Abbaan Gadaa Karrayyuu garee shororkeessaa Shaneetiin ajjeefaman

Maseenni yaadamaafi kaayyoo ummatummaa hinqabne Shaneen kaleessaa hanga har’aatti madda salphina ummata Oromoo taatee ittifufteetti.

Yeroo Oromoon dararaa hamaa keessa turetti qawween Shanee diinaaf garaa laafe har’a Oromoorratti jabaateera. Guyyaa guyyaatti namoota nagaa homaa keessaa harka hinqabne karaa sukkaneessaa ta’een ajjeesuun gara jabummaa ummata Oromoorratti qaban daran mirkaneeffataa jiru.

Shaneen safuufi safeeffannaa hinbeekne, jaarrolii, abbootii Gadaafi haadholii siinqee ulfina qaban ajjeesaafi salphisaa as gaheera. Namoota ulfoo akkasii ajjeesuufi salphisuun akeeka Oromoo akka sabaatti salphisanii dantaa ergamtummaarraa argamu mirkaneeffachuurraa waan madduuf; kaayyoo itti uumamaniif waan ta’eefis baay’ee kan nama raajuu miti.

Kanaan dura Shaneen Godina Gujiitti jaarsa biyyaa ummanni kabajuufi safeeffatu Haajii Umar Waaculee karaa sukkanneessaa ta’een ajjeesuun hammeenyummaa ishee agarsiiste. Dhiyoo kana ammoo Godina Baaleetti maanguddoo ulfaatoo Hajii Aloorratti yaalii ajjeechaa raawwachuun akka tasaa lubbuunsaanii baraaramuu danda’eera.

Si’ana ammoo, ummanni Karrayyuu natu biyyaafi sirna kootiif jira jedhee hiriira deeggarsaa bahuu isaa hordofuun, shaneen abdii kutannaa keessa galtee karaa, “Situ ummata nurratti kakaase” jedhuun Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas Boruu karaa sukkanneessaa ta’een ajjeesaniiru.

Ajjeechaa sukaneessaa shororkeessaa Shaneen Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadir Hawaas Boruurratti raawwateen Mootummaan Naannoo Oromiyaa gadda itti dhagahame ibsa.

Kaayyoofi akeekni Shanee carraa argate hundaan Oromoo salphisuudha. Gooftaasaanii Wayyaanee dabalatee xumurri awwaalchasaanii waan dhiyaateef abdii kutannaarraa kan ka’e tarkaanfii garajabinaan guutame ummatarratti fudhachuu waan maltuuf ummanni qaama nageenyaa wajjin qindaa’uun humna ergamtuu salphina Oromootiif halkanii guyyaa dhamaatu kana hundeerraa buqqisuuf tumsa yeroon gaafatu taasisuu qaba.

Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa.

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You