Lakkoofsa 9400 lammiilee gargaaruuf

Finfinnee: Sagantaan lammiilee waraanaafi hongeedhaan miidhaman deeggarsa walitti qabuuf ooluufi mataduree, ‘’Anis Lammii koof’’ jedhamu dheengadda Eegduu Olaantuu Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaafi Pirezidaantii Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudeetiin jalqabame.

Itoophiyaatti yeroo ammaa sababa hongeefi waraanaatiin lammiileen hedduun rakkoof saaxilamaniiru. Keessumaa dubartoonni, daa’immaniifi manguddoonni rakkoo namoomaatiif saaxilamuu pirezidaantittiin himaniiru.

Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaas lammiilee rakkoof saaxilaman kanneen gargaaruuf mataduree eerame kanaan deeggarsa walittiqabaa jiraachuus ibsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You