“Bu’uuraalee misoomaa murnichi mancaase deebisanii ijaaruuf qarshii biliyoonota barbaachisa” -Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee: Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa dhimmoota gareen shororkeessaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) bakkeewwan weeraraan qabatee turetti bu’uura misoomaa mancaase, saame, dinagdee Maakroo tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhatameen bu’aalee argamaniifi Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Moootummoota Gamtoomanii gidduseentummaa Itoophiyaarratti taasisuurratti xiyyeeffachuun ibsa torbee kenneera.

Ministir De’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamawit Kaasaa akka jedhanitti, gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabatee turetti bu’uuraalee misoomaa hedduu mancaasee kaanimmoo waan saamaa tureef bu’uuraalee misoomaa saamananiifi manca’an deebisanii ijaaruuf maallaqa biiliyoonaan lakkaa’amu gaafata.

Bu’uuraalee misoomaa naannolee Amaaraafi Afaaritti barbadaa’an kanneen deebisanii ijaaruuf Itoophiyaanonniifi michuuwwan Itoophiyaa hundi tumsuu akka qaban gaafataniiru.

Adde Salaamaawit, haala dinagdee biyyatti ilaalchisuun akka jedhanitti, bara baajataa 2014 kurmaana 1fa keessa qaala’iinsi gatii waliigalaa baatii Sadaasaa dhibbantaa 33, qaala’iinsi gatii meeshaalee midhaan nyaataa ammoo dhibbantaa 38.9 yoo ta’u, kan baatii Onkoloolessaa wajjin walbira qabamee wayita ilaalamu dhibbantaa 1.7 hir’iseera.

Qaala’insa gatii mudate furuuf omishaafi omishtummaa dabaluurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu kallattiin kaa’amuus eeranii, omishni Bunaa baatiiwwan sadan darban gara alaatti ergame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbantaa 61 dabaleera jedhan.

Ministir de’eetaa tajaajilachaa biroon Obbo Kabbadaa Deessisaas gamasaaniin, garee shororkeessaa ABUTn naannolee Amaaraafi Affaaritti sarbama mirga namoomaa hamaa, ajjeechaa jumlaa, dubartootaafi daa’imman gudeeduu cinaatti buufataaleen fayyaa kuma 2,813fi manneen barnootaa kuma lama caalan barbadeessera.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Moootummoota Gamtoomanii Itoophiyaarratti walga’ii addaa waamuun isaa dhaabbitichi walaba kan hintaaneefi fedhii siyaasaa raawwachaa jiraachuu eeranii, miseensonni mana maree namoomaa ajandaa dhihaate kana kufaa akka taasisanis waamicha dhiheessanii turan.

Lammiileefi dhaabbileen garagaraa duula “#NoMore” yookiin ‘Ni gaha’ jedhuun Itoophiyaaf sagalee ta’aa duulchii kan guutummaa gurraachota Afrikaa ta’aa jiraachuu yaadachisanii, biyyoonni kana dura guyyuun Itoophiyaa ilaalchisee ibsa of eeggannoo baasaa turan torbee kana hiri’isanis kallattii biraatiin dhiibbaa uumaa jiraachuu himaniiru.

Waamicha ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahmad taasisaniin lammiilee miiliyoona tokko gara biyyatti dhufaniif mootummaan haala barbaachisaa kan mijeessu ta’uus dubbataniiru.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014

Recommended For You