“Gootummaan Doktar Abiyyi Ahmad adda waraanaatti galmeessisaa jiran sirnaan barreeffamee seenaaf darbuu qaba” -Doktor Taaddasaa Leencoo

Finfinnee: Har’as miirri seenaa hatuu kaleessaa akka irra hindeebi’amneef gootummaa dirree waraanaatti mul’achaa jiru seenaaf olkaa’uuf hayyoonni seenaa hojjechuu akka qaban Doktor Taaddasaa Leencoo ibsan.

Yunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Seeraa kan ta’an Doktar Taaddasaan gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, hayyoonni seenaa keessumaa kan Oromoo oolmaa gootonni dirree waraanaatti galmeessisaa jiran barreessanii kaa’uu qabu.

Kanarraa kan ka’e miirri seenaa hatuu barootaaf qaqqabaa turuu kaasuun ammas gochi akkasii akka irra hindeebi’amneef gootummaa Ministirri Muummeefi ilmaan Oromoo saboota kaan wajjin ta’uun galmeessisaa jiran sirnaan barreffamee seenaaf taa’uu akka qabu dubbatu.

Doktor Abiyyi seenaa Itoophiyaafi Afrikaa keessatti goota isa jalqabaa dirree adda waraanaatti duulee lolee lolchiisaa jiru waan ta’eef hayyoonni Oromoo dhimma kanarratti xiyyeeffannaan hojjechuun murteessaadha jedhu.

Ministirri Muummee osoo saba biraa ta’aniitii yoona hedduu barraahaafi kan jedhan Doktar Taaddasaan hayyoonni Oromoo gama kanaan of ilaaluu akka qaban dubbatu.

Seenaan gootummaa jiraachuu Itoophiyaatiif utubaafi dagalee ta’e kana sirnaan barreeffamuu akka qabu Doktar Taaddasaan eeranii, keessumaa gootummaa Doktar Abiyyi agarsiisaa jiran Itoophiyaarra darbee addunyaaf fakkeenya guddaa waan ta’eef xiyyeennoo hayyootaa argachuu qaba jedhan.

Hanqina seenaa dhugaa barreessanii dhalootaaf dabarsuurratti kanaan dura mul’ataa turerraa barachuun sirreessaa deemuun dhimma murteessaa waan ta’eef hirmaannaa hawaasaarraa kaasee hanga Ministira Muummeetti jabduuwwan waraana adeemsifamaa jirurratti galmaa’aa jiran xiyyeeffannoo cimaa argachuu akka qaban hayyichi hubachiisaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You