Qellemitti duulli Shanee barbadeessuufi deeggarsi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamu cimee ittifufeera

Finfinnee: Shororkeessaa Shaneen gocha shororkeessummaasaa raawwachuu ittifufuu Waajjirri Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Qellem Wallaggaa beeksise. Ummati godinichaa qaamolee nageenyaa wajjin ta’anii Shanee barbadeessuuf hojjechaa akka jiranis ibsameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiisaafi Nageenya godinichaa Obbo Tasammaa Waariyoo haala yeroo ilaalchisuun ibsa Gaazexaa Bariisaaf Wiixata darbe kennaniin, Shaneen gocha ajjeesuu, saamuufi namoota uggguruun gidirsaa jira jedhan.

Qindoomina ummataa qaamolee nageenyaa waliin tarkaanfii sakatta’iinsaafi waraana Shanee wajjin geggeeffameen meeshaaleen waraanaa to’annoo jala kan oolan yoo ta’u humnoonni Shanee sadis booji’amaniiru.

Akka ibsa Obbo Tasammaatti, Aanaa Gidaamiitti qabeenyi mootummaa guutummaattin Shaneen barbadaa’eera, baankonnis saamamaniiru. Haala walfakkaatuun Aanaa Jimmaa Horrootti namoota sadii hoggantoota siyaasaati jechuun bosonatti geessuun mormarraa kutuun gocha suukanneessaa raawwateera. Manneen barnootaatii barattootaafi barsiisota ari’uun mooraa waraanaa godhachuuf yaaluu Shanee walqabsiisuun ibsaniiru.

Ummanni farreen nageenyaa barbadeessuun nageenyasaa mirkaneeffachuuf qaamolee nageenyaa wajjin qindoomee hojechaa jira kan jedhan Obbo Tasammaan eeruu ummatarraa argameen sakatta’iinsa geggeessuun meeshaaleen waraanaa garagaraa to’annoo jala oolaniiru.

Aanaa Sayyoo ganda Dulliitti Shugguxii tokko, qawwee ‘SKS’ lama, bireenii rasaasa 30 wajjin haala walfakkatuun Aanaa Yangiifi Yaamaaloogiitti qawwee kilaashii tokkoofi meeshaa waraanaa boodatti hafoo lama to’annoo jala oolchuun humnoonni Shanee sadii booji’amuu beeksisaniiru.

Ummannis Shanee hafan adamsee qabuuf hojiin qulqulleessuu qaamolee nageenyaa waliin hojjechaa jiru. Haalli nageenya godinichaa yeroo walfakkaataa waggaa darbeerra ummatni nageenya naannaawaafi biyyaasaa eeggachuuf dadammaqina guddaan akka jiru dubbataniiru.

Gama biraatiin duula Itoophiyaa kaabaatti gaggeeffamaa jiru hordofuun Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gootummaa agarsiisaa jiranitti gammaduullee kaasanii, qaamoleen hawaasaa garagaraa godinichaa deeggarsa barbaachisaa taasisaa jirus jedhan.

Ittigaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii godinichaa, Aadde Addunyee Gabayyoo gamasaaniin, dubartoonni godinichaa nageenya naannawaafi biyyasaanii kabachiisuuf qabeenyaafi humnasaaniitiin wareegama barbaachisu kaffalaa jiraachuus ibsanii, hojjetoonnis mindaasaaniirraa kutuun raayyaa ittisa biyyaatiif deeggersa taasisaniiru jedhan.

Kanamalees duultotaaf galaa akka akaayii garbuu kuntaala 40, kukiisii kuntaala 30, daabbo qoloo kuntaala, 21 daakuu bassoofi kkf qarshii miliyoona tokkoofi dhibba torbaa olitti shallagamu arjoomuu ibsaniiru.

Rippoorta Gaazexichaatiin

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You