Manneen barnootaa sadarkaasaanii eeggatan babal’isuu keessatti gaheen dhaabbilee misoomaa olaanaadha

Roobee: Godina Baaleetti dhaabbanni miti mootummaa “Imagine One Day” mana barumsaa sadarkaa 1ffaa sagal qarashii miliyoona 100 ooliin ijaarsisaa jiru dhibbeentaa 90 irra gahuu dhaabbatichi beeksise.

Godina Baalee Aanaa Gaasaraatti dhaabbanni miti mootummaa “Imagine One Day” mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ijaarsisaa jiru hoggansa waajjira Barnoota godinaafi hawaasa aanichaatiin daaw’atame.

Jiraattonni aanaa Gaasaraa kanaan dura naannawa isaaniitti manni barumsaa sadarkaa isaa eeggate jiraachuu dhabuudhaan ijoollee isaanii barsiifachuuf rakkataa akka turan himuun, manni barumsaa dhaabbata ‘Imagine One day’ ijaaramaa jiru rakkoo kanaan dura ture furuun ijoollee keenna barsiifachuuf abdii nutti horeera jedhan.

Manni barumsichaa qabeenya keenna waan ta’eef kunuunsa isaaf barbaachisu hundaa ni taasifnas jedhan.

Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Obbo Naasir Ahmad akka jedhanitti qulqullina barnootaa mirkaneessuufi lammii gahumsa qabu oomishuuf kaayyoo mootummaan qabatee deemaa jiru dhugoomsuu keessatti dhaabbileen miti mootummaa gumaacha ol’aanaa akka qaban himuun, dhaabbanni “Imagine One Day” godinicha keessatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa ijaarsisuun, meeshaalee guutuu waliin sirna baruufi barsiisuuf leenjii dandeettii raawwachiisummaa barsiisotaaf kennuun isaa agarsiiftuu guddaadha jedhan.

Dhaabbata “Imagine One Day” godinicha keessatti Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf deeggarsaa taasiisee galateeffachuun hawaasnis manneen barnootaa kana ijoolleesaa itti barsiifachuufi kunuunsuun lammii  barnootaan gahoome horachuu keessatti gumaacha isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Qindeessaan dhaabbata “Imagine One Day” damee Oromiyaa obbo Umar Limmuu gama isaaniitiin dhaabbatichi hojiilee gurguddoo deeggarsa namoomaa fi misooma damee barnootaa irratti xiyyeeffatee hojjataa jiiraachu himuun keessatuu manneen barnootaa sadarkaa isaanii eeggate godinaalee Oromiyaa keessatti ijaarsisuun dhaloota beekkumsaan gahoomee guddina biyyaa keessatti shoora ol’aanaa taphatu horachuuf hojiilee gurguddaa hojjataa jiraachuu ibsan.

Dhaabbatichi godina Baalee keessatti bara kan qofa manneen barnootaa sagal qarashii miiliyoona 100 oliin ijaarsisaa jiirachuu himuun godichatti waggoota 8 dabaraniti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa Soddomii shan ijaarsise qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gumaacha isaanirraa eegamu akka bahanis obbo Umar dubbatanii jiru. Itti dabaluunis dhaabbatichi Godinaalee Oromiyaa

 5 keessatti manneen barnootaa 50 meeshaalee barnootaa fi laaboraatoorii of keessatti hammate qarshii miiliyoona 300 ooliin ijaarsisuu himuun, kanaan alattis dhaabbatichi leenjii gahumsa ogummaa Saayinsiifi Teeknoolojii barsiisotaa cimsu kennaa jiraachuus himaniiru.

Gara fuulduraattis seektaraalee barnootaa sadarkaan jiran waliin misooma damee barnootaa cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjatan ta’uus dubbataniiru.

Dhaabbanni “Imagine One Day” bara 1999 kan hundeeffame yoo ta’u, hanga ammaatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 90 tahan qarshii biliyoona 1 ooliin ijaarsisuun Mannen barnootaa 970 tahaniif deeggarsa meeshaalee barnoota gochuun hawaasa fayyadamaa barnootaa taasisuu isaa ragaan dhaabbaticharraa arganne ni mul’isa jechuun Waajjirri Kominikeeshinii Godina Baalee gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27/2014

Recommended For You