Rakkoon ummata bira hinjiru. Kan ummata walitti buusaa jiru warra baranne ofiin jedhaniifi murnoota aangoofi faayidaa dhuunfaa argachuuf jecha maqaa ummataatiin daldalaniidha. Summii murnoonni kunneen facaasantu nageenya biyyattii booressaa jira.
Fakkeenyaaf Oromoo yoo fudhanne gaaffiinsaa tokkuma. Gaaffii ummatichi kaasu kana utuu hubataniiru ta’ee waanti warra baranne ofiin jedhanis ta’e murnoota siyaasaa wallolchiisu hinjiru. Wanni hamtuufi gadheen gareelee lamaanuu keessa jiru fedhii dhuunfaasaaniiti. Waan ummatichi barbaadu otoo hintaane miira natu sii beekaatiin waan ofii barbaadan ittife’uuf olii gadi fiigu jedhan Hayyuufi Qorataan Aadaa Obbo Leeniin Quutoo.
Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaatti, Daarektara Inistiitiyuutii Qorannoo Aadaa, Afaaniifi Artii Oromoo kan ta’an Leeniin gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, hubannaan ummatichi siyaasarratti qabu matayyoota baranneerra ofiin jedhaniifi murnoota maqaa siyaasaatiin socho’an gatee deemeera.
Siyaasni Oromoo hubannaan deemaa ture warra beektota ofiin jedhaniifi murnoota siyaasaa tokko tokko yoo bilisoomsu; kaan ammoo tufee saaxileera. Murnoonni kunneen akkaataa ummanni Oromoo barbaadutti utuu qabsaa’anii waanti walitti isaan buusu hinturre.
Duudhaan ganamaa, aadaafi Gadaan Oromoo garuu sabicha walitti hidheera. Nama maalummaa aadaafi waa’ee Gadaa Oromoofi caasaasaa hinhubanne, kan biraa haa hafuutii gosumasaayyuu hinbeeknetu aadaa Oromoon deebisa jedhee qabsaa’a. Murnoonni siyaasaa hedduunis faayidaafi fedhii dhuunfaasaanii guuttachuuf maqaa sabichaa qabatanii deemu.
Kun ammoo Oromoo hoggansa dhabsiisuu yoo ta’een ala faayidaa tokkollee hinqabu. Har’a sabni bal’aan kun akeeka murnoota kunneenii addaan baasee waan hubateef hedduunsaanii dhabamaa jiru. Murni Oromoofis qabsaa’a jedhee maqaasaa qabatee socho’u qabsaa’u yoo jiraate dhikkisa (rukuttaa) onnee Oromoo, waan qaamniifi qalbiin sabichaa barbaadu qorqalbiisaa wajjin addaan baasee beekuu qaba.
Yeroo ammaa namni marti siyaasessaa ta’eera. Kun adeemsa sirrii waan hintaaneef hunduu ogummaafi waan barateen yoo Oromoo tajaajile Oromoof bu’aa guddaa buusa. Dhimma siyaasaa warra siyaasa barataniifi hojii siyaasaa beekumsaafi akeekaan dalaganiif dhiisuu qabna.
Dhimma seenaa warra seenaa barataniif, dhimma afaanii hayyoota afaaniif dhiisuu qabna. Hundumtuu bakkaafi sadarkaasaa beekuu qaba. Barumsi nuti baranneefi barannu duudhaa, aadaafi safuu sabichaa isa ganamatiin hinabboomamu taataan bu’aa hinqabu.
Hanga yaada, ‘aniifi ati walitti dhufnee Oromoodhaaf taana’ jedhu hinliqimsinitti maqaasaatiin daldaluun ala bu’aa tokkollee buusuufii hindandeenyu. Ummanni Oromoo ammayyuu tokkummaa cimaa qaba, kan tokkummaa hinqabne warra maqaadhaaf baranne ofiin jedhaniifi murnoota maqaa siyaasaatiin fedhii dhuunfaasaanii guuttachuuf socho’aniidha. Tokkummaa Oromoo kana caalaatti cimsuuf garuu Caayaan Oromoo hunda hammatu tokkos utuu hundaa’ee gaariidha jechuun yaadasanii goolaban.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014