“Wayyaaneen kanaan booda lafa Oromoorra guyyaa takka buluu hindandeessu” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Fuula Keessummaa Bariisaa torban kanaarratti, haala yeroo naannoo Oromiyaafi biyyaarratti ibsa bal’aa  Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kennan akka armaan gadiitti isiniif dhiheessineerra.

Ummanni Oromoo ummata aadaa, duudhaa, seenaafi sirna ittiin bulmaataa mataasaa danda’e qabuudha. Kanaan alattis dacheen inni irra jiraatu jireenyaafis ta’ee omisha sanyiiwwan garagaraatiif filatamaa ta’uun akkasumas teessumaanis gidduu biyyaatti kan argamu waan ta’eef, giddugaleessi siyaasa biyya kanaa Oromiyaa ta’a. Waan kana ta’eef, dhaabbileen siyaasaas ta’ee diinootni biyya kanaa hundi xiyyeeffannoo guddaa kan taasisan Oromoofi Oromiyaa irratti.

Sababa kanaanis jaarraa tokkoof walakkaadhaaf diinaan tuffatamee bitamuuf dirqamuu danda’eera. Kana qofaa miti waggoottuma 20fi 30n darban yommuu ilaallu paartileen Oromoos ta’ee hayyoonni sabichaa qabsaa’aniiru garuu injifannoo galmeessisuu hindandeenye. Sababa injifachuun dadhabameef keessaa immoo Oromoo caalaa diinni olla ijaaramaafi tokkummaa cimaa horachuusaatiini. Hayyootni saba Oromoos ilaalchaafi yaada diinaa sana keessa gangalachaati kan bahan.

Waggoottan 27 darban samiidhaa gaditti wanti wayyaaneen Oromoo irratti hinraawwanne hinjiru. Kun immoo bifa qindaa’eefi itti yaadameen waan raawwatamaa tureedha. Jaarraa tokkoof walakkaa darbe Oromoon waa sadii dhabe. Kana keessaa inni tokkoffaan hoggansa dhabe. Hoggansa dhabnaan immoo tarsiimoo hinqabdu, firaafi diina kee adda baaftee hinbeektu.

Lammaffaa immoo dammaquufi ijaaramuu kan dhabe yemmuu ta’u, inni sadaffaa immoo tokkummaasaa dhabe. Kun immoo diinotnisaa waggoota hedduuf darara jalatti tursiisuudhaaf jecha tokkuummaansaa akka hinmirkanoofneefi akka diigamuuf irratti hojjachaa turuusaaniitiini. Haalota kanaan Oromoon jaarraa tokko oliif bittinaa’ee diinaan akka bulu ta’ee jira.

Qaamni siyaasaa yeroo adda addaatti biyyattii kana keessatti uumamu kamiyyuu hanga Oromoo hinamansiifneefi ykn immoo hinjilbiiffachiifneetti aangoosaa lafa qabsiisuun ulfaataadha.

Yeroon amma keessa jirru kun immoo jaarraa tokkoofi walakkaan booda yeroo Oromoon itti carraa argateefi sirnaafi mootummaa isa hogganu itti uummateedha. Yeroo jalqabaatiif yeroo Oromoon hoggansa qabaatee firaafi diinasaa adda baafachuu qofa osoo hintaane firasaa itti baay’ifachaafi diinasaa immoo xiqqeessaa jiruudha. Yeroo Oromoon carraa qabu hunda laakka’ee qixaan itti fayyadamuu eegaleedha.

Kanaaf waggoota sadeen darbanitti injifannoowwan abdii guddaa namatti horan galmaa’uu eegalaniiru. Injifannoowwan kunniin garuu bal’ina gaaffii ummatichaa waliin yemmuu madaalaman xiqqaachuu danda’u malee waan tuffatamanii miti. Bifa walii galaatiin Oromoon waggoottan sadeen darbanitti wantoota gurguddoo sadi argate. Isaanis; yeroo jalqabaatiif hoggansa argate, Dammaqinaa, gurmaa’inaafi  tokkummaa argate.

Wanti wayyaaneen Oromoo irratti xiyyeeffachaa jirtuufis Oromiyaan giddugaleessa siyaasa biyya kanaa kan murteessu ta’uusaa waan beektuufi. Itoophiyaa gadi qabuuf Oromoo gadi qabuu qabda. Itoophiyaa bittinneessuudhaafis Oromoo bittineessuu sigaafata. Itoophiyaa saamuudhaaf Oromoo jilbeenfachiisuu qabda. Hanga Oromiyaa hincabsinettiifi hinto’annetti fedhiikee biyya kana keessatti hojirra oolfachuun hindanda’amu jechuudha.

Waan afur yoo fudhatte qofa wayyaanee faana jiraachuu dandeessa isaanis; olaantummaa isaanii fudhachuu, gadaantummaafi ergamtuusaanii ta’uukee fudhachuu, wanti ati qabdu hundi kansaanii ta’uu amantee fudhachuufi inni dhumaa immoo gaaffii waan jedhamu kaasuun akka hin dandeenye fudhachuudha. Kanaaf wayyaanee faana kan jiraattu wantoota afran kana yoo qabaatte qofaadha.

Sababnisaa inni guddaan immoo wayyaaneen shan taatee nama 105 irra taa’uu barbaaddi waan ta’eefi. Waggoota 27 darabanis taanaan kun guuttameefii jennaani kan aangorra turan. ADWUInis kan ijaarame haala wantoota afran kana milkeessuu danda’uuni. Wayyaaneen silmiidha waan ta’eef akkuma silmiitti loonitti maxxantee dhiiga yoo dhugde malee jiraachuu hindandeessu.

Olaantummaasaanii sana agarsiisuuf immoo yeroo aangorra turan kanatti nama meeqa lubbuu baasanii kan hafe immoo biyyaa ari’achaa turaniiru. Ilaalcha gadaantummaa fudhachiisuudhaaf immoo “ani dhiphaadha” jedhanii akka ceephoo buufataniif nama kumaatamootatti laakka’amu dararaa turan.

Wayyaaneen turtii aangooshee waggoota 27 keessatti warqeedhaa kaasee hanga tulluutti wanti isheen Oromiyaa keessaa saamtee hingurguriin hinjiru. Bajatni Oromiyaa wayyaaneen erga aangorraa buutee dachaa lamaan dabale. Kun immoo mirga addaa argannee osoo hintaane, silmiin dura turte buqqa’uusheetiin sa’attiin aannan kennuu eegaluusheetiini.

Erga wayyaaneen qabsoo qeerroofi qarreetiin injifatamtee gara naannoosheetti galteen booda garuu waan dur isaan Oromiyaa irratti raawwachaa turan sana amma isaan irratti raawwachuudhaaf namni naannoosaanii dhaqe tokko hinjiru. Wanti jedhame yoo jiraate hunduu wantuma qabuun naannoosaa haa bulchuu jedhamnaan (akkamitti saamicha dur bare sana dhabee taa’a?”) jechuudhaan duulli jarri amma biyya diiguuf taasisaa jiran.

Walqixxummaa obbolummaa waan jedhamu wayyaaneen tasuma fudhachuu hinbarbaadu. Sababnisaa immoo jarri gaafa kana fudhatan akka badan waan beekaniifi awwaalaman waan beekaniifiidha.

Kanaaf akka hinbanneefi hinawwaalamneefiidha wayyaaneen kana ciminaan gurmaa’u. Kanarraa kanka’e immoo osoo mootummaan hinfeene raayyaa ittisaa duubaan waraanuudhaan lola amma adeemsifamaa jiru kan eegalaniifi. Mootummaan giddugaleessaa erga dirqamee gara waraanaatti galeen boodas immoo oppireeshiinii barbaachisu xumuree gaafa inni Tigraay gadi lakkisee bahu wanti hordofanii hanga ammaatti badii geessisaa jiraniifis sababuma olitti ka’e sanarraa madda.

Gochi isaan Maayikaadiraatti, Kombolchatti dhiheenya kana immoo Habrutti raawwatan amala jara kanaa sirri kan agarsiisuudha. Kanaaf herraga kamiinuu warri wayyaanee waliin hojjachuu danda’an warra ulaagaa afran kana fudhatan waan ta’eef Shaneen immoo ulaagaa kana waan guutteef isaan wajjiin hojjatti. Haala amma jiruun shaneen bilisummaa wayyaanee irraa argachuuf koontiraata galtee hojjachaa jirti.

Yeroo ammaa Oromoon Walloo wayyaaneen saamamaa jira. ummanni dararamaa ajjeeffamaa jira. Kana immoo kan wayyaanee waliin raawwachiisaa jiru shaneedha. Wayyaaneen ammas kan dhufaa jirtu olaantummaashee Amaararratti, Oromorratti, Somaalerrattiifi sabaafi sablammoota biroorratti deebiftee mirkaneeffachuufi qabeenya ummattoota kanneenii samuudhaan of sooruufi.

Kanaaf wayyaaneen silmii waggoota 27f ummattoota biyya kanaa dhiiga xuuxee dorrobe ture sana ofirraa ariinetu har’as “isin malee jiraadhee hindanda’u” jedhee nutti deebi’aa jiruudha. Gaafa gaaddisasaa ADWUI diignee Badhaadhina ijaarrus kan inni didee keessaa baheefis kanumaafi malee sababa biroo hinqabu. Naannooleen hundi dhimma keessoosaanii irratti ofiisaaniitiif haa murteessan gaafa jennus dhiitee kan keessaa baheefis kanumaafi.

Wayyaaneen silmii dhiiga dhugee akka malee dhiita’eefi qabsoo qeerroofi qarree Oromootiin sa’attii irraa buqqifamee lafatti darbatamee tureefi yeroo ammaa immoo lafa irratti darbatame sanarraa ka’uudhaan sa’attii irratti deebi’uuf tattaafachaa jiruudha.

Akka miila sa’aatti ta’ee silmii kana gara sa’attiitti kan ol baasu immoo shaneedha. Shaneen Oromoo olaantummaa jara kanaa fudhateedha. Kanaaf jarri Oromiyaatti deebi’uudhaaf akkuma Oromoo ulaagaashee kana guutu barbaaddutti, Affaarii, Somaalee Amaaraafi saba hunda keessaa gareewwan ulaagaa kana fudhatan akka daandiitti fayyadamuudhaan saboota dur dhiiga dhugaa turtetti deebi’uuf yaaliirra jirti.

Ani dur barataa ta’ee akkuma barataa kamittuu mootummarratti dhagaa darbaa gaafa guddannu yeroo namni ABOn wayyaanee waliin hojjata jedhamee hamatamu baay’ee aaran ture. Akkamitti namni waan hin fakkanneen maqaa dhaabaa balleessa jechaan ture.

Har’a garuu gaafa teessoo qabsoo qeerroo Oromootiin dhufe kanarra taa’ee shanee wayyaanee waliin hojjattu argu gadda guddatu natti dhagahama. Gadda qofaa osoo hintaane salphina. Akkamitti dhiigni qeerroofi qarree kuma shanii sun irraanfatame? Akkamitti Jaal Nadhii Gammadaafaa irraanfataman? Akkamitti Jaagamaanfaa irraanfataman? Akkamitti hayyoota Oromoo kumaatama sirni wayyaanee balleesse irraafataman?

Akkamittis hirmii isaanii nyaanna? Akkamitti Haacaaluufaa dagganna? Kana yemmuun yaadu keessa kootu na dhukkuba. Ummanni Oromoo hinheeyyamuuf malee wayyaaneen osoo carraa argattee waanuma kaleessa Kamisetti goote sana guutuu Oromiyaatti gooti turte. Isuma Habroofi Kombolchaatti goote sana gooti turte.

Gaafa aangorraa bu’anis bar qabeenya hannaan horatte sanarraayyuu hinariine turree. Waan qabatte qabattee nagumaan haa jiraattu jennaanis quufa wallaaltee bar. Waggoota 27 darban wayyaaneen yemmuu badii ummattoota Itoophiyaa irratti raawwattu DHDUO dabalatee paartilee siyaasaa yeroo sana turan fayyadamuudhaani.

Amala jara kanaa sirrii kan hubate dhaloonni qeerroofi qarree, dhaloonni kiyya abadan gabrummaa wayyaanee kana booda fudhachuu hin danda’u. Injifannoo amma argame kanaaf hunda caalaa kan wareegama kanfale qeerroon, waca jara kanaatiin injifannoo aarsaa meeqaan argame kana namni isarraa fudhachuu danda’u tasuma hinjiraatu.

Awwaala wayyaaneetu gadi fageeffama malee carraan isheen yeroo lammataatiif nutti deebitee akka nu gabroomfattu haala mijeessu jiraachuu hindanda’u. Isa ammaa kana wanti adda isa godhu garuu wayyaaneen kan dhufaa jirtu farda Oromoo yaabbatteeti.

Jarri maqaa Oromootiin socho’an (shaneen) Oromoo waliin hojjachuu dadhabdeeti kan wayyaanee jalatti galte. Paartii Oromoo wajjiin hojjachuu dadhabdee akkamitti wayyaanee waliin hojjachuun isheef salphate laata?

Kanas ta’ee sana garuu dhufaatiin jaraa inni ammaa kun bifa kamiinuu waan milkaa’uu danda’uu miti. Wanti bifaa hafee wayyaaneen bar erga nurraa buutee waggaa afurillee hintaanee. Qeerroofi qarree qabsoo kanarratti magaalota Oromiyaa hunda keessatti wareegama kanfalaa turan sana garuu akkamitti dagachuun danda’ama? Qonnaan bulaa maqaa misoomaatiin qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’aa ture hoo akkamitti irraanfachuun danda’ama? Kun gaaffii saba bal’aa illallatuudha.

Aangoo aarsaa lubbuu qeerroofi qarreetiin argameenis bar nuti waan biraa godhaa hinjenneenii. Olaantummaan durii sun hafee walqixa taanee haa jiraannuu jennaan didanii waraana nutti banan. Kana immoo ummanni Oromoo hundi bareechee beeka. Hunda caalaa kan nama dinqu garuu, shaneen gaafa qeerroof qarreen fincila diddaa gabrummaatiif diinaan wal falamaa turan sanatti gadi ba’ee qabsoo kana keessatti diina tokko ajjeesuu hindandeenye turetu har’a  bu’aa qabsoo hadhaawaan argame kana gooluuf olii gadi fiiga.

Yeroo sanatti garuu dararri dargaggoofi ummata Oromoorra gahaa ture hundi maqaa ABO jedhamu kanaan ture. Waggoottan 27 darbanitti Oromoon hedduu maqaa kanaan hidhameera, ajjeeffameera biyyaahis ari’ameera. Sababauma kanaan qabsoon qeerroofi qarree finiinee jara maqaa kanaan ummata dararaa turte injifatee kan biyyashiitti galcheefis.

Yeroo fincilli diddaa gabrummaa kun guutuu biyyatti finiinee diinni ummattootaa wayyaaneen moo’atamu ABO shaneen xiyyiitii takka dhukaasuu hindandeenye. Garuu gaafa injifannoon dhufu guuratee hunduu gara biyyaatti gale. ABO keessaa warri jijjiirama dhufe kana deggaraniifi ittis amanan ammas karaa naga’aatiin qabsoosaanii itti fufanii jiru. Humni amma shanee ta’ee wayyaanee waliin hiriiraa jiru kun humnuma kaleessaa ABO keessatti of gurmeessee dhaabicha maseensaa tureefi duudhaa Oromoo hinkabajneedha.

Gareen kanaaf diina Oromoo caalaa Oromoo ajjeesuu akka tooftaa qabsootti kan fudhatuudha. Sababuma kanaaf gaafa ummanni qabsoo gaggeessu osoo xiyyiitii takka hindhukaasiin har’a immoo Oromoo ajjeesuufi dararutti kan fuulleeffataniif.

Waliigalteen tibbanaa wayyaanee waliin taasisanis waan haaraa miti. Isuma dura dhoksaadhaan ergamaafii ture sana amma immoo ifatti anatu isiniif ergama, anatu siif raawwachiisaa jedhee labse. Wayyaaneenis jara jallataa kana harkatti qabateeti kan Oromoo cabsuuf ifaajaa jirtu. Bara 1981 ABOn wayyaanee waliin mootummaa dargii injifatanii erga Finfinnee galaniin booda waan jarri irratti raawwate sana ni dagata jedhee hin yaadu. Erga waan isaanirraa barbaaddu hunda raawwachiifatteen booda ammas jara kana hidhuun, ajjeessuuniifi biyyaa ari’uun waan ooluu miti.

Kan ammaa wanti adda isa taasisu garuu, akka durii osoo Finfinneellee hinga’in Wallottuu kunoo Oromoo ajjeesuu eegalte. Ajjeessuu qofaa osoo hintaane immoo warra qabeenya qabus saamaa jirti. Oromoo qofaa osoo hintaane iddoowwan wareeraan qabatte hunda, naannolee akka Amaaraafi Affaar lubbuu namaa baasuun cinatti qabeenya mootummaafi ummataas saamaa jirti.

Kanaaf shaneen yeroo ammaa qabsaa’aa kan jirtu faallaa ummata Oromooti jechuun ni danda’ama. Faallaa qabsoo Oromoo qofa osoo hintaane, faallaa Itoophiyaa guutuu qabsaa’aa jira. Faallaa hiree Oromoofi biyyattii guutuu qabsaa’aa jira. Kanas kan raawwachuu dandeessu hanguma olaantummaa jaraa tole jettee fudhatteefi ergamtummaashee immoo ifatti labsitetti. Ergama itti kenname kana erga bakkaan geesseen booda immoo wayyaaneenuu waan isaan gootu beekti.

Shaneen humna naqarsaa ABO keessatti uumamee qabsoo Oromoo maseensaa tureefi qabsaa’ota Oromoo kanneen akka Jaal Nadhii Gammadaafi Dawwaanoo Kadiir fa’a nyaateedha. Qaqqaalliiwwan Oromoo kaleessa nyaachuu bare sana har’as deebi’ee nyaachuu eegalee jira. Oromoon hadhaa gabrummaafi mi’aa bilisummaa sirritti dhandhamatee waan argeef waan argeef kanaan booda tasuma irree ittiin waanjoo gabrummaa baatu hinqabaatu. Waggoottan sadeen darban bilisummaa argateen bu’aalee dabalataa hedduu gonfateera.

Kana keessaa immoo inni guddaan yeroo jalqabaatiif mootummaa ofii ijaarratee ofiin of bulche, yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa keessatti of argu uummate, yeroo jalqabaatiif hoggansa mataasaa horate. Yeroo jalqabaatiif yaada mo’ataa horatee sabaafi sablammoota hundaa keessatti hammachiise. Yeroo jalqabaatiif diinotasaa xiqqeessee ykn hir’isee firoottansaa immoo baay’ifate. Yeroo jalqabaatiif dammaqee, gurmaa’ee sirna ijaarratutti ce’e.

Kun ta’uusaatti immoo ummanni guututti gara misoomaatti akka galu taasifamee jira. Hojiileen misoomaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiraniifi raawwiin pirojeektota garagaraa yeroo ammaa jiran immoo kanaaf fakkeenya guddaadha. Hoggansi gaafa bilisummaa sammuu qabaatee ofitti amanamummaadhaan raawwate bu’aa qabatamaa ummata fayyadu agarsiisuu akka danda’u wanti yeroo ammaa lafarratti argamaa jiru ragaa guddaadha.

Kanaan dura namni maqaa Pirezdaantii Oromiyaa jedhuun haa taa’u malee waan Oromoofi Oromiyaaf ta’u ofiisaatiin karoorsee raawwachuudhaaf bilisummaa hinqabu ture. Namni maqaa kanaan akka hoggansaatti taa’u kun faayidaa garee wayyaanee sana raawwachiisuuf malee ummata bakka bu’eef waan gaarii akka hojjatuuf hinheeyyamamuuf ture.

Amma waggoottan sadeen darbanitti garuu injifannoo qabsoo ummataatiin argame kana keessatti hojiiwwan Oromiyaa keessatti raawwataman kamiyyuu namni wayii isa ergee osoo hintaane, waan ummata kanaaf ni ta’a jedhamee yaadameefi qorannoonis mirkanaa’e hojitti hiikuudhaan injifannoowwan kanaan dura hinbaramne hedduun galmaa’aa jiru. Kanarraa ka’uudhaanis ummanni keenya irra jireessi qonnaan kan jiraatu waan ta’eef jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruu irratti fuulleeffannee hojjachuudhaan omishaafi omishtummaan naannichaas akka dabalu gochuu dandeenyee jirra.

Sanyiin filatamaan yeroodhaan qonnaan bulaa bira akka qaqqabu, baay’inaafi qulqullina akka qabaatu, galtee qonnaa guutuu ta’e akka dhihaatu, ganna qofa osoo hintaane bonas jal’isiidhaan omishuun akka danda’amu haala mijeessuudhaan qonni naannichaa sadarkaa caalutti akka ce’u taasisuun danda’ameera.

Kanarraa ka’uudhaanis galiin Oromiyaa isa duraan darbeen yemmuu madaalamu dachaadhaan akka dabalu taasisuun kan danda’ame yemmuu ta’u, baajatni naannichaas dachaadhaan akka dabalu gochuun danda’amee jira.

Kana qofaa osoo hintaane, albuudniifi qabeenyi uumamaa Oromiyaa waggoottan 27 darban saamamaa ture takkoonshee akka hinsaamamne taasisuudhaan faayidaa ummata naannichaatiif akka oolu gochuun danda’amee jira. Hattuu nu keessa jiru yoo ta’een alatti akka durii alagaan fagoodhaa dhufee qabeenya Oromiyaa kamittuu bu’u tokkos yeroo ammaa kana hinjiru. Kunis bu’aa qabsoo qeerroofi qarreen taasisaniiti.

Hundaa ol injifannoo waggoottan sadeen darbanitti Oromoon argate keessaa inni guddaan abbaa biyyummaasaa deebisee harkatti galfachuusaati. Walqixummaa alagaan dhorkamee ture sana deebisee horachuusaati.  Sirna wayyaanees ta’e ‘sirni nu malee’ Oromoo Itoophiyaa irraa fageessuu irratti xiyyeeffatanii hojjachaa turan waan ta’eef, waggoota sadeen darban kanatti immoo Oromoon Itoophiyaadhaan walitti deebi’uu danda’eera.

Ifa yeroo ammaa Oromoon argate kanatu Itoophiyaaa ol kaasaa jira. Sababnisaa immoo gaafa Oromoofi Itoophiyaan walirraa fagaatte tasgabbitu dhabama. Gaafa Oromoo gadi qabde Itoophiyaa gadi qabda waan ta’eef, gaafa Oromoon bilisoome immoo Itoophiyatu waliin bilisooma.

Shaneen immoo akkanumaan wayyaanee jala fiigdi malee jarri akka namaattuu hinilaaltu. Nuunis kan gargar baane waan akka namaatti bifa walqixxummaa qabuun nu ilaaluu diddeefi malee sababa biraa hinqabu. Nuu ergamtanii nu jalatti jiraattan malee waan jedhaniif waldhabne. Akkas ta’anii jiraachuu manna immoo waa hundi baduu wayya. Shan ta’anii dhibbaaf shan irra taa’uu heeyyamuu manna waa hundi hafuu wayya. Kana immoo nama duwwaa miti rabbillee namatti hindhiisu hinjaalatu. Wanti rabbi hinjaalanne immoo milkaa’uu hindanda’u.

Wayyaanee qofaa osoo hintaane humni diina Itoophiyaa ta’e hundi injifannoo Oromoon argate kana kallattiinis ta’ee al kallattiidhaan balleessuudhaaf tattaaffii garagaraa godhus waan milkaa’uu miti. Bakka Oromoon dammaqee, gurmaa’eefi sirna ijaarrachaa jiru ciminaan tikfachuu danda’etti sochiin faallaa isaa jiru kamuu fashalaa’uu jalaa wanti isa hambisu hinjiru. Injifannoo Oromoon argatutti qormaanni kan baayyatuuf immoo giddugalli siyaasa biyya kanaa Oromiyaafi Oromoo waan ta’eef malee sababa biroo qabaachuu hindanda’u. Qaamni osoo Oromiyaa harkatti hingalfatiin Itoophiyaa bulchuu danda’u tokkos jiraatee hinbeeku jiraachuus hindanda’u.

Qaamni qoraafi qalbii ummata Oromoo osoo hinqabatin siyaasa tasgabbii qabu biyya kana keessatti gaggeessuu danda’us jiraachuu hindanda’u. Haata’uu malee waggoottan 27 darban Oromoofi Itoophiyaa walmalee hinjiraanne tana faallaa walii taasisuudhaaf samii gaditti wanti hinhojjatamne hinturre. Injifannoon ummata Oromoo walqixxummaa, bilisummaa, obbolummaafi waldanda’uu jechuudha. Injifannoo Oromoo jechuun sirna haqaan Oromoofi sabaafi sablammoota hunda tajaajiluu danda’u dhugoomsuu jechuudha.

Naannoosaa bilisummaadhaan hogganuu, qabeenya naannichaa irratti bilisaan murteessuufi obboloota ollaasaa waliin immoo misoomaan walitti hidhamuudha. Kanaaf kanaan booda Oromoon humna injifannoosaa kana gooluuf dhufu kamiyyuu hinfudhatu. Waggoottan sadiin dura qabsoon inni gaggeessaa tures kanumarraa kan maddu waan ta’eef yaalii amma wayyaaneen gareeshee waliin ta’uudhaaf Oromoofi Itoophiyaa gabrummaa biroo jalatti kuffisuudhaaf taasiftu qolachaa jira.

Kanumaafi qeerroofi qarreen kumaatamootatti laakka’aman raayyaa ittisa biyyaatti makamuudhaan wareegama hadhaawaa kan kanfalaa jiraniifis. Hawwonniifi abboonnis gabrummaa lammataa jalatti akka hinkufneef ijoolleesaanii eebbisanii gara dirree waraanaatti bobbaasaa jiru.

Ummanni Oromoo qe’eesaarraa buqqa’uu, qabeenyasaa diinaan saamamuu, qe’eessaarratti ormaaf garba ta’ee buluu, hidhamuufi dararamuu tasuma kanaan booda hinheeyyamu. Sababnisaas yeroo ammaa kanatti Oromoon hoggansa ofiisaa horatee jira, sirna isa fakkaatu ijaarrachaa jira waan ta’eefis sochii wantoota kana boodatti deebisuu danda’an hunda hinfudhatu Oromoon.

Kanaafii sochii wareera wayyaanee kana qolachuudhaaf duula taasifamaa jiru keessatti kutannoon kan hirmaachaa jiruufi lukkuudhaa hanga lubbuutti kan gumaachaa jiru. Wayyaaneen kanaan booda lafa Oromoo irra guyyaa takka buluu hindandeessu. Kun akka hinmilkoofneef immoo qonnaan bulaafi horsiisee bulaan, qeerroofi qarreen, humni addaafi milishaan keenya hundi qophii taasisanii jiru. Ammarraayyuu lootee galtoota wayyaaneefi shanee funaanuu eegalee jira.

Kanaaf gama hundaanuu yemmuu ilaallamu ummanni Oromoo qaama gita bittaa kaleessa isa cunqursaa tureefi ammas sirna sana deebisuuf hamuummachaa jiru kana irree tokkoon akka dura dhaabbatu shakkiin tokkos hinjiru. Oromoo qofas osoo hintaane yeroo ammaa ummanni Amaaraafi Affaar sochiin wayyaanee kun bifa isaan yaadaniin akka hinadeemne abidda miilaa itti ta’aa kan jiruufi. Wayyaaneen yeroo ammaa abiddarra taa’aa jirti.

Abiddi Amaarriifi Affaar itti qabsiise kun immoo gaafa Oromiyaa bira geessu guutummaatti affeelamtee kan awwaalamtu ta’uushee kan agarsiisuudha. Of tuulummaafi olaantummaa malee walqixxummaa jibbuun jaraa amma maal irraan akka isaan gahaa jiru walumaan ilaalaa jirra. Tuffii akkamiiti kan isaan nuuf qaban? Ummanni keenya hoo tuffii jaraa kana baatee kanaan booda isaan keessummeessuudhaaf qophaa’aadhaa? Kun tasuma ta’uu dhiisii yaaduufuu waan namatti ulfaatuudha. Kun akka hintaaneef immoo Abbootiin Gadaa, Haawwotiin Siinqee, hayyoonniifi ummanni bal’aan Oromoo hundi qophii gaarii irratti argama. Kana qofaa osoo hintaane, Oromoo ta’ee farda jara kanaa nama ta’uu barbaadurratti immoo tarkaanfiin barbaachisaa ta’e ni fudhatama.

Nuti dhugaa namaa hinbarbaannu, aangoo namaa, daangaa namaafi haqa ormaa tokkittii hinbarbaannu. Nagaafi jaalalaan yoo ta’e immoo inumaayyuu ormarraa fudhachuu irra kan keenya kennuu jaalanna. Wayyaaneen garuu dhugaa keenya, aangoo keenya, daangaa keenyaafi birmadummaa keenyarratti lola nurratti bantee biyya diigaa jirti.

Keessattuu immoo sirna Oromoon ijaarrachaa jiruufi mootummaa Oromoo kana diiguu barbaadu. Mootummaan amma jiru Oromoof maal akka godheefi hanqinnisaas maal akka ta’e walumaan ilaalaa jirra. Hiree amma Oromoon jaarraa heddu booda argate kana harkaa fashaleessuufi wayyaaneen kan wixxifachaa jirtu. Hiree akka sabaatti yeroo dheeraan booda argame kana gufachiisuu jechuun immoo Oromoodhaaf kufaatii akkamii akka ta’e hundaafuu ifaadha. Wareera dhiheenya naannoo Amaaraafi Affaariitti gaggeessaniin qonnaan bulaa hedduu buqqisanii, ajjeesaanii kaan immoo saamaa jiru.

Gara jabeenyiifi hammeenyi jaraa kanaa kunoo osoo guutuu biyyaatuu hinqabanne iddoowwan qabatanirratti ummata naannawaa irratti agarsiisuu eegalanii jiru. Ummanni Itoophiyaafi Oromoon walqixxummaa dhugaafi waldanda’uun akka jiraatuuf yemmuu qabsaa’an, wayyaaneen immoo olaantummaa dur barte sana deebisuuf jecha tabbi ishiin hinbaane akka hinjirre agarsiisaa jirti. Qabsoon ka’uumsa dhugaarraa maddu immoo nama duwwaan osoo hintaane Waaqa birattis fudhatama kan qabdu waan taateef, rabbiin ummata Oromoo wajjiin jira.

Bakka humni wayyaanee kun biyya kana keessaa hindhabamsiifamnetti, bakka duutee awwaallishee gadi hinfageeffaminitti, nageenyaaf tasgabbiin Itoophiyaa waan yaadamuu miti. Kana duwwaa osoo hintaane badhaadhinni biyya kanaa inni hawwinu sun kan dhugoomuu danda’u awwaalli jara kanaa erga raawwatameen booddeedha.

Dubbii kana karaa nagaatiin furuudhaaf gama keenyaan wanti rakkoo ta’u hinjiru. Garuu isaan dhugaa waan hinqabneef karaa nagaatiin akka dhumu hinfedhan. Wanti jarri barbaaddu olaantummaa waan ta’eef kun immoo humnaan malee mariidhaan ta’uu waan hindandeenyeefi wayyaaneen badii filattee ajaja kaabaarratti waraana kan banteef.

Kanaaf ummanni keenyas karama humnaa ishiin filatte kanaan awwaalli ishii akka raawwatamuuf duula mootummaan taasisaa jiru humnaafi qabeenya qabuun deeggaruudhaan awwaala jaraa saffisiisuun dirqama ta’a.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You