Yeroo tokko dubartiin koolleejjii Siwaartimoor jedhamu keessa hojjettu mucaa ganna saddeetii maatiisaa harkaa fudhattee amala gaarii horatee akka guddatuuf yaalii goote. Mucaa kanas sammuunsaa waa’ee nagaa akka yaaduuf gargaarsa barbaachisaa goote. Gaaf tokko gaaffi “Ani jireenya koo keessatti waraana hinjaaladhu. Dhaladhee hanga har’aatti oduu waraanaas dhaga’uu hinbarbaadu” jette. Mucichis erga dhaggeeffatee booda akkas jedhee deebiseef, “Ani immoo jireenya koo keessatti waraanan jaaladha” jedhe.
Isa booda isheenis ajaa’ibsiifattee mucaa kanaaf deebistee “Atoo daa’ima xiqqoo hanga har’aatti waa’ee waraanaa gadi fageenyaan hinbeekne’oo maaliif waraana jaallattaa? Waraana eessatti agartee beektaa?” jettee gaafatte. Mucichi garuu ittifufee, “Ani waan fedhe taanaan waraana nan jaalladha” jedhee ammas ejjennoo isaa ibseef.
Booda keessa maatii mucaa kanaa wajjin yeroo haasoftu abbaan mucaa kanaa xinnummaa isaatti maatiinsaa akka qawwee ashaangulliitii bitaniif akka rakkisaa tureefi yeroo isaan bituufii didan dhaqee qawwee mukarraa hojjetatee akka qabatee deemaa ture dubartii kanaaf ibse. Mucaan kunis maatiisaarraa kan dhaga’aa umurii sana ga’e isa kana.
Qawwee qabatanii deemuu. Oduu nagaa caalaa waa’ee loliisaa dhaga’aa guddate. Inni kun ammoo jireenya mucaa kanaa irratti dhiibbaa guddaa geessise. Sammuusaa keessatti waa’ee mana barumsaa, teknoolojii, beekumsaafi kkf utuu hinta’in waa’ee qawweefi lolaa dhaga’aa guddate.
Har’a bakka garaa garaatti, manneen barnootaatti, manneen amantaatti, miidiyaalee gara garaarratti, maatii keessatti daa’ima meeqatu waa’ee nagaa wantoonni yaachisan jiruu? Sammuu daa’immanii amala sirriin bocanii kan guddisan miidiyaalee yookaan manneen amantii jiruu? Wantoonni naannawa keenyatti agarru hangam dhaloota nagaaf qopheessu? Isaan kana gadi fageenyaan itti yaaduun murteessaadha.
Chaayinoonni yeroo mammaakan “Namni kamuu allaattiin gaddaa mataasaa irraa ol fagaattee akka hinbalaliine taasisuu hindanda’u ta’a; ta’us akka man’eeshee hinijaarranne gochuu nidanda’a” jedhu.
Wantoonni nagaa namaa sarban raawwatanii baduu dhiisuu danda’u keessa seenuun garuu murtoo keenya gaafata. Bakka nagaan hinjirretti homtuu nurra hinga’u jechuu miti. Ollaan keenya nagaa hinqabu taanaan nuunis gaaga’uu hinoolu.
Namni nagaa ofiif hinqabne isa kaan nagaatti hinjiraachisu. Isa kana waajjira keenya keessatti, naannoo keenyatti dhandhamuu hinoolle. Haa ta’u malee qaama rakkoo ta’uurra qaama furmaataa ta’uun ogummaafi beekumsa cimaadha. Bara keessa jirru kana namoonni hedduun qaama furmaataa ta’uurra utuu qaama rakkoo ta’anii agarra. Namni hundinuu isa kana itti yaaduun murteessaadha.
Namni hunduu akka dhuunfaatti sababa nagaa yoo ta’e biyyi Afriikaa dhalootaaf bakka mijataadha, ardii itti baqatan malee keessaa baqatan miti. Rakkoon Afrikaa rakkoo nagaati. Rakkoon isaa kan hundaa erga ta’ee furmaanni isaas hunduma bira jira. Namoota siyaasaa bira jira. Abboota amantaa bira jira.
Beektota bira jira. Guddaafi xinnaan qaama isa kanaati. Qaama tokkoof kan dhiifamu miti. Namni nagaa barbaadu duraan dursee ofiif nagaa qabaachuu mala. Biyya lafaa kana keessatti nagaa barbaanna taanaan nuti ofiif ergamtoota nagaa ta’uun murteessaadha.
Namni nagaa qabu namoota naannoosaarratti dhiibbaa gaarii geessisa. Maatiisaarratti dhiibaa gaarii geessisa. Naannoo keenya waan gaariin ga’uuf nurraa eegaluu qaba. Burqaa nagaa ta’uun murteessaadha. Sammuu nagaa yaadu qabaachuu qabna.
Yeroo tokko namni falaasamaa Seneekaan “Namni tokko ofii isaa wajjin nagaa hinqabu yoo ta’e yoomiyyuu yaada sirrii hinburqisiisu” jedhe. Yaadni sirriin yaada nagaa, sammuu nagaa keessaa burqa. Ofiif nagaa hinqabdu taanaan yaada nagaa eessaa fiddaa?
Duraan dursanii ofii wajjin nagaa buusuun murteessaadha. Namni keessasaatti nagaa qabaachuu qaba. Sammuunsaa nagaan guutuu qaba. Sirriitti yaaduufi rakkoo uumamu hiikuu kan danda’u sammuu nagaa qabuudha.
Namoonni sammuunsaanii nagaa qabu namoota mo’ichaa ta’u. Sababiin isaa sammuun xiqqoo fakkaattu ga’ee guddaa qabdi. Yoo xiqqaate odeeffannoo hanga tiriiliyoona tokkoo baachuu dandeessi. Qabeenya guddaa kana hamminaaf ittifayyadamuu irra hojii gaariif fayyadamuun dhalootarrattis ta’ee ofii keenya irratti jijjiirama guddaa akka fidnu nutaasisa.
Nagaan biyyaafis ta’ee dhalootaaf akka faayidaa guddaa qabu, nagaan dhabuunis miidhaa hamaa qaba. Bakka nagaan hinjirre guddinni hinjiru. Namni nagaa hinqabne bu’aaqabeessa hinta’u Yeroo tokko tokko biyyoota addaa addaa keessatti namoonni jireenya gaarii utuu qabanii nagaa dhabuu irraa kan ka’e ofis ta’e namoota biraa utuu balleessanii agarra. Bishaanitti of darbatu. Konkolaataa jala of buusu.
Hojii isaanii keessatti bu’aaqabeessa ta’uu waan dadhabaniif hojii irraa ni ari’atamu. Namoota wajjin wal loluu irraa kan ka’e hawaasaafi hiriyootasaanii gidduutti maqaa hamaa niqabaatu. Biyyaaf kasaaraa ta’u. Haa ta’u malee kanaaf furmaanni fagoo miti. Fagootii kan barbaadamu miti. Nagaan keessa namaatii kan burquudha.
Naannoo keenyatti, hawaasa keessatti, maatii keessatti rakkooleen mul’atan burqaan isaanii yeroo hedduu nama takkoon eegalee hawaasa waliin ga’a. Nagaanis akkasuma. Tokko tokkoon keenya nagaa yoo taane biyyi nagaa ta’a. Hawaasni nagaa ta’a.
Keessumattuu ardiin keenya miidhaa nagaa dhibuun fidu argiteetti. Madda rakkoo kanaafi miidhaa inni fide beekuun gaariidha. Namni ba’ee galuufi hojjetee milkaa’uuf nagaan murteessaadha. Nagaan jiraachuu baannaan yaaduufi hojjechuu hindandeenyu. Nagaa kana ammoo namni nuuf hin fidu. Maddisaa numa bira.
Yeroo tokko namni Raalfi Waaldoo Imeerson jedhamu, “Eenyullee nagaa naa fida jettee hin yaadin; ofii keetii nagaa qabaadhu” jedhe. Nagaan nuti alaa eeggannus ta’e argannu yeroof ta’uu danda’a.
Keessi keenya nagaa qabaannaan, ilaalchi keenya ilaalcha dhaloota gidduutti nagaa buusu taanaan ofii keenya qofa utuu hinta’in namoota biroof sababa nagaafi gammachuu taana. Yoo nagaa hinqabnu taanes faallaa isa kanaati. Madda jeequmsaafi badiisaa taana.
Namni nagaa hinqabne waan baay’ee dhaba. Hiriyaa nidhaba. Gammachuu nidhaba. Abdii nidhaba. Sammuun nagaa hinqabne dhiphinaan guutamaadha. Tasgabbiidhaan yaaduu hindanda’u. Namoonni nagaa hinqabne ofiifis ta’e hawaasaaf miidhaadha.
Of irra taranii isa kaan miidhu. Kanaaf, ofirratti hojjechuun murteessaadha. Karaa nuyi kanaan dura yaadneefi ittiin hojjenne bu’aa dhabnaan irra deebinee itti yaaduu qabna. Ilaalcha keenyas irra deddeebinee madaaluun bayeessa.
Jireenya nagaafi tasgabbii qabu qabaachuun nama kan biraa qofaaf utuu hinta’in abbaaf iyyuu faayidaa guddaa qaba. Isa kana seenaa namoota addunyaa kana irratti wantoota gurguddaa hojjetanii darban irraa arguu dandeenya. Haati manaa Toomaas Eedson waa’ee abbaa manaa ishee yeroo dubbattu nama sammuu isaa irratti hojjetuufi nama nageenya sammuu isaatiif eeggatu akka ta’e dubbatti.
Namni kun Ameerikaa keessatti nama baay’ee beekamaafi nama kalaqaa ture. Nama waa uumuuttis beekamaa ture. Jijjiirama fiduuf illee tasgabbiifi nagaan barbaachisaadha.. Wantoota sammuu keenya jeeqan irraa of qoqqobbachuun gaariidha.
Isa kana gabbisuun ga’ee hundumaati. Akka dhuunfaattis ta’ee akka walootti itti yaaduun barbaachisaadha. Manni barnootaa, dhaabbanni siyaasaa, manni amantaa, hunduu isa kana itti yaaduu qabu. Ilaalchi keenya, lallabni keenya, maree keenya jijjiiramuu qaba. Isa kanaaf tarii amantaan ga’ee guddaa qaba jedhamee yaadama.
Amantaan namoota kan geeddaru ta’uu qaba. Namoonni akka nagaa yaaduu dandaa’aniif kan qopheessu ta’uu qaba. Namoonni waa’ee lolaa labsuurra naagaa, meeshaa lolaa irra meeshaa barnootaa, jibba irra jaalala, dukkana irra ifa, jeequmsa irra tasgabbii, tarii namoota nuhubachuu hinfeene illee yoo jiraatan hubannoo isaanii mo’achuu danda’uu, isa kana ammoo maatii keenya irraa eegaluun borii dhalootaa geeddaruu irratti hojjechuun daran barbaachisaadha. Tarii kanaan dura namoonni lolaan nama mo’achuuf yaalaniiru; si’achi garuu daangaa hubannoo isaanii bal’isuun yaada isaanii booji’uun nagaa amansiisaatti geessuun murteessaadha.
Isa kanaaf ammoo nuti namoota naga qabeeyyii ta’uun gaariidha. Geggeessaan amantaa yoo nagaa qabaate sabni inni geggeessu nagaa qaba. Namni maatii geggeessu yoo nagaa qabaate maatiin sun akkasumas mandirri inni keessa jiraatu nagaa niqabaata.
Egaa nagaan akka dhuunfaatti, akka maatiitti, akka biyyaatti daran barbaachisaadha. Isa kana ammoo nama kan biraa irraa eeguun barbaachisaa miti. Nagaan keessa keenyaa eegala. Nurraa ka’ee nama kan biraatti ce’a. Inni kun ammoo dungoo ta’ee ifuun yookaan ammoo calaqqee ta’ee dukkana jireenya namaa irratti dhiibaa geessisuu qaba.
“…lola labsuurra naagaa, meeshaa lolaa irra meeshaa barnootaa, jibbarra jaalala, dukkanarra ifa, jeequmsarra tasgabbii, tarii namootni nuhubachuu hinfeenellee yoo jiraatan hubannoosaanii mo’achuu danda’uu, isa kana ammoo maatii keenyarraa eegaluun borii dhalootaa geeddaruurratti hojjechuun daran barbaachisaadha.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014