“Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkeewwan to’annoo diinaa jala turan to’achaa jira” -MM Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Raayyaan Ittisa Biyyaa hamilee guutuun diina waraanuun bakkeewwan to’annoo diinaa jala turan to’achaa jiraachuu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Doktar Abiyyi ibsa kaleessa waaree booda adda waraanaarraa kennaniin akka jedhanitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa kaleessa gaara Kasaagitaa to’annoo diinaa jala ture guutummaatti to’ateera. Guyyuma kaleessaa Burqaafi Cifiraa ni to’annas jedhaniiru.

Hamileen Raayyaa Ittisa Biyyaa baa’yee namatti tola kan jedhan Doktar Abiyyi, waraanichis mo’icha olaanaan gaggeeffamaa jira. Hanga diina seene awwaallee bilisummaa Itiyoophiyaa mirkaneessinutti gara duubaatti hinjennu. Ummanni keenya biyya keessaafi alaa nu waliin waan jiruuf waraanicha injifannoodhaan xumuruuf shakkii hinqabnu. Kan nuti barbaannu ofii duunee Itoophiyaa birmadoomte arguudha jedhaniiru.

Oduudhuma walqabateen “Qaqqaaliiwwan ijoollee biyya kiyyaa, kabajamtoota michuuwwan Itoophiyaa, Itoophiyaan biyya aarsaafi gootummaa ijoolleesheetiin kabajaafi bilisummaashee eegsiste jiraatteedha; kanas michuuwwaniifi diinonni ishee ni beekan” jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa ibsa Wixata darbe galgala gara adda waraanaatti duuluuf qophaa’uusaanii ibsaniin.

Waan jedhan hojiirra hojiitti hiikuun kan beekamana Doktar Abiyyi, ittifufuunis Itoophiyaan warreen gantummaa isheerratti raawwatan barnoota barbaachisaa kennuu, kan duubaan ishee waraanan ammoo adabbii murteessaan adabuun beekamtis jedhan.

Kabaja birmadummaafi bilisummaa baroota kumaatamaaf goonfattee kennaan hinarganne; gatii malee bilisummaa eeguun waan hindanda’amneef; maqaan bilisummaa Itoophiyaa jedhus gatiin dhiigaa itti kaffalamee, gootonni ciccimoo itti wareegamaniiru jechuun ibsan.

Abbootiin seenaan isaan beeknu bulchiinsaafi ilaalcha siyaasaan gargari, ilaalcha mirgaa, haqaafi walqixxummaanis gargari, bakka birmadummaa, bilisummaafi tokkummaa daangaa Itoophiyaan garuu garaa garummaa hinqaban turan jedhan.

Duris tahe har’a fedhiin tokko tokkoo keenyaa, jireenyi hunda keenyaa Itoophiyaa gadii, nuti jiraannee Itoophiyaandu’uurra nuti duune Itoophiyaan akka jiraattu barbaadna.

 Riippoortara gaazexichaatiin

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You