Namni Raalfi Waaldoo Emeerson jedhamu tokko “Namni ati dhumarratti taatu murtoo ati har’a ofirratti murteessiturratti hundaa’a” jedha. Nama borii ta’uuf har’a qophaa’uu qabda; haalli kee har’aa borii keerratti miidhaa ta’umsas ta’ee alta’umsa mataasaa qaba jechuusaati.
Kanaafis wantoota egeree keenya miidhuu danda’an adda baafannee irratti hojjechuun murteessaadha. Keessumaa bara keenya araadota gara garaan dhaloonni miidhamaa jiran danuudha.
Tarii kun wantoota salphaarraa eegalee hanga wantoota nuti keessaa ba’uuf danqamnuutti kan nugeessu ta’uu danda’u. Rakkoon akkasii ammoo biyya keenya qofa utuu hinta’in biyyoota gara garaattillee yeroo kamuu caalaa mul’ataa jiru. Fakkeenyaaf Ameerikaatti waggaatti araadarraa kan ka’e yoo xiqqaate namoonni kumni 100 ol akka du’an qorannoon ni addeessa.
Inni kun waggaa tokko qofa keessatti dhibbantaa soddoma (30) oliin akka dabale dubbata. Keessumaa ALA bara 2019 keessa qorannoon taasifame akka agarsiisutti dargaggoonni ganna 18fi isaa olii %85.6 ta’an akka dhugaatii nama macheessu dhugan, dargaggoonni %69.5 ta’an bara dabre akka dhugaa turan, isaan kana keessaa dhiirri %59.1 yeroo ta’u dhalaan %51.0 akka ta’e agarsiisa.
Akka qorannoo kanaatti bara 2019 qofa mucooliin umuriinsaanii 12 eegalanii jiran yoo xiqqaate miiliyoona 15 ta’an rakkoo dhugaatii wajjin walqabatu akka qaban dubbata. Akkasumas duuti dhugaatii wajjin walqabate waggaa saddeet keessatti %47oliin dabaleera.
Ameerikaa qofti sababa dhugaatii garmaleerraa kan ka’e waggaatti dinagdeeshee hanga doolaara biiliyoona 249 oliin akka kasaartu qorannoon ni agarsiisa. Dhugaatiin sababa du’a yeroo daa’imummaafi qaama hir’achuu akka ta’es ni agarsiisa.
Araada kana namoonni keessumaa dargaggoonni akka tasaatti eegaluun miidhaa hamaaf oggaa saaxilaman agarra. Fakkeenyaaf, hawaasa keessatti dhugaatiin fudhatama kan qabu yoo ta’e namoonni salphaatti araada dhugaatii qabaachuu danda’u.
Dhugaatii qofa utuu hinta’in kanneen akka tamboo, dawaawwan garaa garaafi kkf araada namatti nita’u. Fakkeenyaaf namni tokko qoricha miidhaa dhukkubbii balleessu (painkillers) irra deddeebi’ee fudhachuun araada dawaa qabaachuu nidanda’a. Namni tokko yoo bowwuu qaba ta’e dawaa fudhatu malee hindhiisu jechuudha.
Irra deddeebi’ee fudhachuun amaleeffateera. Dawaan akka “Codeine, Vicodin, Oxycontin…” jedhaman dhukkuboota gara garaa ittiin yaaluuf kennaman yoo ta’ellee araada hinta’an jechuun hindandaa’amu.
Sababiinsaa araadni kan uumamu namni tokko waan tokko irra deddeebi’ee fudhachuun yookaan gochuun kan dhufu amaleeffannaa waan baran sanaa yeroo godhatan keessi namaa wanta sana dhabee turuu kan hinbarbaanneefi hindandeenye, isa malee adda ba’ee jiraachuun kan itti ulfaatu, akka salphaatti dhiisuuf ykn to’achuuf kan ulfaatu ta’uu danda’a. Egaa dawaa miira dhukkubbii hir’isan ykn dhaabuuf fudhatan dabalatee wantoonni hedduun araada namatti ta’uu malu.
Kana qofa utuu hinta’in kanneen nuti yeroo hedduu akka salphaatti ilaallu kanneen akka televiziyoonaa, muuziqaa dhaggeeffachuu, interneetii ilaaluu, taphoota interneetarraa, qumaaraafi kkf araada namatti ta’uu danda’u.
Abdii guddaan garuu araadni keessa jirru kan yaalamuufi kan keessaa ba’uun dandaa’amuudha. Inni kun salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Sababiinsaas araadni koorteeksii sammuu keenya fuul duraa (Frontal cortex of brain) jedhamee beekamuufi namni tokko yeroo waan itti tolu argatu akka nama sanatti gammachuun dhaga’amu kan taasisu (brain reward system) humna jijjiiru akka qabu qorattoonni ni addeessu. Ta’us araada keessaa ba’uun nidanda’ama; yaalii barbaachisaas niqabaata.
Kanaafis wantoonni ta’uu qaban jiru. Namni tokko araada ittiin takaalame keessaa ba’uuf utuu abdii hinkutatin wal’aansoo qabuun barbaachisaadha. Yeroo hedduu haala tokko keessa yommuu seennu cimaas gaafa nutti fakkaatu abdii kutannee wal’aansoo qabuun addaa addummaa hinfidu jennee akka loltuu mo’ameetti harka kennannee tarkaanfii fudhachuu kan hindandeenye baay’eetu jirra. Inni kun balaa hamaadha. Rakkoo cimaa keessatti mo’amnee akka hafnu nu taasisa.
Yeroo tokko nama waggaa 16 ta’uuf vaayirasii dhukkuba ‘HIV/AIDS’ waliin jiraatee digrii lammaffaaf mana barumsaatti deebi’ee baratee eebbifame nan beeka. Ta’us barattoonni daree keessaa baay’een akka inni dhukkuba kana qabu waan hinbeekneef walumaagalatti namoonni akkasii akka jireenya abdii kutannaa keessa jiraatan yaadu.
Yaada kanas maree barattoota gidduutti ta’erratti nidudubbatu turan. Dhumarratti namichi kunis yeroo carraan kennameefii dubbachuu eegalu akkas jedhe, “Abdii kutannaan amala namni qabaatu yoo ta’ullee namoonni mul’ata qabaniifi wal’aansoo qabanii mo’achuu nan danda’a jedhanii amanan yoo kutatannillee nijiru. Anis abdii kutadhee akkan taa’uuf waggaa 16 dura dhaga’een ture.
Ta’us wal’aansoo qabuun as ga’eera; gara fuula duraattis wal’aansoo koo ittan fufa. Utuun wal’aansoo hinqabin du’aaf harka kennee akkan hinteenye ofii kootiif waadaa seeneera. Haati warraa koofi ijoolleen koo lamaan gaafa du’an anis dhiyootti nan du’a jedhee hinteenye.
Garuu isa sababa du’a haadha warraa kootiifi ijoollee koo lamaaniif ta’e mo’adhee jiraachuufi akka mo’amuu danda’us agarsiiseera, ammas ittifufee deemuun danda’a. Amma waggaa 16 mo’adhee adeemeera, gara fuula duraattis mo’adheen jiraadha” jedhe.
Atoo Abdiifi onnee guutuu akkasiitiin deemuu nidandeessaa? Yoo dandeesseef nimo’atta. Araada namoonni hedduun ittiin mo’aman mo’achuu nidandeessa. Garuu wal’aansoo qabuu si gaafata. Wal’aansoo qabdees mo’achuu barbaada.
Tarii jireenyan keessa jiru keessaa ba’uuf hindanda’u jennee harka kennannee kan jirru har’a itti yaaduun keenya barbaachisaadha. Kanaan dura yaalee, keessaa ba’uuf yeroo adda addaa tarkaanfii fudhadheen ture garuu naaf hindanda’amne jennee yaaduu dandeenya.
Dhugaatii, tamboo, jimaafi kkf dhiisuuf yoon yaalellee naanna’ee achumattan of arga jechuu dandeenya. Inni kun tarii abdii kan nukutachiisu ta’uu danda’a. Wanti beekuu qabnu yoo jiraate garuu abdii kutachuun homaa tokko gochuu akka hindandeenye hubachuun barbaachisaadha. Gufuun mo’ichaa inni guddaan abdii kutannaadha. Kanarratti tarkaanfii fudhachuun daran barbaachisaadha.
Egaa araada keessa jirru keessaa ba’uuf murtoo barbaachisaa fudhachuun murteessaadha. Jechi durii tokko kan akkas jedhu jira, “Waaqayyo warra of gargaaran nigargaara” jedhu mitiiree? Nutis hunda dura of jijjiiruuf hojjechuun gaariidha.
Jireenya mo’ichaa jiraachuuf gama keenyaan wantoota gochuun nurra jiratu raawwachuun barbaachisaadha. Tarii namoonni araadota gara garaatiin qabamnee jirru haala keessa jirru keessaa ba’uuf wantoota armaan gadii muraasa hordofuun barbaachisaadha.
- Wantoota araada sitti ta’aniifi gara wantoota kanaatti kan sigeessanirraa fagaachuu;
- Jireenyi jiraachaa turte kanaan duraa deebitee akka gootuuf kan sikakaasuu danda’an hundarraa fagaadhu. Fakkeenyaaf akka ati pornogiraafii ilaaltu kan godhu interneetii yoo ta’e sagantaa (idoola saphaphuu) kana kan dhorkuu danda’u mosaajjii (software) barbaachisaatti fayyadamuun dhorkuu, interneetiis waan barbaachisaa qofaaf fayyadamuu;
- Haala kee jijjiiri. Tarii wanta araada sitti ta’e haala si yaadachiisu jijjiiri. Wantoota araada ati keessaa ba’uu barbaaddu keessaa akka hinbaane si taasisurraa adda ba’i. Fakkeenyaaf meeshaalee dhugaatii, meeshaa dhugaatii ittiin banan, qodaa dhugaatiifi kkf mana keessa jiran ofirraa fageessi. Tarii qumaara yoo ta’e ammoo kaardiiwwan ittiin xaphatamu ofirraa fageessuun murteessaadha. Darbees namoonni wantoota araada sitti ta’an kana gara kee ykn gara mana kee akka hinfidneef ofirraa daangessi.
- Bakka araada kanaaa waan kan biraa buusi. Fakkeenyaaf bakka dur mana dhugaatii yookaan hiriyaa hintaane wajjin ooltu hojii kan biraa, tapha yookaan ispoortii irratti hanga yaadannoon isaa si keessaa badutti dabarsi. Tarii wantoonni amala kee irratti dhiibbaa geessisuun bakka kee kanaan duraatti sideebisuu barbaadan yoo siqunnaman ittiin wal’aansoo qabuuf yaali;
- Haala kee keessa deebi’ii ilaali. Hangam akka jireenya kee mo’achaa jirtu, wantoota araada sitti ta’an hangam akka mo’atte, maal akka sidanqaa jiru keessa deebi’ii ilaali. Tarii yoo rakkoon jiraate dafii jijjiiri; irratti hojjedhu;
- Namoota sigargaaruu danda’anitti dhiyaadhu. Tarii maatii yookaan hiriyoota situmsuu danda’anitti dhiyaadhu. Tarii maatiifi hiriyoota kee keessaa wantoota araada sitti ta’e ammayyuu nifayyadamu yoo ta’an si cinatti akka hinfayyadamne itti himi.
Walumaagalatti miidhaa araadota adda addaa jalaa ooluuf tarkaanfiin jalqabaa isa ati of irratti fudhattu ta’uu hindagatin. Innis isa hamaarraa fagaachuun isa gaarii duukaa bu’uun barbaachisaadha.
“Araadattii adda ba’uun salphaa miti; garuu ammoo daran murteessaadha”
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014