Injifannoo ABUT irratti galmaa’e Shaneerratti irra deebi’uuf duulli ittifufuun ibsame

Finfinnee: Injifannoo Itoophiyaa kaabaatti hoggansa ministira muummeetiin shororkeessaa ABUT irratti galmaa’e Shaneerratti dabaluuf ummanni Godina Qellem Wallaggaa murnicha waraanaa jiraachuu bulchaan godinichaa ibsan.

Bulchichi Obbo Gammachuu Gurmeessaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin injifannoo gootummaan dabaalame minisitirri muummeen Itoophiyaa kaabaatti galmeessisaniin onnatee ummanni godinichaa qaamolee nageenyaa wajjin qindoomee Shanee barbadeessuuf duuluu eeraniiru.

Shaneen Oromoo saamee, ajjeesuun sanyii Oromoo duguugee lafarraa fixuu giddugaleeffatee murna socho’u ta’uus eeranii, ummanni godinichaa murnicha barbadeessuuf haalota adda addaatiin duuluu beeksisaniiru.

Gocha badii qabatamaatti murnichi raawwaterraa ka’uun jiraattonni godinichaa kuma 130 dirreetti ba’anii balaaleffachuusaaniifi namoonni 17fi 091 (kuma kudha torbaafi sagaltamii tokko) bosona seenuun adamsanii saaxiluu ibsaniiru.

Qaamota odeeffannoofi loojistikii deddeebisuun deeggersa kennan aanaalee 10 keessatti seeliin Shanee 241, namoota fuula haaraa godinicha keessa socha’aa turan 40 to’annoo jala oolchuun, miseensota murnichaa 25 irratti tarkaanfii fudhachuun 12 ammoo booji’amuusaanii addeessaniiru.

Akka ibsa Obbo Gammachuutti oppireeshinii geggeeffameen meeshaaleen waraanaa garagaraa shugguxii, kilaashiifi bireenii dabalatee waliigalaan rasaasa 319 waliin to’annoo jala ooleera.

Ummanni godinichaa RIBf galaa qopheessaa jiraachuus eeranii, milishoonnis raayyichatti makamuun dirqama lammuummasaanii akka ba’an taasifamuu akkasumas qarshii miliyoona lamaa ol arjoomuu beeksisaniiru.

Kana malees sangoota 105, busaayee (hoolaaf re’ee) 113 raayyichaaf arjoomamuufi waliigalaan qarshii miiliyoonni 6.8 walitti qabamuu dubbataniiru.

Ummanni odeeffannoo kennuun caasaa nageenyaa waliin dhaabbachuun cimsee akka ittifufu waamicha dhiyeessaniiru. Qaamolee hawaasa, barsiisaafi barattoota, qaamolee nageenyaa dabalachuun duula midhaan sassaabuu maatii warra duulanii dhiyeenyatti akka eegalamu ibsaniiru.

Gammachuu Kadir

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You