“Walmufannaan paartilee siyaasaa Oromoo biyya walharkatti diiguufi qullaa waldhaabuutti ce’uun qaaniidha” – Mahaammad Ahmad (Qophee)

Finfinnee: Akkuma bakka kamittuu muudatu yaaadaan waldhabuun paartiilee fayyaalessa ta’us sadarkaa biyya walharkatti diiguufi qullaa waldhaabuufi waldura dhaabbachuun paartiilee Oromoo garuu kan sabicha hinmadaalle ta’uu Waajjira Pirezidaantii BMNOtti gorsaan Dhimma Aadaafi Miidiyaa Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) hubachiisan.

Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’aniis tajaajilaa kan jiran Obbo Mahaammad ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti, Oromoon aadaa gaarii beekaasaa ittiin aangessu, wallaalaasa itti barsiisu, kan dogoggore sirreeffatuun duudhaa walkabajuufi waldhaga’uu qaba.

Ta’us yeroo dhiyoo as taateen garaagarummaa ilaalcha siyaasaan orma gidduutti qullaa waldhaabuufi biyya walharkatti diiguuf mul’ataa jiru daran fokkataafi kan Oromoo cabsu waan ta’eef sirraa’uu qaba jedhan.

Namni kamuu kallattii fedheen maqaa Oromootiin gaaffii Oromoo kaasuu mirga qaba kan jedhan Obbo Mahaammad, garuu osoo yaadaafi mariin yaada calaqqisiisuun jiruu qaamota biyya diiguuf ka’an cinaa hiriiruun aadaa Oromoo akka hintaaneefi biyya diigamte keessatti gaaffii Oromoo deebisuun haa hafuutii dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuuyyuu gaaffii guddaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Oromoon yeroo cunqursaa hamaa keessa turettiyyuu seenaa biyya diiguutiin hinhimatamne jedhanii, sabni kun walmalee fira biraa qabaataa waan hinturreef walqabatee gaaffii mirgaa fiiniinseen wayita Wayyaanee ofirra fonqolchee saboota biyyattii ofitti qabuun biyya ceesisaa jiru kanatti waldura dhaabannaan mul’atu hatattamaan sirraa’uu akka qabu ibsaniiru.

Har’a wayita yaada egeree Oromiyaafi biyya kana qajeelchu kaasanii walutubuun daran barbaachisu kanatti qawwee kaasanii walcabsuun, orma kaleessa Oromoo gadhiitee mirgaafi qabeenyasaa sarbaa tureef abdiifi humna ta’uuf yaaluun Oromoo tuffachiisuudha kan jedhan Obbo Mahaammad, gama kamiinuu sabni keessoonsaa hincimneefi harka walhin qabne biyya ceesisuun haa hafuutii ofiifuu taakkuu tokko tarkaanfachuu akka hin andeenye hubatee qaamoleen maqaa Oromootiin socho’an tokko tokko dhaabatani sirnaan of ilaaluu akka qaban cimsanii gorsu.

Akka Obbo Mahaammad jedhanitti, gaaffiileen Oromoo kanneen deebii argatan akkuma jiran kanneen deebii fedhan hedduu jiraachuun ifaadha. Ummanni jijjiirama yeroofi fedhii dabalaa deemuu waliin gaaffiin dhalataa bulus ni jira. Oromoon walhutubnaan kan ofii mitii kan biyyaa deebisuufuu ga’umsa olaanaa qaba.

Yeroo gabaabaa keessatti wantoonni ajaa’ibaa bulchiinsa Oromootin durfamuun hojjetamee mul’ateera. Kanaafuu, qaamoleen maqaa sabichaa qabatani socho’an tokko tokko kanneen beekaniis ta’e dogoggoranii diina waliin dantaa Oromoo dura dhaabbatan marii biyyaalessaa as deemu keessatti of ilaaluu qabu jedhan.

Haleellaa murni Juuntaa biyya kanarratti raawwateen mancaatii qabeenyaafi badii lubbuu, keessumaa mancaatii naannolee Amaaraafi Affaaritti dhaqqabe bakkatti deebisuuf hunduu qoodasaa gumaachuu qaba jedhaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduu

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You