“Sababa carraan daldala ashuuraarraa bilisaa dhorkameef paarkiin cufamuufi hojjeetaan bittinaa’u hinjiru” -Obbo Fitsum Katamaa

Finfinnee: Ameerikaan sababa carraa daldala ashuuraarraa bilisaa ‘African Growth and Opportunity Act’ (AGOA) jedhamuu keessaa Itoophiyaa baasteef paarkiin cufamuufi hojjetaan bittinaa’u akka hinjiraanne Ittigaafatamaa Paarkii Industirii Hawaasaa ibsan.

Ittigaafatamaan paarkichaa Obbo Fitsum Katamaa ibsa dheengaddaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaaniin akka jedhaniitti, Itoophiyaan carricha keessaa haqamtuus, sharafa biyya alaa argachuuf, abbootii qabeenya biyya alaa gara biyyaattii dhufaniifi industirii biyyattii keessa jiranirratti, abbootii qabeenya biyyaa keessas ta’e alaa hirmachuu barbaadanirratti hudhaa qabaatuus furuun nidanda’ama.

Akeekachisichi guyyoota jahaatamaan booda gara tarkaanfitti kan jijjjiramuu yoo ta’ee, abbootii qabeenyaa biyyattiirratti qabeenyasaanii dhangalaasaniifi dinagdeerratti dhibbaa qabaachuu akka danda’u eeranii, ‘AGOA’n abbootti qabeenyaa hawwachuuf akka mala tokkootti kan tajaajiluu ta’uufi Ameerikaan dhimma kanarratti ejennooshee kan hinjijjiirre yoo ta’e gabaawwan addunyaa biroorratti haallii dammaqinaan hirmaachuu itti danda’amurratti kan hojjetamu ta’uu dubbatu.

Akka Obbo Fitsum jedhaniitti, ‘AGOA’rraa dhorkamuun gonkummaa gabaa Ameerikaa keessatti hirmaachuu dhisuu osoo hintaane akaakuuwwaan Omishaa garagaraa akka isaanii maluutti qaraxa kaffaalaa daladala gaggeessuudha.

Hayyuun Dinagdee Simeenah Basee (PhD) gamasaaniin, Ameerikaan fayyadamummaa carraa daldala bilisaa keessaa Itoophiyaa baasuun qajeelfama dinagdee dhaabbatteef waliin kan walhinsimannee ta’uu himu.

Itoophiyaan dinagdee saffisaa galmeesiisuu danda’uun, tarsimoon gabaa bilisaa fayyadamuu, ejjenoon hiyyuummaa hir’isuu, barnoota, fayyaa, hojii uumuufi malaamaltummaa ittisuurratti qabdu akka carraa daldala bilisaarraa fayyadamtu sababa ta’uu ibsaniiru.

Wayita ammaatti Itoophiyaa carraa daldala bilisaa dhabsiisuun Ameerikaan qajeelfama dinagdee dhaabbattef waliin kan walhinsimanne waan ta’eef murtoosheerra deebitee ilaaluu qabdi jedhaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You