Yeroo tokko maanguddoo dhukkubni itti hammaatee gara fuulduraatti ijoolleensaanii attamitti hojii eegalan akka ittifufsiisan gorsanii maasii qonnaa qabanis addaan qoodaniif du’an tokkotu ture. Ijoolleensaaniis lafa abbaansaanii kenneef kana irra bara baay’eef walii wajjin qotachaa rakkoo tokko malee jiraatan. Yeroo tokko tokko yoo walitti mufachuun jiraatellee obbolaa sababa ta’aniif miidhaa hamaa walirraan hingeenye.
Baroota dheeraa waliin hojjechuu keessa daandiin oyiruu isaan gargar baasu dhiphachaa waan deemeef daangaarratti walitti bu’uu eegalan. Walhubachuu dhabuu xiqqoorraa eegalee gara loliisaatti ce’e. Erga walitti bu’anii booda humnaan walmiidhuu hinbarbaadne. Akka duraatti waliin haasa’uu nidhaaban. Walirraa nifagaatan. Angafaafi quxusuun walitti mufatan.
Gaaf tokko barii ganamaa namni hojii barbaadu tokko mi’a ittiin hojjetu baatee mana namaa irra deemee balbala rurrukutuun tarii yoo hojii qabaatan gaafata ture. Mana namicha obboleessaa isaa wajjin wal lolee, mana isa hangafaa bira yeroo ga’ee hojii hojjechiifatu yoo qabaate gaafate. Innis utuu yeroo dheeraa hinturin akka hojii qabu itti hime. Hojiin inni hojjechiifachuu barbaaduus naannoo maasii isaafi kan obboleessa isaa gidduutti da’oo dheeraa akka ijaaruuf itti hime. Namtichis hojii sababa barbaadaa tureef akka hojii kana hojjechuu fedhuuf dandeettii isaas akka qabu ibseef.
Namichi hojjechiifatu kunis wantoota hojii kanaaf barbaachisan hunda qopheesseefii gara manaatti deebi’e. Hojjetaan da’uu yookaan keellaa maasii obbolootaa gidduutti ijaaru kunis mi’a qophaa’eef kanaan hojii isaa itti fufe. Guyyaa guutuus jabaatee hojjete. Qonnaan bulaan isa mindeeffate deebi’ee yeroo ilaalu wanta daran isa rifaasisu arge. Keellaan yookaan da’oon ijaarame hinjiru; riqichi garuu ijaaramera.
Maasii isa angafaatii eegalee gara isa kan quxusuutti hanga geessutti, maasii lamaan isaanii kan walitti fidu riqicha ba’eessa hojjetee oole. Kanaaf namoonni wal lolanii gargar ba’anii turan riqicha kanatti fayyadamanii hanga tokko walitti deemanii araaraman. Gidduu isaanii inni ture hadha’insi nibade.
Dhumarratti namoonni kunniin erga araaramanii booda hojjetichi mi’asaa hunda walitti qabatee deemuuf yaale. Haa ta’u malee qonnaan bulaan namicha kana hojjechiifate akka isaan wajjin guyyoota muraasaaf turuuf kadhate. Hojii biraa akka kennuufis waadaa seeneef. Namtichis deebisee, “Utuun isin wajjin turee nan jaaladha. Haa ta’u malee riqichoota hedduu ijaaruun qaba” jedhee imalasaa ittifufe. Hojiinsaa inni guddaan da’oo diigee riqicha ijaaruu ture.
Bara keessa jirru kana da’oo diigee riqicha kan ijaaru meeqatu jira? Sababiinsaas akka biyyaatti walitti dhufeenyi namootaa rakkoo qaba. Akka ardiittis ta’e akka addunyaa keenyaatti biyyoota gara garaa gidduutti rakkoolee ciccimoo namoota rifachiisantu jiru. Biyyoonni dureeyyii dabalatee sodaa guddaan jiraatu. Beekumsas ta’e qabeenyi jiru hanga eegame ilmaan namaaf furmaata cimaa hintaane. Sababiinsaas hanga riqicha ijaaran da’oo ijaarratu, Har’a namoota da’oo ijaaran utuu hinta’in namoota riqicha ijaarantu dhalootaaf barbaachisa.
Haa ta’u iyyuu malee namoonni amala akkasii qaban salphaatti hinargaman. Guyyaa tokkotti yookaan torbee muraasatti kan bocamanis miti. Tarii ijoollummaatii eegalee irratti hojjechuu gaafata. Inni ga’eessis of qoraa deemuu gaafata. Amalasaa ilaalaa deemuu barbaada. Inni kun yeroo hedduu wanta dagatamaadha. Amalli keenya sirrii nutti fakkaata. Sababiinsaa namni kamuu amala hamaan qaba jedhee hinyaadu. Yeroo hedduus nidaganna.
Haa ta’u malee amala keenya qofa utuu hinta’in akka maatiitti kan ijoollee keenyaarratti, akka hawaasa mana barnootaatti kan barattootaarratti, akka gaggeessitoota amantaatti kan hordoftoota amantii keenyarratti gadi fageenyaan irratti hojjechuun murteessaadha.
Rakkoon har’a mul’atu rakkoo amala gaariiti. Namoonni umuriifi barnootaan fooyya’aniiru, barataniiru. Amalasaaniirratti jijjiirama inni fide arguun garuu nama rakkisa. Namoonni amala hamaa qaban sababa jeequmsaati. Amalli hamaan abbaa qofa utuu hinta’in humna hawaasa miidhuu qaba. Amalli hamaan summii hamaadha. Rakkoon har’a biyyi lafaa qabdus isa kana.
Bara keessa jirru kana amala alta’umsaa ta’an hedduun bifa adda addaatiin kan calaqqisan yoo ta’ellee rakkoon biyya lafaa inni guddaan tokko amala ofittummaati. Amalli akkasii waan hundumaa ofitti haruu barbaada. Nama kan biraaf nibarbaachisa jedhee hinyaadu. Namni amala ofittummaa qabu waan hundumaa keessatti ofiif giddugaleessa ta’uu barbaada.
Gaarii fakkaatee mul’achuu barbaada. Amalli ofittummaa akka huuba ija nama seeneeti. Namni huubni ija isaa seene utuu keessaa hinbaasin sirriitti arguu hindanda’u. Namni ofittoon akkasuma. Ofii isaa alatti fedha nama kan biraa sirriitti arguu hindanda’u.
Gaarummaa nama kan biraa keessas jiru sirriitti arguu hindanda’u. Isaa ala hundumti sirrii miti. Namni akkasii waan hojjetu hundumaan ofittummaasaa soora. Waan hojjetu hundatti ofii isaa giddugaleessa taasisa. Egaa inni kun of ilaaluu gaafata. Sirriitti of qoruu barbaada. Tarkaanfii of irratti fudhachuu barbaada.
Namoota tokko tokkorraa ammoo amala hasida (pessimistic) ta’e arguun haaraa miti. Amalli akkasiis amala hamaa irratti hojjetamuu qabuudha. Sababiin isaa namoonni akkasii jireenyasaanii keessatti namni isaan jaalatu waan hinjirre itti fakkaata. Guutummaan biyya lafaa akka isaan hinjaalannee ragaalee gara garaa dhiyeeffachuu yaalu. Biyyi lafaa faallaasaanii akka ta’etti namoota of amansiisaniifi jireenyisaanii akka rakkoo cimaa keessa jirutti namoota fudhataniidha.
Isaan kun altokko tokko haalli isaan fedhan akka isaan yaadan yeroo ta’uu dhiisu akka ragaatti dhiyeeffatu. Waan qabanitti cichanii waan hinqabneef namoota guungumaniidha. Jireenya isaaniis ta’e kan nama biraa namoota miidhaniidha.
Amalli hamaan biraa jireenya keenya miidhuu danda’u biraan amala dhiifama hinbeekneedha. Namoonni dhiifama hinbeekne yeroo hedduu namoota nu aarsaniiru yookaan nu miidhaniiru jedhanii yaadan kamiif iyyuu yoo isaan dhiifama gaafatanillee dhiifama gochuuf qophaa’oo miti. Yeroo tokko tokko amala akkasii namoonni akka sirriitti ilaalan jiru. Dhugaansaa garuu irratti hojjetamuu, jijjiiramuu qaba.
Dhiifama jechuun namni tokko rakkoo nurraan hinqaqqabsiisne jechuu miti. Dhiifama namaaf gochuun hirraanfachuus miti. Dhiifamni namni tokko yookaan gartuun tokko rakkoo nurraan qaqqabsiiseef aarii yookaan ija ba’umsaaf haala nukakaasuu danda’u keessaa ba’uun sammuun keenya akka nagaa qabaatu taasisuudha. Sababiinsaa sammuun aariifi jibbaan guute nagaa hinqabu, Tarii ijaa baafachuuf kan tattaafatu ta’uu danda’a. Namni nama isa miidheef dhiifama taasisu garuu nagaa qabaata. Walitti dhufeenya nagaa ta’e namootaa wajjin qabaachuu danda’a.
Akka qorattoonni gara garaa addeessanitti dhiifamni fayyina sammuu namaa akka fooyyessu dubbatu. Dhiifamni dhiphina sammuuf dawaadha. Yeroo tokko namni Doktar Evereet Worghingitoon jedhamu pirofeeserii Xiin-Sammuu kan ta’e Yuunivarsiitii Virgiiniyaa waa’ee dhiifamaa akka yeroo hedduu barsiise dubbata. Haa ta’u malee ofiisaatii yeroo itti dhiifama namaaf gochuu dadhabe qaba ture.
Seenaasaa keessatti utuu haatisaa mana jirtuu nama mana seenee haadhasaa kana ajjeese, adabbii barbaachisaa utuu hinargatin nama mana amala sirreessaa keessaa gadidhiifameef akka dhiifama gochuun isa rakkise dubbata. Dhumarratti garuu dhiifama gochuun waan argate keessaa tokko nagaa sammuu cumaa argate.
Egaa namoonni baay’ee tarii sadarkaa nama isaan jaalatan, haadhaafi abbaa yookaan obboleessaafi obboleettiisaanii nama ajjeese qofa utuu hinta’in namoota dubbiin illee taanaan isaan gaddisiiseef dhiisuun nidanqa. Haa ta’u malee dhiifamni aarii dhiisuu irra nicaala. Namatti gadduu dhiisuu irras nicaala. Nama itti gaddine tokkotti amala ta’umsa, gaarummaafi kkf itti agarsiisuu kan of keessatti hammatuudha, Dhiifamni haqaa wajjin walitti kan qabatus miti. Sababiinsaas nama numiidheef dhiisuun haqa irratti dhiibbaa gessisu hinqabu. Dhiifama jechuun haqa golguu miti. Dhiifama jechuun cubbuu jajjabeessuus miti.
Dhiifamni dogoggorri raawwatamuu haaluus miti. Dhiifamni mallattoo dadhabinaas miti. Dhiifamni irraanfachuu jechuus miti. Dhiifamni walitti dhufeenya miidhame kan suphuudha. Aarii hamaattii bilisoomuudha. Inni kun fayyaa namaatiif daran barbaachisaa akka ta’e qorattoonni namoonni Doktar Yoo’ichi Chiidaa jedhaman ni mirkaneessu. Egaa amala hamaattii hiikamuuf ofii keenyas ta’e maatii keenyarratti hojjechuun daran barbaachisaadha.
“Amalli ofittummaa akka huuba ija nama seeneeti. Namni utuu huuba ijisaa seene hinbaasin sirriitti ilaaluu hindanda’u. Namni ofittoonis akkasuma. Ofiisaatiin ala fedha nama biraa sirriitti argauu hindanda’u”
BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014