Finfinnee: Humni shororkeessaa ABUT wayita Naannoo Amaaraa, Godina Saba Oromoo ture dhaabbilee mootummaafi dhuunfaa hawaasni ittifayyadamaa ture saamaafi barbadeessaa akka ture bulchaan godinichaa himan.
Bulchaan godinichaa Obbo Ahmad Hasan ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif addatti kennaniin, humni weeraraa ABUT humna ergamaa Shanee waliin ta’uun godinicha keessa wayita ture dhaabbilee mootumaafi dhunfaa hedduu saamaafi barbadeessaa ture. Abbootii qabeenyaa hedduus saamaa fi qabeenyasaanii barbadeessaa tureera. Dhaabbilee hawaasni ittiin tajaajilamu hedduus tajaajilaan ala taasiseera jedhu.
Murnichi dhaabbilee qabeenyi guddaan itti dhangala’ee ijaaramaniifi dhaabbilee damee turiizimii deeggaran hedduu saamuun qabeenyaawwan saamuu ykn bakkaa bakkatti sochoosuu hindandeenyemmoo barbadeessuun miidhaa guddaa qaqqabsiisuusaa himanii, kanaan alas gochootaalee aadmalee (safuu) hedduu jechaan ibsamuu hindandeenye raawwatee bahuusaa dubbataniiru.
Qabeenyaawwan murnichi saameefi barbadeesse dinagdee nama dhuunfaas ta’e godinichaa laamshesseera kan jedhan Obbo Ahmad, kanaan alas xin-sammuu hawaasaa miidhuufi saba Oromoofi Amaaraas walitti buusuuf carraaqqii guddaa taasisaa turuusaa eeraniiru.
Ummanni godinichaa bakkeewwan hedduutti garee shoroorkeessaa ABUTfi ergamaasaa Shanee tokkummaan ofirraa qolachuun bakkeewwan hedduutti gochaa seenaan hindaganne raawwachaa turuusaanii eeranii, kanaan alas qabeenya gareewwan shororkeessitootaa saamanii fudhatanii deemuuf turan qabsoo cimaa taasisuun deebisiisaniiru jedhu.
Fiqaaduu Dheeressaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014