Gareen shororkeessicha TPLF naannawa weerare hundatti ajjeechaa jumlaa raawwateera

Gareen shororkeessicha TPLF Gaashanaafi Shawaa Kaabaatti ajjeechaa jumlaa raawwachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Keessumaa garichi Naannoo Amaaraa Gaashanaafi Shawaa Kaabaatti ajjeechaa jumlaa raawwachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawiit Kaasaan himaniiru.

Haa ta’uutii yakka suukanneessaa garichi Cinaa, Gaaliikoomaa, Urgeessaa, Waacaaleefi iddoolee birootti lammiilee nagaarratti raawwate dhaabbileen mirga namoomaaf dhaabbanneerra jedhan balaaleffachuun osoo irra jiraatuu callisa filachuusaanii ibsaniiru.

Gochaan garichi naannoo Amaaraafi Affaaritti lammiilee nagaarratti raawwate gochaa duguuggaa sanyii ta’uusaa hawaasa idil addunyaaf hubachiisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis garichi dhaabbilee amantii, Paarkota, iddoolee gahumsa Turizimiifi dhaabbilee Turiizimiirra miidhaa hammataa qaqqabsiisuu kaasaniiru.

Keessattuu Gondar Kibbaafi Laallibalaatti miidhaa hammataa qaqqabsiisuu himaniiru. Gareen kun weerara naannoolee lamaanitti gaggeesseen sarbama mirga namummaa adda addaa raawwateera. Keessumaa naannoo Amaaraa Antsookiyaafi Gaashanaatti ajjechaan jumlaa argamuusaa himameera.

Haaluma walfakkaatuun naannoo Affaarittis lammiilee nagaarratti ajjeechaa raawwachuun, dubartoota gudeeduufi qabeenya barbadeessuun kisaaraa olaanaa qaqqabsiiseera jedhaniiru.

Dubartoota gudeedee miidhaa qaqqabsiise keessaa Manguddoon jiraattuun Magaalaa Shawaa Roobit umriinsaanii waggoota 50 darban garee hidhattoota shororkeessichaan erga gudeedamanii booda of ajjeesuunsaanii akka fakkeenyatti fudhachuun ni danda’ama.

Manguddoon kun hidhattoota garichaan erga gudeedamanii booda “Ija mucaakoo akkam godheen ilaala” jechuun akka of ajjeessan jiraattonni naannawichatti argaman Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti himaniiru.

Manguddoon kun qoraan gurguruufi buddeena tolchuun waan argataniin maatiisaanii kan bulchan yoo ta’u, daa’ima umrii waggaa 15 akka qaban Ittigafatamaan Kutaa Qorannoo Yakkaa Poolisii magaalichaa Komaandar Ahmad Mahaammad DhPIf ibsaniiru.

Gareen shororkeessichaa manguddoo kana mana biraa fudhatanii, ilmasaanii manasaanitti cufanii gocha badii akka irratti raawwatan komandarichi ibsaniiru.

Magaalota harka shororkeessichaarraa bilisa bahan

Magaalaan Daseefi Kombolchaa harka diinaa garee shororkeessichaarraa qabsoo raayyaa ittisaafi humnoota nageenyaa qindoomaniin bilisoomuu danda’aniiru.

Humnoonni nageenyaa qindaa’e Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu Magaalaa Daseefi Kombolchaa dabalatee adda waraanaa Bahaan Baatii, Qarsaa, Garbaafi Dagaa kan bilisooman yoo ta’u, adda waraanaa Harbuutin ammoo aanaa Qaaluu guutummaatti harka raayyaa ittisaa jala galeera.

Magaalonni garee shororkeessicha TPLFn qabamanii turan biroon bilisa ba’aa jiraachuu tajaajilli kominikeeshinii mootummaa ibse.

Haleellaa qaamoleen nageenyaa taasisaniin adda waraanaa Daseen magaalonni Haayiq, Biistiimaa, Baasoomiileefi Wucaalee bilisa ba’aniiru. Loltoonnis gara Marsaa ittaanutti imalaa jiraachuu ibseera.

Dabalataanis adda waraanaa Tantaan Alam Ambaa, Maqdallaafi Gooshmeedaan bilisa ba’uu tajaajilli kominikeeshinii mootummaa ibseera.

Wayinisheet Kaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You