“Qeerroofi qarreen fakkeenyummaa MM Doktar Abiyyi Ahmad hordofuu qabu” – Obbo Shimallis Abdiisaa

Pirezidaantiin BMNO Obbo Shamallis Abdiisaa haala wayitiirratti ergaa ittaanu dabarsaniiru.

Ummanni Goota Qabu Seenaa Qaba!

Ummanni Oromoo saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa biroo waliin ta’uun dhiigaafi lafeen biyya guddoo Itoophiyaa ijaare. Adeemsa ijaarsa biyyaafi birmadummaa biyya tiksuufi kabachiisuu keessatti Oromoon gootota kumaa kitila wareegee gootota heddus horate.

Gootonni Oromoo dirree gootummaa hunda keessatti gumaacha olaanaa gumaachuun beekamu. waraanaa keessatti adda durummaan hiriiruun injifannoo galmeessuun beekamu. Qotanii omishuun utubaa lafee dugdaa dinagdee biyyaa ta’aniiru.

Dorgommii ispoortii idiladdunyaarratti maqaafi alaabaa biyyaa ol kaasanii mul’isaniiru. Gootota gama hundaan horachuun kun ammoo, dhaloota kaleessa xiinxalee har’a hubatee egeree tilmaamuu danda’u horachuuf shoora olaanaa qaba.

Ummanni Oromoo yeroo biyyi rakkoo keessa galtuufi birmadummaan biyyaa sarbamutti dirqama gootummaa olaanaa fudhachuufi bahachuun beekama. Waraana Adawaa irratti gootonni Oromoo biyyoota galaana qaxxamuranii Itoophiyaa koloneffachuuf dhufan waaroo salphinaa itti uwwisuun injifannoo boonsaa ummata gurraacha mara mataa ol qabu galmeessaniiru.

Injifannoon Adawaa hariiroo olaantummaafi gandaantummaa ummata adiifi gurraachaa gidduu ture cabse. Seenaa jijjiire. Walqixxummaa adiifi gurraachaa mirkaneessuun boqonnaa haaraa saaqe.

Waraana Adawaa koloneffattoota waliin taasifame keessatti gootonni Oromoo birmadummaa Itoophiyaa eegsisuuf jecha wareegaman seenaa keessatti maqaan isaanii ifee mul’ata. Yaadannoon oolmaa gootummaa Maacoo, Adawaa, Karaamaarraafi kkf ragaa guddaadha.

Qeerroofi Qarreen Oromoo humna waggoota 27 guutuu ummata Itoophiyaa cunqursaafi saamaa ture hiddaan buqqisuun qilleensi bilisummaa Itoophiyaa keessa akka jiraatu, mirgoonni namoomaafi dimokraasii akka kabajaman adda durummaan qabsaa’uufi wareegama qaalii kaffaluun gootummaa isaanii agarsiisaniiru.

Har’as duula wayyaanee dhabamsiisuu Muummeen Ministiraa Doktar Abiyyi Ahmad labsan keessatti ummanni Oromoo akka ummataatti qeerroofi qarreen ammoo addatti kumaataman Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun gootummaa olaanaan awwaala wayyaanee tolchaa jiru. Qeerroofi qarreen Oromoo gootota kaleessaa faana dhahuun biyyaafi ummataaf wareegamuun gootummaa olaanaa ta’uu hubatanii dirqamasaanii bahaa jiru.

Biyya tiksuufi birmadummaa biyyaa kabachiisuun mirga otoo hin taane dirqama seenaati. Dhaloonni kun ammoo hogganaa gootummaa guutuu qabu, kan duulee duulchisu, qormaata kamiifuu hinjilbeeffanne qaba waan ta’eef carraqabeessa. Ummanni hogganaa isaa cinaa hiriiree, gootomee gootomsu seenaa hinjigne ijaarrata.

Waan ta’eef, qeerroofi qarreen Oromoo fakkeenyummaa Minstira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad hordoftanii akkuma kaleessaa sana har’as Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun seenaa gootummaa abbootii keessanii akka dabaltan maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan waamichaa koo dhiyeessa.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You