“Doktar Abiyyi waanuma Abbaan Gadaa dur Gadaa keessatti raawwachaa ture raawwatan” -Obbo Alamaayyoo Hayilee (Hayyuu Seenaa)

Finfinnee: Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad “Yeroon biyya aarsaadhaan hogganuun barbaachisu amma jechuun Kibxata darbe gara dirree waraanaa deemaniiru.

Kanneen ijoollee Itoophiyaa seenaan dinqisiifatu keessaa tokko ta’uu barbaaddan marti biyya keessaniif jecha har’uma ka’aa; adda waraanaatti walhaa agarru. Qaawwa duuluun keenya uumu hoggantoonni federaalaafi naannolee gara adda waraanaa hindeemne yeroo kamuu caalaa hojiilee misoomaafi bulchiinsaa humnasaanii guutuun akka raawwataniif dhaamaniiru.

“Maqaan Itoophiyaa jedhu maqaa mo’attootaa; mallattoo bilisummaati. Hinshakku, dhaloonni koo maqaasaa mo’ataafi mallattoosaa bilisummaaf gatii barbaadamu baasee Itoophiyaafi Itoophiyummaa galmee kabajaarratti qalama warqiitiin ni maxxansa” jechuun ergaa dabarsuun duula garee shororkeessitootaatiin ummata biyyattiirratti banamee adda durummaan geggeessaa jiru.

Gaazexaan Bariisaa gaaffii, waamichi ministirri muummee taasisan kun seenaa geggeessitoota biyyattiifi sirna Gadaa keessatti akkamitti ilaalama? Deebiin Hayyuu Seenaa Obbo Alamaayyoo Hayileetiif dhiyeessee isaanis deebii kennaniiru.

Giddugala Aadaa Oromootti, Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Seenaa kan ta’an akkasumas Gaazexaa Bariisaarratti fuula Seenaarratti gumaachuun kan beekaman Obbo Alamaayyoo Hayilee ibsa kaleessa nuu kennaniin, seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo baay’ee geggeessaa waraanaa kan turan Oromoota.

Mootommi biyyattii ‘Nigusa Negisti’ jedhaman teessosaaniirra taa’uu malee yeroo baay’ee adda durummaan waraanarratti hirmaatanii geggeessanii hinbeekan. Waraana kan geggeessu ykn hogganu jeneraalota (raasota) ykn abbaa duulaati. Fakkeenyaaf kanneen Raas Alii, Raas Walee, Raas Gugsaa, Raas Maariyyee jedhaman Oromoota hoggantoota waraanaa turaniidha jedhu.

Kan biyya bulchaa turan mootota utuu hintaane hoggantoota waraanaati kan jedhan hayyuun seenaa kun, aangoon hogantoota waraanaa akka aangoo ministira muummee ta’uus ni eeru. Seenaa ammayyaa biyya keenyaatiin ‘Raas’ jechuun ministira muummee ammaa kana bakka bu’a jedhu.

Sirna Gadaa keessatti raayyaan waraanaa kutaalee guguddoo sadii (garee Foollee, Raabaafi Gadaa) qaba kan jedhan Obbo Alamaayyoon, waraana kan hogganu Abbaa Gadaati. Abbaan Gadaa duulatti bobba’uun dura ni obsa, ni gorsa, gaadduu itti ergee diinaafi nama nagaa addaan baasuun booda duulatti seena. Garee duulatti seene kana kan geggeessus Abbaa Gadaati.

Abbaan Gadaa tokko yeroo gara waraanaa ykn duulaa deemu biyya koo, mana koo, dhala koo hinjedhu. Waan hundayyuu warra Dooriitti imaanaa kennatee deema. Dooronni qe’ee maatiifi horii eegu. Warri sadarkaa Gadaafi kuusaa keessa jiran waliin ta’uun gara waraanaatti socho’u jedhu.

Akka hayyuun seenaa kun jedhanitti, Ministirri Muummee Doktara Abiyyi Ahimad waanuma Abbaan Gadaa dur Gadaa keessatti raawwachaa ture raawwatan. Waraana yeroo ammaa geggeeffamaa jiru ana waliin ka’aa jedhanii lammiilee biyyattiif waraanicha dhiyeessuudhaan adda waraanaatti duulanii waraanicha hoogganaa jiru. Lammiileen biyyattiis waamichasaanii fudhatee utuu lubbuusaanii hinmararfatiin kabajaafi bilisummaa biyyaafi ummataatiif jecha gara dirree waraanaa ykn diinatti duuluusaanii eeru.

Sirna Gadaa keessatti waraanni tokko yoo hinmilkoofne ta’e abbaan bokkuu waraana ittiharii (kitat) waamee ummanni waraanicharratti akka birmatu taasisa. Waraanni Bokkuu jalqabame jechuun ummata hundumaatu irratti hirmaata jechuudha.

Waraana kanarratti abbaan bokkuu, abbaan duulaafi abbaa Gadaa irratti ni hirmaatu. Waraanicha adda durummaan kan geggeessu ammoo Abbaa Gadaati. Waraana kana keessatti hundumtuu raayyaa abbaa Gadaa ta’ee hirmaata. “Duula ittihariirratti hundumtuu waan hirmaatuuf injifannoodhaan galuun shakkii hinqabu” jedhu.

Duulli Ministirri Muummee yeroo ammaa gantoota biyya weeraruu, saamuudhaafi mootummaa giddugalaa diiguuf socho’an dhabamsiisuuf taasisaa jiran kun duula ittihariitiin kan walfakkaata kan jedhan Obbo Alamaayyoon, ummanni Oromoos garee shororkeessaa kana ofirraa ittisuuf tokkummaasaa jabeeffachuu akka qabu gorsu.

“Akka aadaa Oromootti nama diina dheessuufi diina gargaarurra adabbii guddaatu irra gaha. Sirna Gadaa keessatti maatiifi gosa kee gantee diina gargaaruun adabbii guddaa hanga du’uutti namarraan gaha” jedhu.

Utuu waraanni hinjalqabamin araara buusuun, maanguddootaafi hayyoota irratti hirmaachisuun waa’ee nageenyaarratti mari’achuun ni danda’ama kan jedhan hayyuun seenaa kun, waraanni tokko yoo dafee milkaa’uu baate abbaan bokkuu bokkuusaa lafaan tuqee kaanaan kan manatti hafu hinjiru, hundumtuu gara adda waraanaatti kan duulu ta’uu himu.

Duula haala kanaan adeemsifamu booda kan jiru ammoo injifannoodha. Ummannis jila mirgaan ykn injifannoodhaan gale sana gammachuu guddaadhaan simata jedhu.

Waanti Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad labsaniifi raawwachaa jiran waanuma Gadaa keessa jiruudha kan jedhan Obbo Alamaayyoon, gareen shororkeessaa ABUT carraa karaa nagaan rakkoo biyyattii furuu fudhachuu didee humna filachuusaatiin waraanni kun akka ka’u ta’uu ibsu. Kanaafuu hanga humni garee ABUT badutti ofirraa ittisuufi bakka jirutti rukutuun dirqama ta’a; kanas sirni Gadaas kan deggeru ta’uu eeruun.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You