Addunyaan kun gara mandara tokkootti saffisaan fiigaa jirti. Isa kanaaf jalqaba kan ta’eefi shoora guddaa kan taphatu teknolojiidha. Waggoota muraasa dura namni tokko firasaa hiixuu (fagoo) jiru arguu, waliin mari’achuu, biyyoota kiiloomeetira kumaatamaan lakkaa’aman walirraa fagaatanii akka nama waltajjii tokkoorra jiruutti waliin haasa’uufi walga’ii qabaachuu, qunnamtii dhuunfaa gara garaas gochuun tasumaa waan hintilmaamamne ture.
Biyya tokkoo gara biyya biraatti ergaa, xalayaafi harshima (document) garaa garaa hanga daqiiqaa hinguunnetti walitti hiixachuu, mana ofii keessa taa’anii daldala dhiyoottis ta’e fagootti gaggeessuun nita’a jedhamee kan hinyaadamne ture. Inni kun bifa nama raajeffachiisuun bara keenya keessatti hojiirra ooleera. Namni manasaa keessa ta’ee namoota biyya kan biraa keessa jiranii wajjin walga’ii gaggeeffachuun, barachuun, sagantaa garaa garaa hordofuun dandaa’ameera.
Sababiin isaa barri kun wantoota garaa garaatiin yoo beekamellee yeroo kam caalaa bara namoonni salphaatti odeeffannoo argatan keessa jirra. Isa kanaaf teknolojiin ga’een isaa guddaadha.
Innis karaa ittiin yaada barbaanne argachuu dandeenyu, firoota keenyaa wajjin walarginu, ergaa fagoottis ta’e dhiyootti horii salphaatiin namoota qaqqabsiisnu, namoota wajjin daandii ittiin walarginu, haasofnuufi kkf dhala namaatiif mijeesseera.
Namoonni fagoo akka ollaatti waliin jiraataa jiru. Ummanni salphaatti waliin haasa’uu irraa kan ka’e akka walitti dhiyeenya qabaataniifi gama misoomaanis jijjiirama fiduu danda’eera. Sababiinsaa daldala keessatti, intarneetiin daandii ittiin omisha beeksifatan, mariiwwan gara garaa gaggeeffatan ta’uun shoora guddaa taphataa jiraachuunsaa ifa.
Egaa faayidaan intarneetii hedduu yoo ta’ellee akkasumas miidhaa niqabaata. Ittifayyadamuus ta’e ittiin of miidhuun harka keenya keessa jira. Beekuu kan qabnu intarneetii dhabamsiisuun yookaan itti fayyadamuu dhiisuun gonkuma kan hinyaadamneedha. Egaa miidhaafi faayidaasaa hubachuun miidhaasaarraa fagaatanii faayidaasaarratti xiyyeeffachuun gaariidha.
Sababiinsaa intarneetiin biyya lafaarratti warraaqsa addaa jireenya ilmaan namootaa irratti fideera. Addumaan yerootii gara yerootti gatiin isaa gadi bu’uufi bakkawwan hundatti argamuunsaa namoonni bifa salphaa ta’een akka ittifayyadaman ta’eera.
Barattoonnis ta’e dargaggoonni namoota biroo wajjin haasa’uuf, fakkii gaariis ta’e hamaa, fiilmiiwwan adda addaa, barreeffamoota gara garaa kan qorannoofi hojiisaanii keessatti isaan gargaaru hunda karaa emeeyilii ni argatu. Akka qorannoon addeessutti barattoonni guyyaatti si’a tokko intarneetii kan fayyadaman yommuu ta’u, torbanitti hanga sa’aatii 8:00 intarneetiirratti nidabarsu.
Darbees intarneetiin namoota adda addaa wajjin walarguu, bakka kanaan dura salphaatti hingeenye hanga liibsuu ijaatti ga’uu akka danda’aniif haala mijeesseera. Ergaa dabarfachuuf mana poostaatti marmaaruu nama oolcheera. Xalaayaan horii guddaan ergamaa ture karaa emeeyilaa horiifi yeroo salphaatiin namoota kumaatamaaf ergaan takkaa erguun danda’ameera.
Oggaa kanneen hunda ilaallu faayidaa guddaa qaba. Baay’ees gaariidha. Jijjiiramaafi guddina jireenya namaaf, daldala keessatti, omisha beeksisuus ta’e biyyaa biyyatti erguuf ga’eensaa guddaadha. Haa ta’u malee, wantoota gaarii ta’an kanneen duubaan kan dhaloota mancaasu, dhahees gufachiisuufi karaa irraa kan kaachisu baay’eedha.
Bara kamuu caalaa hamminni gaarii jala riphee faca’uun isa gaarii booressaa kan jiru ergaan hamaan hanga dhaloonni adda hinbaafannetti kan dhaloota miidhan heddummaataniiru. Isaan kunniin ammoo dargaggootaafi harmootiirratti kan xiyyeeffataniifi jireenya dhalootaa kan miidhan, dhiibbaa hamaas kan irratti qaqqabsiisaniidha. Isa kanaaf karaan tokko teknolojii baraati.
Teknolojiin dhaloota kanaaf barbaachisaa yoo ta’e iyyuu karaa biraa ammoo yeroo kam caalaatti xuraa’ummaadhaaf saaxila baasaa, maqaa hammayyuummaatiin liqimsamaanii safuu wallaaluun wanta gaarii qaban gataa jiru. Gaa’elli namoota hedduu dhumnisaa jalqabasaarraa fagoo fokkisaa jira.
Dargaggoonni utuu gaa’ela hindhaabbatin akka nama walfuudheetti waliin jiraachuu akka seeraqabeessaa, fudhatama qabuufi deeggaramuutti ilaalaa jiraachuun beekamaa ta’eera.
Inni kun ammoo bifa dhokataa ta’een mana keenya seeneera. Bilbila sochootuu baannu keessa balaaf kan dhaloota saaxilu hanga daqiiqaa hinguunnetti barbaacha salphaatiin argachuu dandeenya. Fiilmii garaa garaa kan saafeloonni ilaalan, sagantaaleen dhagilaal (tv) irratti gadi dhiifaman, akkasumas fakkiifi suurri garaa garaa kan xuraa’ummaaf nama kakaasan ta’uun yeroo keenya bara kamuurraa adda nibaasa.
Tarii rakkoo kanaaf sababii guddaan barichatu hammaate kan jedhan hindhiban. Kaanis haala ammayyumaatu rakkoo kana fide jedhanii raajeffachuufi baricha qofa kan hammeessan hindhiban jedheen yaada. Namoonni muraasni ammoo bara kana keessatti faayidaafi miidhaa intarneetaa ilaalchisee falmii keessa seenuun kan deeggaran nijiraatu.
Tokko tokko ammoo bu’aa intarneetii qofa yommuu labsan kaanis balaa kanneen hundaaf teknolojii sababa kan godhan jiru. Haa ta’u malee, rakkoolee har’a biyyi lafaa kun keessa seentee jirtu ilaalchisee teknolojiin keessumaa intarneetiin hangam akka miidhaa guddaa namoota umurii addaa addaa irraan geessisuufi attamitti bifa isaan hinmiineen akka ittifayyadaman isa hinfayyanne irraa fagaachuun isa gaarii akka qabannu beekuun gaariidha. Yoo akkas ta’e miidhaasaarraa of eeggachuun isa gaarii qofarratti xiyyeffatanii jiraachuun nidanda’ama. Inni kun ammoo haalota dhufanii darbaniin utuu hinmiidhamin akka jiraataniif nigargaara.
Kanaaf bara keessa jirru kanatti bifa dhokataa ta’een dhaloota kana kan miidhu, ija dhabsiisuun hoolaa kan godhu waan hedduutu jiru. Akkuma beekamu bara kamuu caalaa xuraa’ummaan babal’atee, hubannaa namoonni dhugaaf qaban gadi bu’ee, xuraa’ummaan ilmaan namaa mo’achuun hanga kornayaa (gender) isaanii geeddarachuun dhiirri gara dubartiitti jijjiiramee dubartiin ammoo dhiira ta’uuf yaaltu geenyee argaa jirra. Inni kun rakkoo namoota muraasaa qofa utuu hinta’in kan namoota hundumaati. Inni kun gadi fageenyaan itti yaaduu gaafata.
Dhalli namaa gadi deebi’ee akka bineensaatti qullaasaa gabaatti argiisiisuun, safuun badee hojiin hamaan daangaa malee dhaloota yeroo liqimsu, namoonni qullaasaanii fiilmiin dabalatee (pornographic film) intarneetiirratti maxxansuun mucooliidhaa hanga beekaatti ilaalaa; kaanis akkasaanii ta’uuf shaakalaa jiru. Xuraa’ummaan fiixeerra ga’e kunis kan raawwatamu machii, baalota sammuu namaa hadoochan (drugs), shiishaafi kkf fudhachuun waan ta’eef yakki babal’achaa, maatiin diigamaa, sagaagalummaan dhaloota keessatti sirrii fakkaachuu, duudhiifi hayaanni hawaasa gidduu jiru kufaa akka deemu taasiseera.
Inni kun ammoo sababa maatiin diigamee mucoolii baay’een bultiifi jireenyisaanii karaarra akka ta’u taasiseera. Baay’eenis amala biyyoota Lixaa (biyya ormaa) irraa fudhataniin miidhamni hedduun irra ga’aa jira. Qorannoon ALA bara 2012 bulchiinsa magaalaa Finfinneetti biiroo dubartootaa, daa’immaniifi dargaggootaatiin mataduree, “Aadaan orma ta’e jiraattota magaalattiirratti dhiibbaa hamaa qaqqabsiise” jedhu irratti adeemsisee ture.
Firiin qorannichaa akka mul’isutti Finfinneetti sodoomummaan (homosexual), manneetiin dubartoonni itti qullaasaanii sirbaniifi qullaasaanii argisiisan (pornography) baay’achuu, sagaagalummaan karaa irratti, konkolaataa keessatti hanga tilmaamamuun ol babal’achaa jiraachuu mul’isa.
Kanarraa kan ka’e ulfi hinbarbaachifne, maatiin walhiikuun, machiin, barattoonni mana barumsaa dhiisanii gocha ciiggaasisaa kana keessatti hirmaachuufi xuraa’ummaan kana fakkaatu baay’achaa akka jiru addeesse.
Hunduma irra ammoo jireenya hamaa kanaaf kan saaxila ba’aa jiran dargaggootaafi mucooliidha. Baay’eensaanii barattoota mana barumsaa sadarkaa gadiitii eegalee hanga kolleejjiifi yuunivarsiitiitti jiran yeroo ta’u isaan kun marti rakkoolee teknolojii intarneetii wajjin walqabateef saaxilamoodha.
Inni kun ammoo egeree dhalootaa, egeree biyyaa walumaagalatti boriin hawaasa tokkoo akka daran miidhamuuf ga’ee guddaa qaba. Isa kana qaamonni dhimmi ilaallatu hundi, manni barumsaa, maatiin, gaggeessitoonni biyyaafi kkf irratti hojjechuudhaan dhaloonni isa gaarii fayyadamee isa hamaarraa akka dheessuuf hojjechuun murteessaadha. Yeroon kanaa ammoo har’a malee bor miti. Utuu fagaatee miidhaa har’aa caalu hingeessisin itti yaaduufi irratti hojjechuun gaariidha.
Addumaan dargaggoota intarneetii fayyadaman keessaa dhibbantaan 80 ol intarneetirratti yeroo dheeraa sababa dabarsaniif araada intarneetaaf nisaaxilamu. Qaama hawaasa kan biraa irra dargaggoonni intarneetii dhimma addaa addaatiif yoo itti fayyadamanillee sirriitti dhimmi barbaadaniif qofa itti waa’ee ba’anii rakkoolee teknolojii kana wajjin isaan mudachuu danda’an irraa akka dheessaniif gargaaruun murteessaadha. Yoo akkas ta’e dhaloota keenya ni oolchina. Rakkoolee har’a akka ibidda saafaa dhaloota qabachaa jiru jalaa nimiliqsina.
Egaa intarneetiin faayidaa qofa utuu hinta’ín miidhaa hamaas qabaachuu isaa dagachuun barbaachisaa miti. Faayidaa isaa irratti xiyyeeffachuun rakkoo inni nu irraan qaqqabsiisu irraa fagaachuun, filannoon ittifayyadamuun, utuu inni nu irratti hinhojjetin dursinee gaariifi hamaa gargar baafachuun barbaachisaadha. Ofiif beekuu qofa utuu hinta’in dhalootas barsiisuun gaariidha.
«Teknolojiin intarneetii jireenya namoota sirriitti ittifayyadamanii yeroo fooyyessu kan warra ittiin dhaalamanii garuu barbadeessuu hinoolu»
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015