Finfinnee: Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad duula adda waraanaa marsaa jalqabaa ‘’Injifannoon xumuranii’’ waajjirasaaniitti deebi’uu ilaalchisee ibsa kennaniin “Diina yeroo muraasa dura Itoophiyaa waraanuuf ka’e qolachuuf hojiin qindoominaa hojjetame Itoophiyaa ol qabeera jedhan.
Torban lama dura wayita hidhattoonni gareewwan shororkeessaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT)fi Shanee magaalota naannoolee Amaaraa hedduu to’atanii gara magaalaa Finfinneetti siqaa jiranitti adda waraanaatti duulanii lolchiisaa kan turan Ministirri Muumme Doktor Abiyyi Ahmad injifannoon deebi’uu ibsaniiru.
Namoota aarsaa lubbuu dabalatee karaa garaagaraa duula kana deeggaraa turan galateeffatanii marsaa jalqabaa duula kanaa xumuruufi yeroo murtaa’eef waajjiratti deebi’uusaanii ibsaniiru. Akka ibsasaanitti har’as ta’e fuula duratti diinonni keenya humni isaanii laafee …daandii jaalalaafi nagaa hanga filatanitti qabsoon kan ittifufuudha.
Humnoonni ABUT bittinnaa’aniiru jedhanii, harka akka kennatan gochuu dabalatee kan ammaan duraa caalaa naannawa ofii eeguun akka cimuufi sakattaa’a cimsanii itti fufuun yeroonsaa amma ta’uu ibsaniiru.
Duula gaggeeffamu kana cinaatti Waan diinni diige deebisnee ijaaruuf, kan buqqa’an deebisanii hundeessuun, hojiilee misoomaafi bulchiinsa gaarii kan duraanii caalaa saffisiisuun dirqama lammiilee hundaa ta’uu hubachiisaniiru.
Gama kanaanis kallattiin taa’ee hojiitti seenamuu ibsuun sochiin warraaqsa dinagdee lafa qabsiisuu eegalamee jirus jajjabeeffamuu akka qabu dubbataniiru.
Doktar Abiyyi ibsa xumuramuu duula marsaa jalqabaa kennaniin ilaalchisuun dubbii dubbataniin “tokkummaa lammiilee Itoophiyaa duula kana keessatti mul’ate hanga dhuma baraatti qabeenya keenya godhannee itti fufuu qabna” jedhaniiru.
Itoophiyaa olka’iinsa eenyuyyuu ka’ee gadi buusuu hindandeenyerra geessisaa jirra jedhanii, innis bu’aa tokkummaafi waldanda’uu akka ta’e hubachiisaniiru.
Tokkummaa kana itti fufsiisuuf waldhabdee yaadaa mariin furuu dhimma biyyaarratti waliin hiriiruufi miira walkabajuun waliin dhaabbachuun murteessaa akka ta’e ibsaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014