“Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun haaloo walba’uufi sobaan wal yakkuuf yaaliin taasifamu nama gafachiisa” -Obbo Addisuu Kabbadaa

Burraayyuu: Weerara murni finxaaleyyii ABUT akka biyyaatti taasisaa jirutti daangaa gochuuf labsiin yeroo muddamaa kan labsame yoo ta’u, qaamonni tokko tokko labsicha dahoo godhachuun haaloo walba’uuf carraaqaa jiraachuun ni himama.

Labsicha dahoo godhachuun carraaqqiin haaloo walba’uufi sobaan maqaa walgurrachessuu akka jiruufi kun ammoo kan seeraan nama gaafachiisu ta’uu Kantiibaan Ittaanaa Bulchiinsa Magaalaa Burraayyuu Obbo Addisuu Kabbadaa himaniiru.

Obbo Addisuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, labsichi olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiirra oolaa jiraachuufi namoonni tokko tokko ammoo labsicha dahoo godhachuun haaloo walba’uufi olola sobaan maqaa walballeessuuf carraaqan gocha seeraan ala ta’e kanarraa of qusachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Kayyoon labsichaa inni guddaan murnoota weerartuu nageenya lammiilee booressuuf yaalan eeruu uummataan qabanii seeratti dhiyeessuuf ta’uu himanii, waldhabdee dur qaban sababa godhachuun haaloo walba’uuf sobaan maqaa walballeessuun gocha seeraan alaafi dafee dhaabbachuu qabu ta’uu dubbataniiru.

Gocha seeraan alaa labsicha dahoo godhachuun yaalii haaloo walba’uuf, sobaan maqaa walballeessanii wal adabsiisuuf magaalattiitti taasifamu dafee dhaabbachuu akka qabu himanii, qaama mootummaas ta’e hawaasaa ragaa qabatamaan alatti sobaan haaloo walba’uuf yaaliin taasifamu seeraan kan nama gaafachiisu ta’uus himaniiru.

Jiraattonni magaalattii casaalee nageenyaa gara garaa waliin ta’uun nageenyasaa qindoominaan eeggachaa jira kan jedhan Obbo Addisuun, shira gareen shororkeessitootaa xaxaa jiran eeruu uummataafi hordoffii casaalee nageenyaan sakatta’insi taasifamaa tureen tibbana qofa rasaasni kuma tokkoofi 800 qabamuu ibsaniiru.

Nageenya magaalittii eegsisuuf humna guutuun hojjetamaa jiraachuu eeranii, kallattii afraniin yeroo barbaachisaa ta’etti sakatta’insa taasisuun alseerota seeratti dhiyeessaa jiraachuu himaniin, hawaasni magaalattiis caasaalee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuu nageenyasaa tikfachuu akka qabus dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 11/2014

Recommended For You