“Rakkoolee ijoo biyyattii furuun yoo danda’me dhiibbaan biyyoonni lixaa Itoophiyaarratti dhaqqabsiisan guddaa miti” -Indaalkaachew Girmaa (Gargaaraa Piroofesaraa)

Finfinnee: Rakkoolee ijoo biyyattii furuun yoo danda’me dhiibbaan biyyoonni lixaa Itoophiyaarratti dhaqqabsiisan guddaa miti jedhu Yunivarsitii Madda Walaabutti, Barsiisaa Qunnamtii Idil-addunyaa Piroofesara Gargaaraa Indaalkaachew Girmaa.

Barsiisaan kun yaada addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, biyyattiin rakkoolee yeroo ammaa ishee muudatee jiru keessaa daftee yoo baateefi rakkoolee dhimmoota nageenyaafi dinagdeen walqabatanirratti daftee furmaata yoo laatte qoqqoobbii biyyooni lixaa isheerratti darbachuuf dhaadatan salphaan keessaa bahuu dandeessi. Kanaan alas Itoophiyaan waligalteewwan biyyoota lixaa waliin hojjechuuf qabdu sirritti xiinxaluun filannoowwan haaraa biroo ilaaluudhaan fuula ishee gara biyyoota Chaayinaafi Raashiyaatti deeffachuu akka qabdus dubbataniiru.

Biyyoonni lixaa biyoota hiyyeeyyii Afrikaanotaa mala ittiin harka isaanii micciiran keessaa inni ijoo deggarsa isaanii keennuudhaani kan jedhan hayyuun kun, kanaafuu deggarsa isaanirraa argamu omisha biyya keessaatiin bakka buusuun deeggarsa isaanirraa argamu hir’isuu ykn dhaabuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Tooftaa Amerikaan biyyattii ‘AGOA’ keessaa baasuuf carraaqqii gochaa jirtu Itoophiyaanis caraawwan biroo gareewwan kanneen bakka buusuu danda’u ilaaluun barbaachisaa akka ta’ees himanii, mootummaan Itoophiyaa rakkoolee biyyaattii muudatanii jiran gurguddoo yoo dafee kan furu ta’e dhiibbaan Ameerikaan biyyattirratti gochaa jirtu dandammachuun kan danda’amu ta’uus dubbataniiru.

Waraana yeroo amma garee shororkeessaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) waliin biyyatiin gochaa jirtu kun dafee akka xumura argatuufi dhiibbaawwan idil-addunyaa gama kanaan biyyattiirra dhaqqabaa jiran karaa diplomaasitiin hiikuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.

Biyyoonni diinagdeen badahaadhan imala Itoophiyaan itti jirtutti kan hinaafaniif dhimmi ijoon olaantummaa gaanfa Afrikaatti qaban gaaffii keessa jalaa waan galchuuf ta’uu himanii, biyyoonni dinagdeen badhaadhan naannawa kanaaatti mootummaa isaaniif mijatuufi ergamu kaawwachuun ilaalchaafi yaada tarkaanfachiisuu barbaadan raawwachiisuuf haala mijataa uummachuuf jecha ta’uus eeraniiru.

Kanaafiis gaanfi Afriikaa biyyoota kanneen akka Ameerikaa, Chaayinaafi Raashiyaadhaaf bakka murteesaa ta’uurraa kan ka’e olaantummaa isaanii eegsifachuun dinagdeefi nageenya isaanii ittiin mirkaneeffachuun mootummaa isaan barbaadan hundeeffachuuf dhamaatii guddaarra jiraachuu isaanii himaniiru.

Fiqaadu Dheeressaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014

Recommended For You