“Shaneen murna garee shororkeessaa ABUT aangessuuf kaatudha” – Jaal Toleeraa Adabaa

Finfinnee: Murni shororkeessaa Shanee garee ABUT hawaasa dararaa ture aangessuuf murna kaatuudha jedhan Dubbii Himaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Jaal Toleeraa Adabaa.

Jaal Toleeraan addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaif yaada kennaniin, gareen kun kaleessa murna ummata Oromoo saamaafi ajjeesaa ture dugdatti baachuun aangeessuufi ergama qaamoolee biroo fudhachuun raawwachuuf murna kaatuudha jedhan.

Gareen shororkeessaa ABUT yeroo aangoorra turetti ummata Oromoo baqachiisaa, buqqisaa, namoota mirga namoomaatiif qabsaa’an irratti gocha suukanneessaa raawwachaa, gochoota mirga namoomaa sarbaa tureedha.

Murni kun hammeenya raawwataa ture dagachiisuun Shanee wajjin hidhata uumee angootti deebi’uuf carraaqqiiwwan gara garaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Shaneen finxaaleyyii waliin hiriiruun qabsoo ummanni Oromoo garee kanarratti raawwachaa tureefi injifannooo dhiigaan argame akka tuffachuutti fudhatama jedhaniiru.

Murni ummataafan qabsaa’a jedhu tokko yoo xiqqaate ummata hinajjeesu, hinsaamu, hawaasa qe’eesaarraa hinbuqqisu, kun garuu shiftaadha jedhan.

Gareen kun baroota sadan darbanitti bakkeewwan adda addaatti socho’uun mirga Oromoofan dhaabbadhe jechaa ummatichumaafi saboota obbolaarraan dararama kana hinjedhamne qaqqabsiisuu yaadachiisaniiru.

Sababa murna shiftaa kanaan ummanni Oromoo gara hiyyummaatti akka bu’u, daldalaan daldalasaa, qonnaan bulaan omishasaa, barataan barnootasaarratti akka hinbobbaane, dhukkubsataanis gara mana yaalaa akka hindeemne gochaa turuus ibsaniiru.

Kanaaf ammas ummanni tokkoomee qaamolee murna kanaa ofkeessaa buqqisuu akka barbaachisuufi irrattis qabsaa’uu akka qabu Jaal Toleeraan waamicha dhiheessaniiru.

 Fiqaaduu Dheeressaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You