“Waamicha dhiyaaterratti dambaliin diyaaspooraa bal’inaan mul’ataa jira” – Aadde Birhaanee Beekaa

Finfinnee: Ergaan, “Itoophiyaanonniifi michuuwwan #Itoophiyaa guutuu addunyaatti argamtan waamicha #BiyyattiHaagallu jedhutti akka makamtan isin afeerra. Mudde 29/2014tti namoota miliyoona tokko gara biyyaatti” jedhu kun dhaamsa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad dabarsan yoo ta’u, Gaazexaan Bariisaa ergaan kun deebii akkamii argataa akka jiru hubachuuf Ameerikaafi Siwiidinirraa diyaaspooraawwan lama dubbiseera.

Diyaaspooraafi Qindeessituun waamicha  kanaa Ameerikaa, Waashingitan Diisiirraa dubbisne qabsooftuu beekamtuu Aadde Birhaanee Beekaafi, Siwiidinirraa ammoo diyaaspooraa miidyaalee adda addaarratti yaada bilchaataa kennuun beekamaniifi gara biyyaa dhufuuf tikkeetii balalii muratanii qophaa’aa jiran Doktar Injiinar Kaaliid Jamaal ibsa ittaanu nuu kennaniiru.

Aadde Birhaaneen, “Deebii keenya gaariidha. Waliigalaan sochii gaarii gochaa jirra. Dhimma Oromoos ta’e akka biyyaatti Itoophiyaa ilaallaturratti karaalee adda addaatiin sochii dhuunfaas ta’e garee gochaa jirra. Lammiileen Ameerikaa jiraatan waamicha Ministirri Muummeen taasisan gammadanii fudhachuun gamanumaa itti qophaahaa jiru.

Beeksisasawwan karaa miidiyaas ta’e ijaarsawwan adda addaatiin hawaasa biraan geenyeen namoonni baay’inaan galmaa’aa jiru. Sirumayyuu haala ittikeessummeessinutu nu dhiphisaa jira.

Dhugaa dubbachuuf kaka’umsi lammiileen Itoophiyaa waamicha mootummaan taasiseef fudhatanii agarsiisaa jiran namatti tola. Diyaaspooraawwan kunniin kanneen dhalootaan Itoophiyaa ta’aniidha. Keessumaa kaka’umsi warreen Waashingitan Diisii keessa jiraatanii daran olaanaadha. Ani yeroo jalqabatiif taatee kanatti daran gammadeera.

Sagantaa, “Diasppora Trust Fund” ministirri muummeen maakiyaatoo keessanirraa doolaara tokko nuu kennaa jedhanirrattis qindeessituu ta’ee hojjedhee argeeraa kan ammaa kun haalaan adda.

Waamicha miliyoona tokkoo kana hunduu fudhatee yoom deemna, hanga achi geenyutti muddamne jechaa jiru. Waanti guddaan kaka’umsa ummataa qofa miti kan nuti deebii kennuu dadhabne achi geenyee maaltu jira?

Qophii maaltu jira, asii diyaaspooraan miira olaanaa keessa jiraa bakka buutonni imalaa tokko tokko namoota deemuuf galmaa’an hanga keessummeessuu dadhabuutti ga’uusaanii quban qaba.

Garuu gama mootummaatiin hanqinni jira. Ummata waamuu malee waan karoorfatan nuu  ibsaa hinjiran. Ummanni kun oggaa gara biyyaa dhufe tajaajila akkamii eessaa akka argaturratti waanti ifa ta’e hinjiru. Waamanii calluma jedhanii facaasuu otoo hintaane ummanni kun gaafa dhufe maalirratti hirmaata isa jedhurratti hojjechuun daran barbaachisaadha.

Ummata waaman kanaaf waan qopheessan ifatti dafanii dafanii ibsuu qabu. Gama diyaasporaatiin kaka’umsi jiru daran olaanaa ta’ee haaluma jiru keessattis ta’u gama mootummaatiin deebii quufsaa argachaa hinjirru. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa otoo namoonni 200fi isaa ol bakka tokkotti galmaa’anii chaartariidhaan fe’achuu dandeenya jechaa jira.

Kanarrattis namoota hamma kanatu galmaa’eefi hira’atee  ibsuufi qindeessuurratti hanqinni jira. Ummanni fedhii olaanaadhaan kaka’e kana sirnaa simachuuf warri waame qophii cimaa gochuu qaba. Ummanni waanuma qindeessummaa keenya beekuuf kaka’aa jira.

Keessumaa erga Ministirri Muummeen gara dirree waraanaa deemanii kaasee kan hirmaataa jiran warra akka keenya Itoophiyaatti dhalate guddate qofa otoo hintaane warri asitti dhalatanis sochii #Nomore irrattis kaka’umsa olaanaadhaan hirmaatamaa jiru.

Waashingitan Diisiitti torban torbaniin Dilbata Dilbata dhaabbiidhaan hiriirri olaanaan geggeeffamaa jirus qaamuma kaka’umsa kanaati.

Akkuman sitti hime erga ministirri muummeen dirree waraanaatti duulanii as hanga sammuun namaa amanuu dadhabutti deggarsi diyaaspooraan mootummaa ammaatiif qabu dachaa hedduun dabaleera. Kaka’umsa ummataa ilaaleen ‘namumti hamma kanaa naannawaa kana jiraa’ jedhutti na dinqifachiiseera. Waamicha dhiyaaterrattis ta’e deggarsarratti dambalii ummataatu  bal’inaan mul’ataa jira jechuudha” jedhan.

Doktor Injiinar Kaaliid Jamaalis, “Waamicha seena qabeessa Doktar Abiyyi diyaaspooraaf taasisan jalaa owwaachuu dhiisuun qaaniidha.

Anis waamicha dhiyaatee fudadhee gara biyyaa dhufuuf tikkeetii balalii daandii qilleensaa kutadhee qophiirran jira. Lammiileen Itoophiyaa biyyoota addunyaa gara garaa keessa jiranis waamichicha kabajanii dhufuuf qophiirra jiraachuu quban qaba.

Hiriirri nagaa ‘#No More”  jedhamuun lammiilee Itoophiyaa biyya keessaafi ala jiraataniin adeemsifamaa jira. Sochiin kun tokkummaafi hariiroo lammiilee biyyattii biyya keessaafi ala jiranillee caalaatti cimseera.

Hiriirri kun addunyaan dhugaa Itoophiyaan qabdu akka hubatu taasiseera. Itoophiyaa kan jechaa jirtu ofin danda’a, qabeenya kiyyattan fayyadama, ummatni kiyya midhaan nyaataan akka of danda’an taasisaadha malee gaaffii biraa hinqabdu.

Biyyoonni Lixaafi Embaasiin Ameerikaa, Embaasiin ‘UK’  jijjiirama Itoophiyaa keessatti mul’achaa jirutti hinaafuudhaan biyyattii keessatti balaan uumamuu danda’a, mootummaan jiguuf deema jechuun lammiileensaanii akka gara Itoophiyaa hindeemne, kanneen biyyattii keessa jiran ammoo gadlakkisanii akka ba’aniif holola sobaa odeessaa turan.

Olola sobaa biyyattiirratti geggeeffamaa jiru kana mormuuf lammiileen biyyattii hundi sochii ‘No more’ jedhuun mirgasaa falmachaafi dhgaa qabu addunyaa dhageessifachaa jirra. Gara biyyaatti dhufuuf kaka’uun diyaaspooraas olola kana saaxiluuf ni gargaara” jechuun ibsan.

Ejensiin diyaaspooraa federaalaa ibsa torbanuma kana keessa kenneen lammiilee waamicha dhiyaateef fudhatanii dhufan simachuuf qophiilee adda addaa taasisuu ibsuunsaa ni yaadatama.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014

Recommended For You