Finfinnee: Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad injifannoo adda waraanaatti galmeessisan hordofee maqaa, “Abbichuu Abbaa Biyyaa Abbaa Malaa” jedhamu moggaasuufiin jabduu raawwataniifi raawwataa jiraniif tibbana beekamtii kenneera.
Gaazexaan Bariisaa dhimma kanarratti yaada dabalataa fudhachuuf hayyuu seenaafi aadaa Obbo Alamaayyoo Hayilee dubbisee ibsa ittaanu nuu kennaniiru. “Oromoon nama kabaju maqaasaatiin hinwaamu, maqaa haaraa itti moggaasuun ykn maqaa fardasaatiin waama jechuun ibsan.
Moggaasni Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo dhiyeenya Ministeera Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiif kennanis kabajaafi jaalala qabaniif kan ibsu ta’uu eeranii, maqaan “Abbaa Biyyaa” jedhamu ministira mummeef, “Abbaan Malaa” ammoo abbaa abbaasaaniitiif kan kenname ta’uu himaniiru.
Akka Obbo Alamaayyoon jedhanitti, akka aadaa Oromootti moggaasni maqaa ‘Abbaa Biyyaa’ jedhamu, nama abbaa qorkee ykn qe’ee ta’ee dursee qubatee qubachiiseefi gaafa rakkoo ummatootaaf dawoo ta’uuf kennama.
Maqaan “Abbaa Malaa” jedhamu maqaa gootni Oromoo Fitawuraarii Habtagoorgis Dinagdee ittiin waamamaa turan ta’uu yaadachiisanii, moggaasni kun ministira muummeef kennamuun dhiyeenya gootummaan adda waraanaatti galmeessisaniifi gootummaa Fitaawuraarii Habtagoorgis qabaniin kan walisaan fakkeessu ta’uus hayyichi dubbataniiru.
Barreessaafi walittiqabaan Gumii Abbootiii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa gamasaaniin, injifannoo ministirri muummeen galmeessisaniif Gamtaan Abbootti Gadaa beekamtii kennuu eeranii, hojiileen isaan kabaja Itoophiyaa mirkaneessuuf hojjetan biyyattiirra darbee ardii Afrikaafuu fakkeenya ta’uu ibsaniiru.
Gamtichi ajjeechaa miseensota abbootii Gadaa Karraayyuurratti rawwatame daran balaaleffachuun mootummaan yeroo dhiyootti qaamolee ajjeechaa kana raawwatan qoratee hawaasaaf ifoomsuu akka qabu gaafatanii, miseensonni Shanee bosona jiran karaa nagaatiin hawaasatti harka kennachuu akka qabanis dubbataniiru.
Oromoon yoo tokkoomeefi waliigale, biyyattii bira darbee addunyaa guutuuf furmaata ta’uu waan danda’uuf adda addummaa qabu walii danda’ee tokkummaan dhaabachuu akka qabu dhaamuun, Abbichuun Abbaa Biyyaa Abbaa Malaa ta’uu, goota ta’uu, Oromoon Oromoo kan hinajjeesne ta’uu, Oromoon Oromoo kan hinsaamneefi Abbichuun maqaa gootaa Abbaa Biyyaa jedhamee kan waamamu ta’uu ‘muramte’ jechuun lallabaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014