Obbo Sintaayyoo Tolaa bara 1960-2014tti

Seenaa Jireenyaa Hayyuu Aadaafi Seenaa Oromoo Obbo Sintaayyoo Tolaa gabaabinaan!

Obbo Sintaayyoo Tolaa Qana’aa Abbaasaanii Obbo Tolaa Qana’aafi Haadhasaanii Aadde Asallafach Bantiirraa Caamsaa 07 bara 1960 Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Jimmaa Arjoo, Magaalaa Arjoo, Ganda 02tti dhalatan.

Akkuma umriinsaanii barnootaaf gaheen barnootasaanii sadarkaa 1ffaafi 2ffaa Arjootti kan baratan yoo ta’u, barnootasaaniitti cimaa waan turaniif qabxii olaanaa fiduudhaan Yunivarsitii Finfinnee, barnoota Seenaatiin bara 1975-1978 digrii jalqabaa fudhataniiru.

Barnoota barataniin ummata isaanii tajaajiluudhaaf gara Oromiyaa kibbaa, Godina Gujii, Magaalaa Adoolaa Wayyuu, Godina Geediyoo, Naannawa Yirgaa Caffeefi Godina Iluu Abbaa Boor Hurrumuutti bara 1979-1995tti waggoota 16f barsiisaa seenaa, suppervaayizara, daayirektara ittaanaafi sadarkaa qindeessummaatiin tajaajilaa turan.

Sana booda gara Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa dhufuudhaan Guraandhala 15, bara 1995 irraa qabee hanga gaafa dhibee tasaatiin lubbuunsaanii boqottutti sadarkaa ogeessaa hanga Hogganaa Ittaanaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa ta’uun tajaajilaniiru.

Obbo Sintaayyoo Tolaa haamma lubbuunsaanii boqottutti seenaa, qo’annoofi qorannoowwaan garagaraa kan gaggeessaniifi seenaafi aadaa Oromoo dhokate baasuun, seenaafi seenessa qajeelchuuf hojii bal’aa hojjachaa turan. Kanaafis caalmaatti kan isaan gargaare barnootasaanii digrii lammaffaa Yunivarsitii Finfinneerraa Barnoota Seenaatiin bara 2002tti fudhataniidha.

Kana boodas sadarkaalee itigaafatamummaa gara garaarratti hojjetaa yeroo turanittis hojii seenaa Oromoo keessatti riqicha dhalootaa ta’ee bara baraan jiraatuuf tarsiimoofi imaammata ittiin qorannoo aadaafi seenaan geggeeffamuufi misoomu bocuudhaan qorannoon Oromoo sadarkaa har’a irra gaheef adda durummaadhaan nama hojjetaniidha.

Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti qorannoo seenaafi aadaa Oromoorratti waayillan hojiisaanii wajjin kitaabonni seenaafi aadaa Oromoo har’a jiran barraa’uu akka eegalan daandii saaqaniiru.

Kana malees, muuxannoowwan biyyootni biroo qorannoofi misooma aadaarratti qaban qooddachuuf yeroo adda addaa gara biyyoota Awurooppaafi Eeshiyaa, Siwiidin, Xaaliyaanii, Veetinaamiifi Chaayinaa deemuudhaan leenjifi muuxannoo fudhataniin gara biyyaatti deebi’anii tarsiimoo misooma sadaa baasuudhaan aadaan Oromoo karaa guddina biyyaaf ooluu danda’u akeekuudhaan hojiitti akka hiikamu taasisaniiru.

Obbo Sintaayyoon muuxannoo, taattaafiifi cimina hojii qorannoofi qo’annoo aadaa Oromoorratti taasisaa turaniin hayyuu jabaa, jaalatamaafi hojiilee har’a hojjetamanii mul’ataniif kallattii gaarii kennuudhaan hojjetaa turaniiru.

Keessaahuu hojiileen ijaarsa Giddugalootaafi Iddoowaan Seenaa Oromootti ijaaramaniifi ijaaramaa jiran kanneen akka aanaalee, Calii Calanqoo, Madda Walaabuu, Odaa Bultumiifi Giddugala Aadaa Oromoo Finfinnee ijaarsa akka eegalaniif bara hoggansa isaanii waayillan isaanii wajjin tahuun hojileen muuxannoo iddoowwan seenaafi aadaa Oromoo geggeeffamaa ture naannolee biyyattii biroofillee fakkeenya guddaa ta’an akka hojjetaman gochuun bu’uura kaa’aniiru.

Pirojektota aadaa, seenaa, aartiifi ijaarsa manneen barnootaa Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramaniifi ijaaramaa jiraniif waahillan hojiisaanii wajjin ta’uudhaan yaada ka’umsaa dhiyeessuudhaa hanga milkaa’ina pirojektota kanneeniif adda durummaan hojjetaa turaniiru.

Bakka dhimmi aadaafi seenaa Oromoo ka’u keessaa kan hindhabamne Obbo Sintaayyoo Tolaa seenaan Oromoo karaa ummaticha madaaluun akka beekamuuf nama dadhabeefi nuffe osoo hinjenne jireenya dhuunfaafi maatiisaaniirra nama dhimma Oromootiif of kennee jiraachaa tureedha.

Kana malees, Obbo Sintaayyoon, hayyummaa qabaniin hojiilee bara baraan dhalootaatti darbee isaaniif lakkaa’amee yaadamu laphee ummata Oromoo keessatti siidaa hedduu ijaarratanii darbaniiru.

Kitaabni seenaa Oromoo Jaarraa 16ffaa waahillan hojiisaaniitiin qoratamee barreeffamaa ture maxxanfamee ummata bira akka gahuuf bara hoggansasaanii hojii guddaa hojjetaniiru.

Kanaanis, seenaafi seenessi ummata Oromoo sirnoota darban keessa dabee barreeffame qorannoofi qo’annoo geggeessuudhaan seenaa qajeelaan akka barraa’uuf gahee guddaa taphataniiru.

Sirni Gadaa Oromoo Bakka bu’aa hambaa kiliyaa dhala namaa ta’ee, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Jaarmiyaa Saayinsii, Aadaafi Barnootaa ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf gahee leencaa taphataniiru.

Gahee ummanni Oromoo lola Adwaa, Saambeefi dirreewwan injifannoo waraana Xaaliyaanii qorannoodhaan baasuun, ummanni Oromoo biyya Itoophiyaaf gaachana ta’uu addeessaniiru.

Hambaalee guguddoon Oromiyaa Holqa Soofumar, Dirree Sheek Huseen, Paarkii Gaarren Baaleefi Bakki seenaan duraa Malkaa Qunxurree ‘UNESCO’tti galmeessuuf kaadhimummaan akka dhiyaataniif hojjetaniiru.

Ayyaanni Irreechaa malkaawwan duraan ummanni Oromoo sababa sirnoota darbaniin irraa dhiibamaa turetti deebi’ee akka Irreeffatamuufi duudhaaleen Irreechaa Oromoo birattis ta’e saboota biyyattii kaan biratti akka hubatamuuf waahillan hojiisaanii wajjin ta’uun hojii boonsaa hojjetaniiru.

Sirni Gadaa Oromoo, Sirna Barnootaa Oromiyaafi naannolee ollaa kutaa 1ffaa-8ffaatti kennamaa jiru keessatti qophii kitaaba barataarraa eegalee milkaa’ina hojichaaf gahee guddaa taphataniiru.

Fooramiifi waltajjiilee dhimma qorannoo Oromoorratti waraqaa qorannoo aadaafi seenaa Oromoo dhiyeessuudhaan waa’een Oromoo sadarkaa biyyaalessaafi Idil-addunyaatti akka beekamuuf hojii guddaa nama hojjetaniidha.

Obbo Sintaayyoon hanga dhibeen tasaa isaan mudatee addunyaa kanarraa boqotanitti Daarektara Ittaanaa Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo ta’uudhaan tajaajilaniiru.

Hayyuun seenaafi Aadaa Oromoo Obbo Sintaayyoo Tolaa Abbaa maatii, ijoollee dhiiraa sadiifi dubara tokkoo yoo ta’an, dhibee tasa isaan mudateen Caamsaa 08 bara 2014 waggaa 54ffaa isaaniitti du’aan boqotaniiru.

Sirni awwaalchaasaaniis Magaalaa Sabbataa, bataskaana Gabreeliitti Caamsaa 10 bara 2014 bakka firootaafi maatiisaanii, qondaaltonni ummatummaa federaalaafi naannoo, akkasumas waahillan hojiisaanii argamanitti raawwatame.

Maatii, firoota, waahillan hojiisaaniifi ummata Oromoo hundi gadda guddaa isaan mudate kanarraa akka dandamatan waaqayyo jabina isaaniif yaa kennu!!

Boollisaanii bookaan haa guutamu

Biyyeen itti haa salphatu!!  

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014

Recommended For You