Finfinne: Magaalaan Finfinnee nageenya amansiisaa mirkaneessuuf Godina Addaa Oromiyaa Naanawa Finfinnee waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee ibse.
Ittigaafatamaan biirichaa Doktar Qana’aa Yaadataa ibsa dheengadda miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtuun nageenya waaraa magaalaa Finfinneefi naannoosheetti mirkaneessuuf gama eegumsaafi sakatta’iinsan godinicha waliin qindoominaan hojjetamaa jira.
Magaalattiin nageenya amma qabdu ittifufsiisuufis ta’e yaaddoo nageenyaa keessumaa garee shororkeessaa shanee waliin walqabatee uumamuu malu to’achuuf hojiin godina ollaa kana waliin hojjetamaa jiru cimee kan ittifufu ta’uu eeraniiru.
Haalli sochii waliigalaa magaalattii idilees ta’e kanneen biroon sadarkaa amansiisaarra jiraachuu eeranii, qaamoleen nageenyaa hunduu uummata waliin ta’uun hojjechuunsaaniitiin milkaa’inni guddaan argameera jedhan.
Sakatta’insaafi eegumsi jiraattota waliin hojjetamaa waan jiruuf magaalattiin yeroo kamuurra nagaa ta’uu caala yakkoonni idileen raawwatamaa turan hir’achuu himanii, sakatta’insa kanaanis meeshaaleen waraanaa gosa garagaraa, dhootuuwwaan, rasaasa, waraqaa eenyummaa sobaa, uffannaa Raayyaa Ittisa Biyyaafi garee shoroorkessa ABUT dabalatee maallaqni hedduu biyyoota garagaraa qabamuu ibsaniiru.
Gama galmeessa meeshaa waraanaan namoonni yeroo kennameef keessatti meeshaa harkaa qaban hingalmeessisne harkaa fuudhamee mootummaaf galii ta’a jedhanii, kaayyoon galmeessichaas meeshaan waraanaa hagam, eenyu harka akka jiru beekuufi eegumsa naannawaatiif akka ooluu taasisuu ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbilee mootummaas ta’e mitmootummaan qajeelfama labsii yeroo hatattamaa darbuun waraqaa eenyummaa yeroo kennuu dhiisanii kan idilee kanneen kennan seeraan kan gaafataman ta’uus ibsaniiru.
Qorannoo taasifameen uffannaan dambii humnoota nageenyaafi garee shoroorkesaa qabame kaayyoo holoola sobaa ittiin suura ka’uun ‘bakka akkasii qabanneerra’ jechuufi saamicha ittin raawwachuuf kan qophaa’an ta’uu ibsaniiru.
Labsichaan walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti nageenya lammiilee mirkaneessuuf sakatta’iinsa gaggeeffameen shakkamtoonni to’ataman saba tokkorratti kan xiyyeeffateedha ololli jedhu soba ta’uus himaniiru.
Dhiibbaan biyyoota alaarraa taasifamaa jiru kan ittifufe ta’uu himanii, dippiloomaatonni Finfinneedhaa akka bahan dhiibbaan taasifamaa jiruufi akka magaalattii keessatti gochi shororkaa raawwachuu danda’u oduu tamsaasuun agarsiistuuwwaan dhiibbaa taasifamaa jiranii waan ta’eef gochi kun haqarratti kan hinhundoofneefi sirrii hintaane ta’uu mootummaan nihubachiisa jedhan.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014