Jiruu baadiyyaa ulfaataafi nuffisiisaa kaayyoofi mul’ataan bira darbee, karaa dheeraa miilaan imalee magaalaa deemaa barachuun, maatii harka qaleessarraa dhalatus osoo barumsarratti abdii hinkutatiin gaafa barnoonni jiru barachaa, guyyaa sanbattan lamaan ammoo daldala xixiqqaarratti hirmaatee dabtaraaf qalama bitachuurra darbee maatiisaatiifis gargaaraa ture.
Rakkoon jalqabarraa kaatee isa waliin turte gaafa inni barumsa xumuree carraa biyya alaatti barachuu argates biraa hafuu diddee achittis waliin godaante. Nama biyya guddatte keessa taa’ee nyaanni sadarkaa Itoophiyaa irraa alatti isaaf ergamuurra gahe, sababa kanaanis hanga abdii kutachuutti ga’eefi har’a immoo gufuuwwan sana hunda obsaan bira taree magaalaa itti miilaan imalee barachaa turetti hospitaala guddaa tokko ijaaruuf jalqabbiirra jiru.
Kan jiruun waggoota hedduuf dugda itti kennitee har’a guyyaan geenyaan fuulaafi harkas itti kennatte, aanga’oota Mootummaa Raashiyaarraa hanga ministira muummee Kanaadaatti beekamtii argate, harka qalleessa kaleessaa carroomaa har’aa Doktar Gazahaanyi Hordofaati. Doktar Gazahaanyi keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati. Turtiin isaan Bariisaa wajjin taasisan akka ittaanutti qindaa’ee dhiyaateera.
Bariisaa: Nuti erga seensaaf hanga kana jennee waa’ee keessan isinumti nutti himaa. Doktar Gazahaany eenyu?
Doktar Gazahaany: Doktar Gazahaanyi Hordofaa Waaqoon jedhama. Kanin dhaladhe Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Walancitiitti yemmuu ta’u, barnoota sadarkaa jalqabaan booda garuu maatiin koo waan Duukamitti galaniif isaan wajjin garasitti imale.
Maatiin koosoorama bahanii waan turaniif qonnarratti bobba’uuf gara baadiyyaa naannawa Duukaam jiruutti bahee mana barnootaa sadarkaa 1fa hordofuuf sa’aatii tokko miilaan magaalaa Duukamirraa adeemuuf dirqameera. Barnoota sadarkaa duraa mana barumsa Odaa Nabeettin baradhe.
Sadarkaa 2fa ammoo waan yeroo sana magaalaan Duukam hinturreef sa’aatii lama miilaan deemuun Bishooftutti hordofe. Yeroo barnoota karaa hangas fagaatu miilaan adeemaa barataa turetti ciree ganama nyaadheenin oolee gala. Manni barnootaa Tanaanyi Warqi immoo kan sadarkaa 2fa itti baradheedha.
Guyyaa boqonnaa kootti immoo hanqaaquu yookiin buuphaa baadiyyaa hanga adeemsa miilaa sa’aatii sadii fudhatu imaluudhaan magaalaatti dhiheessee gurguraa maatiis tajaajilaa ture.
Kana qofaan osoo hindaangeffamne gaazii boba’aa baadiyyaa keessatti akka madda ifaatti itti tajaajilaman magaalaadhaa bitaa baadiyyaatti geessaa gurguruun baruumsa kootti cichee barachuuf hangan danda’u tattaafachaan ture.
Haalonni yeroo sana turan hedduu olfaatoofi kan abdii nama kutachiisan ta’us, waanin barumsa adda kutuu hinqabneef qofa kutannoofi obsa guddaadhaan keessa darbe.
Ergan kutaa 12fa xumuree booda jalqabarratti qabxii gaarii fiduu baadhus kaayyoofi fedhii biyya alaatti barachuu waanin qabuuf qabxii kiyya fooyyeffadhee carraa Raashiyaatti barachuu argadhe.
Bariisaa: Raasiyaatti maal barattan? Maaliif?
Doktar Gazahaany: Akaakuun barnootaa carraan barnootaa itti argames isuma anin durirraa barachuuf hawwaa ture ‘landscape and Irrigation’ ture. Sababni ani waa’ee jallisii itti qo’achuuf hawwaa tureefis iddoon ani itti dhaladhe sun gogaafi bishaan kan hinjirre waan ta’eefi.
Raashiyaan ammaa tun dur biyyoota yeroo ammaa of danda’an kanneen akka Uzbeekistaanfa’a of jalaa qabdiiyyu. Anis qaama Gamtaa Sooviyetii durii kan turte, biyya yeroo ammaa Uzbeekistaan jedhamtutti qorannoo jallisiitiin saartifikeetii jalqabaa argadhe. Kun digrii jalqabaa ta’uusaati.
Digrii lammataakoos achumatti baradhee xumure. Kana keessatti wanti baramuu qabu yoo jiraate, akaakuun barnootaa carraan iskoolaarshiippii itti argame jallisii ta’us, kallattiidhumaan gara barnoota sanaatti seenuun hindanda’amu. Sababnisaas; jalqaba afaan biyya sanaa baruun dirqama waan tureef ergan waggaa tokko guutuu afaan Raashiyaa barachaa turee booda gara akaakuu barnootaa filadheetti kan gale.
Ergan digrii jalqabaa qorannoo jallisiitiin xumuree booda digrii lammataa qunnamtii biyyoolessaa, mirga uumamaafi dippilomaasiin eebbifame.
Ittuma fufuudhaanis digrii sadaffaakoos achuma “Mosco Humanitarian University” keessatti akaakuudhuma barnootaa digrii lammataa itti dalageen PhD ykn digrii sadaffaas dalage jechuudha.
Ergan haala kanaan barnoota xumuree booda immoo yeroo jalqabaatiif carraa doolaara 100n mindeeffamuu argadhe. Hojiin kunis akka tola ooltummaatti hojjachaati garuu kanfaltiin kan namaaf raawwatamuudha. Osoman kana hojjachaa jiruun dhaabbata tokko hundeesse.
Bariisaa: Dhaabbata akkamii hundeessitan mee Doktar?
Doktar Gazahaany: Dhaabbannin hundeesse OPORA kan jedhamu yemmuu ta’u, kan xiyyeeffatee hojjatu immoo dhimma godaantotaarratti ture. Kunis godaantonni yeroo iddoowwan gara garaarraa dhufan haala itti hojii argachuu danda’anirratti deeggaruu, mana jireenyaa akka argataniif haala mijeessuufi karaalee adda addaatiin hawaasa godaanaa tajaajiluudha.
Caalaatti immoo godaantonni nuti irratti xiyyeeffannee hojjachaa turre kan Itoophiyaafi Ertiraa dabalatee kanneen biyyoota Afrikaafi Eshiyaa biyyoota 56 irraa dhufanirratti.
Keessattuu yeroo ayyaanonni gara garaa dhufanitti Imbaasii Itoophiyaa Raashiyaa jiru wajjin ta’uun hawaasni Itoophiyaa iddoo tokkotti akka kabajuufi huccuufi namni meeshaalee adda addaa darbaa qabu walitti funaanee godaantota harka qalleeyyiifi hojii hinqabneef kennaa turre.
Ayyaanota akkasii iddoo argametti kabajuun waan hindanda’amneef yeroo heddu gara Imbaasiin Itoophiyaa jirutti imallee kabajaa turre.
Bariisaa: Dhaabbaticha dhuunfaa keessaniin hundeessitanii?
Doktar Gazahaany: Lakki kophaa kiyya osoo hintaane, gurmoofneeti kan hundeessine. Miseensonni waliin hundeessine lammilee biyyoota adda addaa turan. Fakkeenyaaf Itoophiyaarraa ani jira. Afgaanistaanii, akkasumas Iraaqirraa jiru.
Ani immoo hundeessitoota keessaa nama tokko yemmuun ta’u, daarektarri dhaabbatichaas anuma. Hojiin nuti hojjannu kun irra jireessaan kan dhaabbanni mootummoota gamtoomanii dalagu waan ta’eef, yeroo ammaa gamticha wajjin hariiroo cimaa uumnee hojjachaa jirra.
Hojiin nuti waggoota dheeraaf hojjachaa turre erga dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiin beekamtii argatee booda yeroo ammaa fandii ykn maallaqa hojiif nu barbaachisu isumarraa argachaa jirra.
Buufata godaantotaa gara garaa keessa sochoonee waan hojjanneefi bu’aa argame irratti dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiif gabaasa dhiheessuuf dirqama qabna.
Raashiyaa keessatti baqataa ta’anii jiraachuun hedduu ulfaataa ta’us, sababa dhaabbanni kun achitti hundaa’eef baqattoota hedduuf hamma tokko tajaajila jiruusaanii salphisu kennaa turreerra.
Haalatti baqattoota kanneen gara Ameerikaa, Kaanaadaa, Faransaay, Jarmaniifi biyyoota gara garaatti imalaniin mijeessuudhaan hanga danda’ametti hundasaaniituu afaan isaan dubbataniin tajaajiluudhaan gara biyya barbaadaniitti ykn carraan argameetti akka adeeman taasisaa turre.
Asirratti wanti beekamuu qabu garuu, baqattoonni kunniin carraa gara biyyoota kanneeniitti godaanuu kan argachuu danda’an erga dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiin beekamtii argatanii booda ta’uusaati.
Kaayyoo guddaa dhaabbatichi itti hundaa’eef keessaa inni guddaan baqattoota gargaaruu waan ta’eef biyyoota akka Raashiyaatti baqataa ta’anii jiraachuun tasumaa waan hinyaadamneefi ulfaataadha. Kanaafuu baqattoonni biyyoota jireenya baqaatiif mijatoo ta’anitti akka imalaniif haala mijeessuun hojii xiyyeeffannaan hojjatameedha.
Biyyootuma jireenya baqaatiif mijatoo ta’anittis taanaan haala ittiin jiraatanirratti garaa garummaa guddaan waan jiruuf biyya Jarmanitti baqataa ta’anii akkamiin jiraachuun akka danda’amu, Faransaay baqataa ta’anii jiraachuun akkamiin akka danda’amuufi haala qabatamaa biyyoota gara garaa keessa jiraachuuf nama dandeessisanirratti baqattootaaf leenjiiwwan adda addaa kennaa turre.
Egaa walumaagalatti waggoota 12f karaa dhaabbatichaatiin dhimmoota baqattootaan walqabatanirratti hojjachaa ture jechuudha. Sana booda ALA bara 2012 Raashiyaarraa gara Kanaadaatti qajeele.
Bariisaa: Kaayyoon keessan alatti barattanii biyya tajaajiluuf ture hoo akkam ta’e?
Doktar Gazaahanyi: Hawwii koo kan ture baradhee biyyatti deebi’uudhaan biyya koo gargaaruu ture. Sirumayyuu ani yeroo barnoota jallisii barachuuf hawwaa ture sanatti biyyaa bahee osoo hintaane, yunivarsiituma biyya keessaatti baradhee asumatti biyyakoo gargaaruu ture.
Sun immoo akka carraa ta’ee milkaa’uu hindandeenye. Sababnisaas; qabxiin ani yeroo kutaa 12fa xumuru kallattiidhaan kan Yunvarsiitii Finfinneefa’a nama galchu hinturre. Kanaaf akkuman ta’u ta’ee hamma tokko fooyyeffadhee carraa iskoolaarshiippii argadhe.
Iskoolaarshiippicha argachuuf baadiyyaa Duukam irraa deddeebi’ee Finfinneetti Afaan Raashiyaa barachuunuu waan ulfaataa ture. Afaan qofa osoo hintaane haala jireenya biyya sanaafi siyaasa yeroo sana Sooviyeet guddittii keessatti beekamu Markisizim Leninizim sirriitti qo’achuufi quuqama sirnichaa horachuun dirqama ture. Yeroo tokko tokko immoo yeroo wanti siyaasaa akkasii himamu boo’uunis akka tarsiimoo cimaa jara amansiisuutti ilaalamaa tureera.
Seenaa biyya sanaa sirriitti qo’achuufi baruun, akkasumas hariiroo biyyi sun Itoophiyaa waliin qabdu hubachuun hedduu murteessaa ture. Anis wantoota biyya sana adeemuuf nama barbaachisan kanneen hunda sirriitti waanin qo’adheef yeroo carraan iskoolaarshiippii kun dhufu namoota filataman keessaa tokko ta’uu danda’eera.
Yeroon iskoolaarshiippii argadhee carraan gara Raashiyaa deemuu naa milkaa’e sanatti harmeen koo sabbatashiirraa hiiktee qarshii 20 naa kennitee na gaggeessite.
Bara 2006tti dubartiin takka Kaanaadaarraa biyya ani jiru, Raashiyaatti dhufte. Dubartiin tun immoo ishee waaqni akka haadha warraa naataatuuf jalqabuma naa uume taatee argamteedha. Baruma sanatti waliigaluudhaan sirni gaa’elaa qophaa’ee dubartii adii sana wajjin walfuudhuu dandeenyeerra.
Sana booda immoo bara 2008 keessa gara Itoophiyaa fidee iddoo itti dhaladhetti cidha aadaa godhannee fardaan garmaamne. Sirna aadaafi duudhaa Oromootiin erga cidha raawwannee booda gara Raashiyaatti deebine.
Sana booda jireenyi Raashiyaas ulfaachaa dhufee bara 2009 tti Liibiyaatti ramadamee hojii ulfaataa keessa ture. Erga haalli humnaa ol ta’een booda immoo biyyasanaa bahuuf murteessee Raashiyaatti deebi’uurra biyya jaartiin tiyya jirtu, Kaanaadaatti imalee ishee waliin jiraachuu eegalle jechuudha.
Bariisaa: Tole. Kanaadaatti hoo hojii akkamiirratti bobbaatan?
Doktar Gazahaany: Ani wayitan Raashiyaa jiraadhurraa eegalee naannawa itti dhaladhetti hojiiwwan gara garaatiin hawaasicha tajaajilaan ture. Fakkeenyaaf manneen barnootaa naannawa sana keessatti argaman suphuufi meeshaalee hanqatan guutuun, manneen dubbisaa ykn laaybirarii ijaaruun meeshaalee hunda guutuufaan ni eeramu.
Amma immoo piroojeektiin guddaan yeroo ammaa kana hojjachuuf qabadhe jira. Innis magaalota Bishooftuufi Duukaam gidduutti lafa kaaree meetira 23 ta’urratti hospitaala ijaaruudha. Yeroo ammaa kanas hojiiwwan tokko tokko kan jalqabaman yoo ta’u, wantoonni akka diizaayiniifi kanneen biroo jalqabamaniiru.
Kanaaf yeroo abbootii qabeenyaafi ministira muummee Kaanaadaa waliin dhufnee turretti dameewwan ijoon ani irratti hojjachuu barbaadu damee fayyaafi barnootaa waan ta’eef, piroojektiin hospitaalaa amma eeggalle kunis qaamuma xiyyeeffannoo sanaati jechuudha.
Meeshaaleen ijaarsaaf barbaachisan tokko tokkos galanii jiru. Heeyyama gaaffannee deebii eeggachuurratti argamna. Hojii kana asitti eegaluuf wanti bu’ura buuse yeroo darbe abbootiin qabeenyaa Kaanaadaa gara Itoophiyaa dhufanii carraa hojii as jiru ilaalanii turan. Isaan keessaa tokko waanin ta’eef haala kanaan hojicha keessa seenuuf karoorfannee ittideemaa jirra.
Bariisaa: Dippilomaasii barachuu keessan nuu ibsitanii turtan, ittiin hojjattaniirtuu garuu?
Doktar Gazahaany: Lakki, dippilomaasii nin baradhe malee ittiin hinhojjanne. Yeroon Raashiyaa turetti keessattuu waggoota lamaafi sadeen Gamtaan Sooviyeetii itti diigame sanatti rakkoo hamaan biyyattii mudachaa ture. Rakkoon ture sun hanga waan nyaatamu dhabuutti kan nama geessu ture.
Warreen akka keenya biyya biraatii dhufan dhiisii lammiileenumti biyya sanaayyuu hanqina midhaan nyaataa cimaaf saaxilamanii turan. Namoonni Itoophiyaa dhufanii achi turan hedduunis sababuma rakkoo kanaatiin gara Itoophiyaatti deebi’uuf dirqamaniiru.
Yeroo sanatti waan nyaatamu Itoophiyaarraa karaa daandii xayyaaraa Itoophiyaatiin Raashiyaatti nuu ergamaa turuusaa nin yaadadha. Haala rakkoo sana keessatti mootummaan Itoophiyaa immoo ji’a ji’aan qarshii 24 nuu ergaa ture.
Lammiileen biyyoota Arabaa gara garaarraa dhufanii nu wajjin Raashiyaatti barachaa turan garuu ji’atti hanga maallaqa biyyasaanii 1000tti ergamaafii ture. Garuu barumsaan kan caalu nuyi waan ta’eef isaan nurraa garagalchaa turan.
Kana qofa osoo hintaane yeroo tokko tokko rakkoon nutti cimtee yeroo lafti nutti dukkanooftutu jira. Amma eenyuu kiyya bira bilbiladhee waa naa erguu danda’a? jennee yoo of gaafannu deebiin hinjiru. Sababnisaas namni waa nuu erguu danda’u tokkollee waan hinturreef.
Wanti nama ajaa’ibu garuu, yeroo tokko tokko achuma rakkoo hangas ulfaatu keessa teenyee tarsiimoo rakkoo sana ittiin injifachuu dandeenyu yemmuu baafannu, doolaaruma ji’atti nuu kennamtu 24 sana keessaa doolaara shan shaniin afoosha ykn iqqubii buusaa turre.
Bariisaa: Sababa bu’aa ba’ii jireenyaa kanaan yeroonitti abdii kutattan hinturree laata?
Doktar Gazahaany: Tureera malee. Yeroo tokko sirumaa wanti hundi humnaa ol natti taanaan “Kana caalaa rakkoolee baachuu hindanda’u” jedhee abdii kutachuurra ga’een ture. Haalli qilleensa biyyasaanaatuu mataansaa qormaata guddaa ture. Yeroo hunda ni qorra qabbana hamaatu jira.
Kanarraa kan ka’e namni hundi mana manasaatti meeshaa namtolchee ho’ina fiduun hamma ta’e dandamata. Ani gaafa rakkoon humnaa ol natti taatee abdii na kutachiiftu sana kaawuyyaa uffataa walirra kaa’uudhaan kottoonfadhee buluuf dirqameera.
Qorri sitti cimees ta’ee rakkoolee gara garaatiif jecha gaafa ati barnootarraa guyyaa tokko haftes sitti barreeffama. Kanaaf gufuu jireenya kookeessatti naqunnaman keessaa kun isa tokko ture.
Yeroo tokkos cabbii hamaa walitti qabamee jiru tokko irraa kufeen hedduu miidhamee ture. kopheen yeroo cabbii qofatti kaawwatamu ni jira ani garuu kophee sana bitachuuf humna waan hinqabneef, kopheedhuma yeroo biroo keewwadhuun osoon imaluuti kan cabbichi na kuffise.
Sababa kufaatii sanaanis jilbi kiyya waan miidhameef gara mana yaalaatti deddeebi’uuf dirqameera. Kunis qormaata dabalataa natti uumuun jireenya kiyya daran walxaxaa taasiseera. “Eenyu kiyyatti bilbiladhee rakkoo kiyya kana haa himadhuree?” nama itti bilbiladhee naa birmachuu danda’u dhiisiitii bilbilumti ittiin bilbiladhuyyuu hinjiru ture.
Gaaf tokko garuu garmalee jiruun natti hadhooftee dhibeen jilbaa sunis natti cimee jennaan haati tiyya baadiyyaarraa sa’aatii tokko miilaan adeemtee Duukamii dhufuudhaan sa’aatii lama eeggattee bilbila shibii (haadaa) duriitiin akka na dubbiftu taasisee ture. Rakkoo keessa jiru caalaa dhibeen biraa natti dabalamee qormaata hindandeenye keessa jiraadhus, nagaa Waaqaa walgaafachuun aladhibee natti jiru sana haadhakootti hinhimne.
Sababnisaas; osoon itti himee dhiisii koottu naan jettee maaliin dhufuu danda’a? Xayyaarri Itoophiyaa erga gaafa duraa fidee achitti nu buusee booda hindeebine. Kanaaf rakkoo keessa jiru maatitti himee garaa balleessuurra obsuma kootiin bira darbuu danda’e.
Homa fedhes ta’u garuu rakkoo hamaa akkasii sana yoomillee dagachuu hindanda’u. Boodarratti garuu afoosha doolaara shan shan buufannuun dabaree dabareedhaan yeroo tokko nama tokko, yeroo biraas nama tokko gara biyyaatti erguudhaan gara dhufnee maatii ilaalaafi rakkoo keessa turrerraa bayyanachuuf carraa walii kennaa turre.
Boodarratti yemmuun barnoota xumuree carraa hojii tola ooltummaa doolaara 100 argadhu haalonni hundi jijjiiramuu danda’aniiru. Yeroo sanatti doolaara 100 jechuun maallaqa guddaadha. Hojiin nuti yeroo sana hojjannu immoo midhaan gargaarsaa baqattootaaf dhihaatu sana baadhachaa konkolaataarraa buusuu, mankuusatti olnaquufi raabsuufa’a ture.
Suutuma suuta ofiisara, dursaa gareefi daariktara jechaa olguddachaa dhufuudhaan hanga mootummaa Raashiyaa biratti beekamtii argachuutti ga’uu danda’e.
Bariisaa: Hojii hojjettan keessaa kan caalaatti isin gammachiisu ykn bu’uura buuseera jettan kami?
Doktar Gazahaany: Wantoonni ani bu’uura buuse keessaa inni tokko ‘Food Bank’ ykn baankii nyaataa hundeessuu kooti.
Baankii nyaataa jechuun iddoo nyaanni itti walitti qabamee baqattootaaf ykn qaamota harka qalleeyyiif itti raabsamu jechuudha.
Akaakuuwwan nyaataa akka timaatimii, avokaadoo, paastaa, mokoroniifi kanneen biroo meeshaalee akka nyaanni walitti qabamu kun hinaloofne taasisan keessatti walitti qabuu ture. Nyaata qofa osoo hintaane uffataafi meeshaalee gara garaa Imbaasiiwwan biyyoota adda addaarraa walitti qabuudhaan baqattootaaf raabsaa turre.
Waan sidhibu yeroo sanatti lammiilee gurraachota Afrikaarraa baqatanii dhufan qofaa osoo hintaane lammiilee adiin daandiirra cabbiirra rafanis turaniiru. Kanaaf nuti isaaniifis huccuu walitti qabnu keessaa wayyaa halkan uffatanii rafanfa’a raabsaafii turre. Waliigalatti hojichi hojiilee baay’ee jaaladhuufi hanga har’aattis ittiin boonuudha.
Akkuman Kaanaadaa galeenis ciminniifi kaka’uumsi hojiif qabu daran dabaluudhaan waggaa tokko keessatti badhaasa ‘community Awardi’ jedhamu argadheera. Kunis hojii dargaggoota araada garaa garaa keessa galanii turan walitti qabuudhaan araada keessaa akka bahan taasisuurratti hojjatameeni badhaasichi kan anaaf kennamuu danda’eef.
Kana qofaan osoon hindaangeffamne hojii baqattootaaf barnoota gara garaa kennuu, afaan biyya sanaa barsiisuufi kanneen biroos dabaluudhaan osoon biyyaaf keessummaa ta’ee jiruu hojii boonsaa ta’e hojjachuun yeroo gabaabaa keessatti beekamtii argachuu danda’eera.
Dhaabbata Aadaa hunda galeessa jedhamus hundeessuudhaan dhaabbatichis buufata godaantotaa ta’ee kan tajaajiluufi hojiiwwan godaantotaan walqabatan biroo raawwachuuf kan nama gargaaruudha.
Waldicha kan hundeesse anuma. Pirezidaantii ta’ees kan hoogganu anuma jechuudha. Haala kanaan magaalota 30 caalan keessatti godaantonni Itoophiyaarraa dhufan rakkoo tokko malee tajaajila gahaa akka argatan taasisaa jirra.
Baqattoota Itoophiyaa irraa dhufan qofa osoo hintaane, kanneen biyyoota gara garaarraa dhufan hunda afaan isaan danda’aniin tajaajila barbaachisu hundatu kennama. Kaanaadaan immoo bakka ga’uumsa baqattootaa isa guddaa waan taateef waggaatti baqattoota miliyoonotatti lakkaa’amantu gara Kaanaadaa dhufa.
Kanaaf dhaabbanni keenya hojii akkanaa kanaan lammiilee baqattootaatiif tajaajila kennaa jiru ammas cimee kan ittifufe yemmuu ta’u, anis hanga ammaatti pirezdaantii dhaabbatichaati. Hojjattoonni 59 ta’anis yeroo ammaa dhaabbaticha keessatti mindeeffamanii carraa hojii argataniiru.
Lammiileen dhaabbaticha keessatti carraan hojii banameef kunniinis hundisaaniituu baqattootuma keessaa kan walitti baba’aniidha. Dhaabbatichaaf garuu bajata barbaachisu hunda kan ramadu mootummaa Kaanaadaati.
Mootummaan Kaanaadaa hojii dhaabbatichi hojjachaa jiru baqattootaaf kennurraa ka’uudhaan waan beekamtii kenneef dhaabbata kanaaf deeggarsa barbaachisu hunda taasisaa jira.
Deeggarsi maallaqaa mootummaa Kaanaadaarraa argamu qofa akka waan hojii salphisuutti ilaaluun garuu sirrii miti. Baqattoonni biyyoota gara garaarraa nu bira dhufan kunniin amaloota gara garaa kan qabaniidha.
Irra jireessaan immoo jireenya baqattummaa keessatti barsiisatoota boodatti hafoo hedduu kan qabaniifi ala malee mana fincaaniitti fayyadamuu kan hinbarbaannes hedduutu nu qunnama.
Kanaaf ummata sababoota jireenya godaansaafi biyya irraa dhufaniitiin amaloota hintaane baratan sirreessuuf hojii hedduu nama dadhabsiisutu jira.
Bakka kanatti tajaajila kennuuf Afaan Oromoo, Amaariffa, Afgaanii, Uzbeekistaan, Kurduu, Raashiyaa, Yukreen, Polaandi, Faransayiffa, Kiswaahiliifi Inglishii sirriitti dubbachuu danda’uun murteessaadha. Anis kanumarraa ka’uun gara afaan saddeetii dubbachuu, dubbisuufi barreessuu danda’a jechuudha.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014