Ministirri muummeen duula Gamtoomina Tokkommaa Biyyaalessaa jalqabaasaanii kan godhatan adda waraanaa bahaa yeroo ta’u, raayyaa ittisa biyyaa, humnoota nageenyaa Affaarii wajjin ta’uun Kaasaagitaa, Cifraa, Burqaafi naannawashee, bilisa gochuun imalasaanii garaa Magaalsa Baateefi Kombolchaatti taasisaniiru.
Adda waraanaa Gaashanaatti immoo Arbiit, Aqaatii, Gaashanaa, Laallibalaafi naannawashii harka diinaa jalaa bilisoomuufi meeshaaleen waraanaa hedduus qabameera.
Adda waraanaa Warra Iluutiin magaalonni akka Warra Iluu, Gannatee, Inquuftuufi Aqastaa Raayyaa Ittisaafi qaamolee nageenyaatiin to’annoo jala yommuu oolan, karaa adda Waraanaa Shawaatiin Mazazoon, Moolaaleefi Shawaa Roobiit harka diinaa jalaa bilisoomaniiru.
Injifannoowwan Baahaafi Lixaatti argaman kunniinis giddugala biyyattiitti akka irra deebi’amu adda waraanaa ijoo sadaffaatti argamuun raayyaa ittisa biyyaa wajjin wayita mari’atan ibsaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa hamilee olaanaarratti akka argamuufi diinni mo’amaa jiraachuu injifannoon Itoophiyadhaan akka goolabamu shakkii tokkollee akka hinqabne yeroo adda addaatti ibsaa turan ammas milkeessaa jiraachuu eeraniiru.
Kun kan agarsiisu waadaa isaan jechaan lammiilee Itoophiyaafi hawaasa addunyaatiif dubbatan gochaan itti agarsiisan ta’uu kan eeruudha. Biyyasaanii hangam akka jaalatan qofa osoo hintaane, biyyi waan hundaa ol ta’uufi gootummaasaanii kan ittiin mul’isaniidha.
Gabaasa miidiyaalee addunyaawaa
Miidiyaaleen addunyaa waraanicha karaa hinmalleen gabaasaa turanis duula ministiraa muummee garuu haaluu hindandeenye.
Aljaaziiraan duuluusaaniifi Raayyaan Ittisa Biyyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin hogganamu Magaalaa Cifraa naannoo Affaaritti argamtu to’achuusaanii akkasumas reeffi loltota finxaalleeyyiimmoo bakkaa bakkatti bittinnaa’ee mul’achuu miidiyaa mootummaa Itoophiyaa wabeeffachuun gabaaseera.
‘CNN’ gabaasa mataduree, ‘Badhaafamaan noobeelii nageenyaa addunyaa ministirri muummee Abiyyi Ahmad loltootasaanii hogganuuf gara dirree waraanaatti duulan’ jechuun gabaasee ture.
Araboota biratti beekkamtii guddaa kan qabufi gazexessaa beekamaan lammii Tuniziyaa, Saalih Al-Azraaq “biyya jaalachuu, angoof osoo hintaane biyyaaf du’uu; hogganaa Itoophiyaa, Abiyyi Ahmadirraa baradhaa” jechuun gabaseera.
Adda waraanaa kanatti gootummaan ummanni Affaar diina itti dhufe ofirraa qolachuuf agarsiise kan daran dinqisifameefi magaalaa murteessituu, Miillee osoo dabarsee hinkenniin diina naannawa sanaa kan barbadeesse ta’uun immoo milkaa’ina isa ijoo addichaa ta’ee galmaa’eera.
Fiqaaduu Dheeressaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014