Finfinnee: Haala qilleensaa hanga ammaatti jiruun hongeen Booranatti dheerachuu waan danda’uuf mootummaan federaalaafi naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo guddaa kennuufii akka qaban Godinni Booranaa beeksise.
Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, haalli qilleensaa hanga ammaatti jiru akka mul’isutti godinichatti hongeen baatii afuriif dheerachuu danda’a. Hanqinni nyaata looniifi bishaanii rakkoo guddaan godinicha mudatee jiruudha. Deeggersa mootummaafi qaamolee hawaaasaan lubbuu namaa oolchuun danda’amus qabeenya beeyiladaa miiliyoona torba ta’u du’arraa oolchuun hindanda’amne jedhu.
Yeroo hongeen godinichatti mudaterraa eegalee loon kuma 84 du’aniiru, kuma 100 kan ta’an ammoo deeggersa namaan socho’aa waan jiraniif sanyii loon Booranaa omisha fooniifi aannaan fooyya’aa kennan akka hongeen hingaaga’amneef xiyyeeffannaan addaa ittikennamuu qaba. Haala qabatamaa yeroo ammaa jirurraa ka’uun godinichatti hongeen baatii afuriif turuu akka danda’u raagamaa jira jedhu.
Beeyiladni booranaa qabeenya ummata godinichaa qofa utuu hintaane kan naannichaafi biyyattii waan ta’aniif mootummaan federaalaafi naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa guddaa kennuufii akka qaban kan yaadachiisan bulchaan godinichaa, akka sanyiin loon Booranaa hongeen hinmiidhamneef giddugala tokkotti walittiqabamanii eegamaa jiru. Qaamoleen deeggartootaa biyya keessaafi biyya alaa jiraatan mootummaa naannichaafi federaalaa waliin ta’uun ummanniifi loowwan Booranaa balaa hongeen akka hinmiidhamneef deeggarsa barbaachisu akka taasisaniif gaafataniiru.
Hoggantuu Ittaantuu Biiroo Qonnaa Oromiyaa Doktar Amiinaa Abduramahaan gamasaaniitiin akka jedhanitti, jijjiirama qilleensaarraa ka’uun hongeen Booranatti mul’ate gara godinaalee birootti ce’us sanyii beeyiladaa gaga’an amantaan jedhu hinjiru. Biirichi lakkoofsa beeyilada Booranaa waliigalaa keessaa %10 baraaruuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Hanqinni nyaata beeyiladaa dandeettii ittisa dhibee qaama beeyiladaa waan gadi bu’uuf beelladoonni dhibee akka weeraraatti ka’uu danda’uun akka hinmiidhamneef talaalliin gosa garagaraa buufataalee laaboraatoorii jiranitti kennamaa jiraachuus eeraniiru.
Beeyiladoonni qaamnisaanii hubames yaalaan akka danda’amatan taasifamaa jiraachuu eeranii, hongeen amma mul’ate sanyii beeyilada Booranaa dhabamsiisuu danda’a amantaa jedhu hinqabnu.
Komiishinarri Ittaanaa Komishinii Ittisa Balaafi Kaafamtoota Misooma Oromiyaa Obbo Garramuu Oliiqaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, hongeen Booranatti mudate gara godinaalee birootti babal’achaa waan jiruuf deeggarsaafi hordoffii addaan hincinne barbaada. Tumsa mootummaafi hawaasaatiin lubbuu namaa du’a oolchuun kan danda’ame ta’us, hanqina nyaata looniifi bishaaniif qabeenya beeyiladoota miiliyoona torba Booranni qabu mootummaan qofti oolchuu kan hindandeenye ta’uu himaniiru.
Mootummaan baay’ina loowwan godinichaa keessaa %10 balaa hongeen akka hinmiidhamneef xiyyeeffannaan irratti hojjetaa jiraachuu himanii, baatii Sadaasaa keessa godinichatti roobni umurii hongee gabaabsu waan hinroobneef godinichatti hongeen hanga baatii Bitootessaatti dheerachuu waan danda’uuf qaamota ilaallatu maraan xiyyeeffannoo guddaan itti kennamuu akka qabu dhaamaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014