Torbee darbe Paakistaan ‘YouTube’ 35fi marsariitiiwwan (websites) lama sababa oduu sobaa diinummaa hawaasa keessatti babal’isu bifa qindaa’aa ta’een tamsaasuuf akka cufaman taasisteetti. YouTuboonni cufaman yoo xiqqaate hordoftoota miiliyoona 12 oliifi namoota viidiyoo isaan maxxansan hordofanii do’atan biiliyoona 1.3 ol kan qaban akka ta’e dubbatama.
Wanti daran nama ajaa’ibsiisu yoo jiraate utuu waan gaariin dhaloota jijjiiruu danda’u hojjetanii maxxansanii namoonni biiliyoonni 1.3 viidiyoosaanii do’atan kunniin waan gaarii irraa barachuu danda’u.
Dargaggoonni waan gaariidhaan bocamanii guddatan ammoo waan dhalootaaf ta’u hojjechuu danda’u. Biyya geeddaruu danda’u. Ofiifis ta’e maatiisaaniif namoota bu’aa buusan ta’u. Har’a kanatu dhabame. Bara safuun bade, quxisuun angafa hinbeekne, duudhaan kaleessaafi dheengaddaa bara itti dimismisaa’e keessa jirra. Aadaa orma ta’e akka bishaanii dhudhaanee miidhaa hamaa keessa of galchineerra. Inni kun daran dhaloota miidheera. Inni guddaan garuu yoo galgalaa’eyyuu hindhiine. Irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Wanti guddaan dagatamuu hinqabne barri itti adeemnu bara namoonni abjuu sirrii qaban, namoonni jabaatanii of kennuun hojjetan jiraataniidha. Bakka qabataniidha. Wantoonni hedduun har’a agarru akka ammaatti itti hinfufu. Darbuunsaa hinoolu. Namni boriif ta’u har’a qophaa’a. Dhoksaan milkaa’inaa isa kana. Milkaa’inni jabaatanii hojjechuun alatti hinjiru. Bantuunsaa inni guddaan wantoota har’a gara hamaatti nuharkisan harkaa miliquun mul’ata sirrii qabaachuudha.
Kanaaf of qopheessuudha. Qorannoowwan gara garaa akka agarsiisanitti namoonni hedduun jabaatanii hojjechuurra yeroo hedduu miidiyaaleerratti akka dabarsan agarsiisa. Inni kun ammoo yeroodhaa gara yerootti dabalaa deema. Miidhaansaas akkasuma.
Egaa yeroo miidiyaalee hawaasummaatti bifa nu fayyaduun itti gargaaramuun bara nu danqu keessa jirra. Darbees rakkoo guddaa ta’aa kan jiru oduuwwan miidiyaalee sabqunnamtii hawaasummaarratti tamsa’an dhaloota kan miidhan, akka abdii kutatan kan taasisan, ofis ta’e haala keessa jiran kan jibbisiisaniifi irraa jalaan jireenyaafi egereesaanii miidhuu danda’an akka ta’e agarra.
Kana ilaalchisee dargaggoonni akka dhuunfaatti, maatiin, hawaasni akkasumas mootummaan xiyyeeffannoo kennuufiin qabiyyeewwan miidiyaaleerratti tamsa’an hordofuun tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun, bakka barbaachisutti daangessuun dhaloota boriis ta’e biyya nagaa qabu horachuuf ga’een isaa guddaadha.
Miidiyaalee hawaasummaatti gadi fageenyaan utuu itti hinyaadin wantoota tamsa’an simachuun miidhaa hamaaf dhaloota saaxila. Bakka hedduuttis akka hawaasni walmiidhu taasiseera. Kana biyyoota akka Maayinaamarirraa barachuun barbaachisaadha.
Maayinaamaaritti waan dhugaa hintaane miidiyaalee hawaasummaarratti tamsaasuurraa kan ka’e yoo xiqqaate namoonni Rohiingiyaa kuma 116 caalan miidhaaf saaxilamaniiru.
Namoonni kuma 24 ol ta’an ajjeefamaniiru, kumni 700 ol buqqa’aniiru. Hawaasa walitti buusuu qofa utuu hinta’in biyyoota gara garaas walitti naquu keessatti miidiyaaleen hawaasummaa ga’ee guddaa qaba.
Fakkeenyaaf biyyoota akka Hindiifi Paakistaan gidduutti jibba facaasuun, viidiyoo sobaa tamsaasanii akka loliisatti seenan taasisuuf yaalii guddaan ta’eera. Kanaafis yaadanii, karoorsuun bakka nama xuxxuqee walitti buusu itti yaaduun kan tamsaasan yoo ta’u, namoonni kana utuu hinhubatin namas ta’e of miidhan jiru.
Sababiinsaas wantoonni miidiyaaleerratti tamsa’an hedduun kan dhaloota balaaf saaxilan ta’uu hubachuun nama hindhibu. Kana nu qofa utuu hinta’in addunyaan keenya keessummaa biyyoonni guddachaa jiran arganiiru. Gaariis ta’e hamaa numudatanirraa barachuun garuu ga’ee keenya.
Darbees wantoonni miidiyaalee hawaasummaarratti tamsa’an rakkoo namoota hundaati. Umrii hunda nimiidha. Ta’us xiyyeeffannoonsaa inni guddaan dargaggoota. Baay’inaan kan qopheessus ta’e kan rakkichaaf saaxilamu isaani.
Tarii yoo ofirratti arguu hindandeenyellee namoonni hunduu kanaaf saaxilamaniiru. Bilbila sochootuu baannu keessa waan dhaloota balaaf saaxilu hanga daqiiqaa hinguunnetti barbaacha salphaan argachuu dandeenya.
Fiilmii saafeloonni ilaalan, sagantaaleen dhagilaal (tv) irratti gadi dhiifaman, akkasumas fakkiifi suurri xuraa’ummaaf nama kakaasan qofa utuu hinta’in ergaa jeequmsaafi akka balaa qaqqabsiisaniif dhaloota qopheessan danuudha. Inni kun akka dhuunfaatti xiyyeeffannoo barbaada. Secca’anii ilaaluu, habaqii dhiisuun isa gaarii fayyadamuu gaafata. Yoo akkas ta’e borii keenyarratti hojjetaa jirra.
Kanaaf sabqunnamtiin hawaasummaa yeroo kamuurra si’ana odeeffannoo salphaatti akka argannu taasisuunsaa gaarii ta’ullee hangasuma balaa hedduu qabatee dhufa. Eeggannoofi ittigaafatamummaan itti hinfayyadamnu taanaan balaansaa faayidaasaa caaluu danda’a.
Sodaa dalaga hamaa duguugee nama keessaa balleessuun akka miidhaa kamiinillee sodaa tokko malee geessisuu danda’aniif daandii mijeessuu danda’a. Fakkeenyaaf namoonni tokko tokko yeroo riqicha irra dhaabatanii bishaan gadi ilaalan nisodaatu. Kaanis gamoo darbii tokkoofi isaa ol ta’e irra dhaabatanii lafa ilaaluu sodaatan jiru.
Ani dhuunfaa kootti namoota gamoorra dhaabatanii lafa asii gadi ilaaluu sodaatan (‘acrophobia’) keessaa tokkon ture. Gaaf tokko garuu interneetiirraa namoota gamoo darbiinsaa 20 caalurraa utaalanii utuu homaa tokko hinta’in hafan argeen baay’ee raajeffadhe, ofittis aare.
Sababiinsaas ani gamoo gabaabduurra dhaabadheen lafa ilaaluu sodaadha. Isaan garuu fiixee gamoo qabatanii itti rarra’u. Gadis utaalu. Kun waan daran natti dhaga’ameef yerosuma interneetii koo cufee lafa gamoo guddaan jiru deeme. Dafees yaabee sibiila itti naanna’ee jiru qabadhee hanga daqiiqaa shaniif lafa ilaale. Garuu akkasaanii itti hinrarraane.
Yeroo sodaan natti dhufu waanin interneetiirraa ilaalen yaadadha; namoota itti rarraa’an, namoota irraa utaalanii homaa tokko utuu hinta’in hafan. Sana booda sodaan nakeessaa bade. Darbii baay’ee kan qabu irra dhaabadhee gara lafaa ilaaluun homaa natti fakkaachuu dide.
Karaa biraas garuu interneetiin fiilmiifi wantoota gara garaatti fayyadamuun sodaa akka nama ajjeesuu, dirqisiisanii gudeeduu, balaa qaqqabsiisuufi akka itti jalaa miliqan dabalatee waan hedduu nama nishaakalchiisa.
Akkaataatti meeshaa waraanaa fayyadaman, dhukaasan nibarsiisa. Dargaggoonni keenya hedduun wantoonni interneetii irraa hundi sirrii itti fakkaatu hindhabaman. Isa arganis dhugaa itti fakkaatee kan shaakalan hedduu ta’u. Miidhaansaa garuu akka isa fakkeessaa intarneetii irratti arginuu miti. Balaa cimaaf kan nama nisaaxilu ta’uu danda’a.
Kanaaf intarneetiin dhaloonni akka sodaa nama miidhuu of keessaa baasanii sodaa malee waan fedhan nama barbaadan irraan geessisaniif sababa guddaa ta’aa jira. Miidhaan kun ammoo nama biraa qofarratti utuu hinta’in ofiisaaniirraan geessisuun maatii, firootaafi biyyasaaniif bu’aa buusanii akka hindarbine gochuu nidanda’a.
Kun biyya ormaa keessa qofa utuu hinta’in biyyuma keenyattis miidhaansaa salphaa miti. Namoonni miidiyaalee hawaasummaatti fayyadamanii ergaa dabarsan wantoota raawwataniif ittigaafatamummaasaa kan hinfudhanne akka ta’an argaa jirra.
Asirratti kan nama gaddisiisu soba tamsaasaniif irra deebi’anii sababasaa dubbachuu dhabuusaaniiti. Namoonni odeeffannoo akkasii hordofanis booda deebi’anii kaleessa dhara tamsaasuusaaniif gaaffii hinkaasan. Yoo jiraatanis xiqqoo ta’u. Kanarraa kan ka’e har’a akka biyya keenyaattis ta’ee akka addunyaatti namoonni hedduun oduu dharaatiin dogoggoraa oolu.
Namoonni hedduun walitti bu’u. Jireenyi namoota baay’ee miidhameera. Biyyoonni hedduun boodatti deebi’aniiru. Dinagdeensaanii diigameera. Kanarratti dhaloonni kun yaaduun barbaachisaadha. Dhugaa sobarra adda baafachuun, isa sobaa irraa dheessuun dhugaa qabachuun murteessaadha.
Egaa rakkoo kanaaf furmaanni eessa jiraa? Manneen amantii ga’eensaanii maalii? Maatiin ga’ee qabuu? Geggeessitoonni biyyaahoo? Gaaffii kanaafi kana fakkaatan qabaachuu dandeenya.
Rakkoo har’a kallattiilee gara garaatiin addumaan dhaloota miidhuu danda’an kan laamshessuun danda’amu nama tokko lamaan utuu hinta’in hundumtuu harka walqabachuun dhalootaafi biyya oolchuurratti yoo xiyyeeffate qofa.
Dhaloonni har’aa yoo oole bor biyyatu oola. Dhaloota biyya ijaaru, dhaloota maatiifi ofiif ta’utu bocama. Inni kun filannoo miti. Dhaloota hamaafi gaarii gargar baasee hubatu qopheessuun ga’ee hundaati.
“Miidiyaaleen hawaasummaa ilaalcha alta’umsa akka qabaattu ykn yaada alta’umsa ta’e akka maxxansitu yoo sitaasise irraa dheessuun gaariidha.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014