“Ummanni Oromoo diina isa waraanes ta’e eeboo ittiin waraaname hindagatu” -Obbo Shimallis Abdiisaa, pirezidaantii BMNO

Ummanni Oromoo akka ummataatti, waraana gaggeesse, diina isa waraanes ta’e eeboo ittiin waraaname gonkumaa irraanfachuu hindanda’u.

Dhiibbaa nurratti raawwatame, rakkoo hammaataa dhandhamne, harka badii nurratti fe’amanii nu dhiiban, morma keenya micciiruun kan gadi nuqaban barruun harka shororkeessaafi weeraraa TPLF, nama keessaa nubaasuun kosiiirratti miila gara jabinaan nudhiite yoomiyyuu hinirraanfannu.

Warri nu ajjeesan, ajjeesuusaanii yoo irraanfatan ykn irraanfachiisanillee, nuti garuu du’aafi imimmaan, iyya, gadadoofi boo’icha, gaddaafi rakkina, tuffatamuufi miidhamni nurra ga’aa ture sun laphee keenya keessa waan jiruuf yoomiyyuu hinirraanfannu.

Irraanfannee osoo hintaane dhiisnee, haaloof osoo hintaane dhiifamaaf uummataafi biyya gootaaf jennee kan dhiifne diinonni keenya du’aatii biroof, rakkoo biroof baqattummaafi garbummaa biraatiif nu kaadhimuun, dhiigniifi dhugaan hin teessisu jedhee daa’imaa hanga maanguddootti duulchisuun waanjoo gabrummaa marsaa lammataa nutti fe’uuf erga yaadee oolee buleera.

Waan kana ta’eef gooftoliisaa ala jiraniifi ergamtoota isaa nu keessa jiran, waliin ta’uun biyya diiguuf hojii bal’aa hojjechuun dhala namaa, sanumaa, lammii isaa irratti ni raawwatama jedhamee kan hin yaadamne fixiinsaafi haleellaa suukkanneessaa lammiilee nagaa irratti raawwachaa gadadoo yeroo lammaffaaf nu kaadhimmachuuf olii gadi kaachuu ittifufaniiru.

Adeemsa isaanii balaa kana hordofee Juuntaa nama nyaataas ta’ee ergamtuu isaa Shanee, adabbii keessa hindeebine adabuufi yeroo dhumaatiif gateettii uummatootaa irraa buqqisuun awwaala isaa raawwachuuf Ministiirri Muummee keenya adda waraanaatti duuluun waraanicha ofii isaanii hogganuun yeroo gabaabaa keessatti, injifannoo guddaa Itoophiyaa guddoof Itoophiyaanota hundaaf dhaggeessisuuf murteen kutannoo murteessaniifi ergaa seena qabeessa biyyaalessaa dabarsan Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Ummanni Oromoo hundi dinqisiifannaa, jaalalaa, kabajaafi kaka’umsa olaanaadhaan fudhateera.

Hoggantoonni Naannoo Oromiyaas waamicha waktaawaafi biyyaalessaa hogganaa keenyaa onnee guutuun fudhannee, nutis akkuma abbootii keenyaa Kabajaan aarsaa dhiigaafi lafee kaffaluun biyya kabajamte ijoollee keenyaaf dabarsuuf akkasumas damee hojii misoomaafi bulchiinsaan raawwii olaanaa galmeessisuun biyya keenya qormaata ishii irratti aggaamame irraa baraaruuf qophii ta’uu keenya kutannoon mirkaneessina.

Ummanni naannoo keenyaas waamicha mucaa isaa hogganaan isaa biyyaafi uummata isaa baraaruuf adda waraana kan imale waamicha Ministeera Muummee fudhachuun hunduu bakka jiruu ka’ee awwaala diinota keenyaa Shaneefii TPLF raawwachuun, dhibeen biyyummaa isaanii yeroo xumuraaf akka raawwatu akka taasisan yaamicha koo kabajaan dhiyeessa jedhan Obbo Shimallis.

Kaleessa harkasaanii duwwaa taankii, madfiifi matarayyeesii fuuldura dhaabachuun Wayyaanee holqa keessaa baatetti kan deebisan Qeerroofi Qarreewwan keenya har’as irra deebiin isinan gabbarsiisa, isinan bita, isinan saama jedhee kan dhufe garee finxaaleyyii kanneen dachee kanarraa balleessuuf ergaa Ministiira Muummee keenyaa fudhachuun hoo jedhanii bahuun Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun, adda waraanaatti ijoollee goototaa kanneen akka Abdiisaa Aagaa, Baalchaa Saafoo, Garasuu Dhukiifi Jaagamaa Keelloo ta’uusaanii irra deebiin akka mirkaneessan waamicha seenaan dhiyeessaaf.

Balaa jireenya keenyarratti aggaamame ittisuun ittigaafatamummaan seenaa akkuma jirutti ta’ee sababii waraana kanaatiin biyyi keenya rakkoo dinagdee to’achuu hindandeenye keessa akka hinseenneef ummanni keenya gaachana ta’ee yeroo kamuurra karaa adda ta’een hojii misoomaafi damee hojii itti bobba’e hundatti, hojii bu’aaqabeessa hojjechuun, nagaafi tasgabbii naannawasaa mirkaneessuun boqonnaa seenaa kana keessatti abbaa ashaaraa akka ta’u adaraa jechuun barbaada.

Dhumarratti ummanni hundi akkaatuma amantiisaatti kadhannaan biyyasaa akka deeggarun waamicha koo dhiyeessa. Shakkii tokko hinqabu Rabbi nu gargaara. Itoophiyaan akkuma baratte yeroo gabaabaa keessatti injifattee, awwaala diinotashiirratti alaabaashii kabajaan ni fannifti.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You