“Cuuphaan hambaalee kiliyaa namoota hedduun addababa’iitti kabajamuufi duudhaalee gara garaa qabuudha” – Obbo Fantaa Bayyanaa

Finfinnee: Abbaa Taaytaa Hambaalee Itoophiyaatti Dursaan Garee Kutaa Sabquunnamtii Obbo Fantaa Bayyanaa ayyaana Cuuphaa Kamisa dhufu kabajamu ilaalchisuun ibsa ittaanu Gaazexaa Bariisaatiif kennaniiru.

Ayyaanni kun tokkummaa ummataa kan cimsu; hariiroo hawaasummaa gabbisuun miirri waliifyaaduu, waliin jiraachuufi waldanda’uu utubaa deema.

Hambaan kun kan jiruufi jireenya keessatti walitti bu’e araarsu, gaa’elaafis kanitti walkaadhimmataniifi walfuudhan ta’ee tajaajila.

Ayyaanichi waggaa waggaan duudhaaleefi sirnoota gara garaatiin kan kabajamu yoo ta’u, hariiroo lammiilee cimsuusaatiin hambaalee kilaayaa ‘UNESCO’ irratti galmaa’uu danda’eera. Kanarraa kan ka’e tuuristoonni adda addaa dhufanii akka daawwataniif karaa saaqeera.

Lakkoofsi tuuristoota waggaa waggaan gara Itoophiyaatti dhufanii ayyaana kana daawwatanii yeroorraa yerootti dhibbantaa saddeetiifi isaa oliin dabalaa jira.

Ayyaana kana adda kan isa taasisu lammii kamiyyuu amantiin sanyiin lagaan osoo hinqoodiin hundumtuu gammachuusaa kan itti dhandhamu ta’ee waan tajaajiluuf ayyaana lammiilee hundaati jechuun danda’ama.

Kanarraa kan ka’e jala bultii ayyaanichaattis ta’e ayyaana booda hordoftoonni amantii biroo bakka kabaja ayyaanichaa walii qulqulleessuun miira kankooti jedhuun jaalalaafi obbolummaan gammachuu walii dhandhamu.

Duudhaan amantii maraayyuu walkabajuu, waljaalachuu, obbolummaafi waliif yaaduu kan labsan waan ta’eef tokko isa biraa ija hamaan ykn jibbaan akka ilaalu kan gorsu hinjiru. Kanaafuu hunduu walbira dhaabachuun walmiidhagsu.

Ayyaana kana wayita kabajnu miira kankooti jennee waliin dhaabannee walmiidhagsinee karaa nagaafi tasgabbii qabuun gaggeessuun murteessaadha.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015

Recommended For You