bishaaniifi Inerjii waliin hojjechaa jira. Fooramichi lageen lamaan misoomaaf oolchuu, walitti bu’iinsa lafa dheedichaafi bishaan waliin walqabatanii horsiisee bultoota naannawaa sanaa biratti mudatan hambisuufi misooma jallisii babal’isuun qonnaan bulaafi horsiisee bulaan hirkattummaa roobaa jalaa akka ba’u taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhu.
Fooramichi lageen lamaan bal’inaan misooma jallisiif akka oolan taasisuun xiyyeeffannaa mootummaan biyyattii oomisha qamadii jallisiitiif kenne milkeessuuf hojjechaa jiraachuu himanii, hojiin kun jiruufi jireenya hawaasa
horsiisee bulaafi qotee bulaa sululawwan laga Awaashiifi Waabii Shabalee keessatti argaman fooyyessuurra darbee dinagdee biyyattii utubuu keessattis gumaacha guddaa kan qabu ta’uu eeraniiru.
Hojiiwwan qo’annoofi qorannoon deeggaramanii hojjetaman rakkoolee hawaasaa furuufi bu’aaleen malan akka argaman taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu himanii, hojiileen fooramichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin sululawwan Laga Awaashiifi Waabii Shabaleerratti hojjechaaa jiru balaa lolaa ittisuufi balaa hongee hir’isuu keessatti gumaacha olaanaa kan taasisu ta’uus dubbataniiru.
Ministir De’eetaan Misooma Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Doktar Biraanuu M. Leenjisoo akka jedhanitti, hojiin qo’annoofi qorannoo yunivarsiitonni sulula Laga Awaashiifi Waabii Shabalee keessatti argaman 11 lageen lamaanirratti taasisan hojii ministeerichi hojjetu waliin hidhata cimaa qabuufi kan deeggaruudha.
Qo’annoofi qorannoo fooramichi lageen lamaanirratti adeemsisus hojii qabatamaa ta’e hojjechuuf kan nama kakaasuudha. Sululawwan 12 biyyattii keessa jiran keessaa bishaan guddaa kan qaban sulula laga Awaashiifi Waabii Shabalee ta’uus himaniiru.
Lageen Awaashiifi Waabii Shabalee naannawaa gammoojjiitti waan argamaniifi bishaan gurguddaa waan qabaniif misooma jallisii bal’aa uwwisuu danda’u kan jedhan Doktar Biraanuun lageen lamaan seenaa misooma jallisii biyyattii keessattis akka fakkeenyaatti eeramu.
Bu’uuraaleen misooma jallisii baay’een kan hojjetamanis lageen lamaanirratti yoo ta’u bu’uuraaleen misooma jallisii 500 ta’an Laga Awaashirratti kan argamaniidha jedhaniiru.
Sululawwan Laga Awaashiifi Waabii Shabalee humna misooma jallisii biyyattii keessaa %15 kan uwwisan ta’uu himanii, hojiin misooma qamadii jallisii bal’inaan adeemsifamaa kan jiru bal’inaan sululawwan lamaan keessatti kan argaman ta’uus himaniiru.
Ministeerichi bu’uuraalee misooma jallisii babal’isuu, kanneen ijaarsisaanii jalqabamee addaan citeefi duubatti harkifatan kanneen akka pirojektii Tandaahoofi Kasam xumursiisuufi haaraa ijaaruufi kanneen suphaa barbaadan ammoo suphuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Qabeenya bishaanii keenya sirnaan yoo ittifayyadamuu baanne balaa lolaa hamaafi dhiqama biyyee guddaa hordofsiisa. Bu’uuraalee misooma jallisii babal’isuun misooma jallisii babal’isuu qofa utuu hitaane rakkoo lolaafi dhiqama biyyee kan hambisu ta’uus ibsaniiru.
Hojiin misooma jallisii beekumsa, humnaafii qarshii guddaa kan barbaadu ta’uu himanii, hojiin misooma jallisii babal’isuun wabii nyaataa mirkaneessuufi hirkattummaa roobaa jalaa akka baanu taasisuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.
Biyyoonni hirkanttummaa roobaa jalaa ba’aniifi wabii nyaatasaanii mirkaneeffatan misooma jallisiirratti xiyyeeffataniiti jedhu.
Ammaan booda qonni roobarratti hundaa’e baay’ee kan nama ceessisu miti. Roobni yeroo eegametti dhufuu dhiisuu danda’a. Yoo dhufes hanga barbaachisuu ol ykn gad ta’uu danda’a.
Roobni hanga barbaachisuu ol ykn gadi yoo ta’e omisha midhaaniirratti miidhaa guddaa qaqqabsiisa. Misoomni jallisii rakkoo gama kanaan jiru hundumaa furuun wabii nyaataa mirkaneessuufi hirkattummaa roobaa jalaa akka baanu taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Itoophiyaan qabeenya bishaaniitiin badhaatuu taatus qabeenya kanatti fayyadamuu dhabuu keenyaan miidhamneerra kan jedhan Doktar Biraanuun, qabeenya bishaanii qabnutti fayyadamuuf master pilaanii misooma jallisii qopheessuun barbaachisaadha. Lafti keenya hagamtu misooma jallisiif oola kan jedhus teknolojiin deeggaramee adda ba’uu qaba. Hojiin gama kanaan jalqabame cimee kan itti fufu ta’uus eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015