Ummata sababa waraanaatiin miidhameef deeggarsi taasifamu akka dabalu gaafatame

Finfinnee: Naannolee Affaariifi Amaaraatti ummata sababa waraanaatiin miidhameef deeggarsi taasifamu dabaluu akka qabu Dhaabbanni Abbagaar Ummataa Itoophyaa gaafate.

Gargaarsi namoomaa hawaasa iddoowwan waraanichaan miidhaman jiraataniif taasifamaa jiru fedhii jiru waliin kan wal hingitne ta’uu kan himu dhaabbatichi, deeggarsi ga’aafi walirraa hincitne lammiilee sababa waraanaatiin buqqa’aniif taasifamuu akka qabu ibseera.

Haala deeggarsi namoomaa hawaasa sababa waraanichaatiin miidhameef taasifamaa jiruufi sochii deebisanii dhaabuurratti to’annoo taasisaa ture tibbana kan iftoomse dhaabbatichi, bu’aa to’annichaa kan ta’an argannoo to’annichaa sirreeffama si’ataa akka argataniif qaamota dhimmichi ilaaluuf dhiheessuus himeera.

Sochii deebisanii dhaabuuf taasifamu keessatti namoota fedhii addaa barbaadaniif dursi kennamee hojjatamaa jiraachuun akka ciminaatti dhaabbatichaan kan ilaallaman ta’uu kan himan Dhaabbati Abbagaar Ummataa Itoophiyaatti Daarikterri Dhimmoota Dubartoota, Daa’immaniifi Qaama Miidhamtootaa Aadde Sablaworqi Taarikuu, warroota gudeedamaniifis gorsi xiinsammuu kennamaa jiraachuunis qaama ciminaa argannoo dhaabbatichaa ta’uu dubbataniiru.

Hojii deebisanii dhaabuu keessatti seektaroota kanneen akka barnootaafi fayyaatiif dursa kennuunis qaama cimaa sochichaa ta’uusaas ni ibsu.

Akka ibsasaaniitti, deeggarsi yeroo ammaa hawaasa buqqa’eef taasifamaa jiru baay’ina ummata deeggarsa barbaaduun yemmuu wal bira qabamu hedduu gadaanaa ta’uun, deeggarsi xiqqoon sunuu yeroosaa eeggatee dhiyaachuu dhabuun, deeggarsicha immoo bifa haqummaa qabuun nama maluuf qofa kennuu dhabuuniifi iddoowwan geejjibaaf hinmijanetti deeggarsicha addaan kutuun dhimmoota hordoffii taasifameen akka hanqinaatti ka’aniidha.

Naannoo Amaaraa qofatti lammiileen sababa waraanaatiin buqqa’aniifi deeggarsa namoomaa barbaadan miiliyoona 1.8 yemmuu ta’an, naannoo Affaaritti immoo kuma 650 ta’uus hordoffii taasifameen mirkanaa’eera jedhu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014

Recommended For You