Finfinnee: Waraana shororkeessaa ABUT Itoophiyaa kaabatti baneen lammilee rakkatan gargaaruuf dhaabbileen gargaarasa idila addunyaa gaffii mootummaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu dhiisuunsaanii kaayyoo dhabbatichaa kan faallessu ta’uu ogeessonni seeraa beeksisan.
Lammiilee rakkoo waraanaan miidhaman gargaaruuf dhaabbileen gargaarsa Idila Addeunyaa mootummaa Itoophiyaaf gaaffii akka hindhiyeessine komiishiniin Hoggansa Hojii Ittisa Balaa Biyyaalessaa Wiixata darbe beeksiseera.
Haaluma kanaan dhaabbilee gargaarsa ididla aaddunyaa kaayyoo dhaabbataniif kan dagatan yoo ta’e lammileesaaf jecha mootummaan tarkaanfii barbaachisu fudhachuu akka dandahu ogeessotni seeraa himaniiru.
Ogeessonni kunniin ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf Kibxata darbe kennaniin gochcihi sirrii akka hintane himaniiru. Ogeessi seeraa Doktor Shimallis Sisaay akka ibsanitti, dhaabbiilee gargaarsa idila addunyaa namummaa, dhiibbaawwan hundarraa walaba ta’e, loogummaafi fedha irratti hundaa’uun lammiilee miidhaman gargaarsa akka argatan haala mijeessuun irraa eegamaayyu.
Kunis birmadummaa biyyaa utuu hintuqiin qorannoo bu’uura fedhii miidhamtootaarratti hundaa’e geggeessuun gargaarsa balaa qaqqabee madaalu waliingahuun ergama dhaabbatichaa ta’uu beeksisaniiru.
Akka ibsa Doktor Shimallisitti, dhaabbiileen gargaarsa ididla addunyaa buufata xiyyaaraa Laallibalaafi Kombolchaa wiirtuu godhachuun gargaarsa akka dhiyeessaniif haala mijataa uumametti fayyadamuu dhabuun dogoggora jedhan.
Adeemsa dippiomaasiin waliigaltee tokko irra hin ga’amu yoo ta’e birmadummaa biyyaa tuquu waan ta’eef haga dhhabbilee sana biyyaa baasuutti tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun mootummaatti dirqama akka ta’u ibsaniiru.
Gorsaa seeraafi abukaatoo kan ta’an Obbo Gizaawu Kabbadaa gamasaaniin dhimmicha ilaalchisuun dubbii dubbataniin dhaabbilee gargaarsa idila addunyaa duuba qaamoleen jiran fedhasaanii dhokataa maqaa gargaarsa jedhuun galmaan ga’achuuf Itoophiyaa qoraa jiru jedhu.
Akka ibsasaaniitti hundeeffamni dhaabbiilee gargaarsa idila addunyaa lammiileen balaa gara garaan gaaga’ama dinagdeefi hawaasummaa keessa seenan akka bayyanataniif deeggarsa kan taasisudha.
Kuni ta’us wiirtuuwwan gargaarasaa akka Itoophiyaatti jiran keessatti ergama dhaabbilee gargaarsaa karaa faallesseen gochi alseerummaa walabummaa biyyaa tuqu mul’achuu Ogeessi kun dubbatu.
Dhaabbileen maqaa gargaarsaan ergama biraa baatanii deeman kunneen biyyaaf balaa ta’uu himuun mootummaanis irratti dammaquunsaa kan nama jajjabeesudha jedhaniiru.
Rakkoo ilaalchaa hamaa gama kanaan jiru furuuf Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaafi Gamataan Afirikaa Finfinnee jiru waliin ta’uun hojii dippilomaasii cimsuun hubannoo uumuuf cimanii hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014