Finfinnee: Wayita qormaanni kutaa 12 kennamaa tureetti miidiyaa hawaasummaa cufamuun baratoonni akka walirraa hingaragalchinee taasiisuun cinaatti haleellaa saayibariin qormaatichi hatamee akka hinbaane kan dandeesiisu ta’uu Ogeessi Sarvarii ibsan.
Ogeessi Sarvarii Obbo Faaris Mahammad ibsa dheengaddaa Gaazexaa Bariisaatii kennaniin akka jedhanitti, akka biyya kanaatti keessumaa naannawaa magaalaatti fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa hedduu waan ta’aniif odeeffannoon sobaa qormaaticha ilaalu akka hintattamsaane tarkaanfiin guyyoota muraasaaf fudhatamee sirriidha.
Halleellaan nageenya saayibarii jechuun kompiiwutara ykn bilbila hinbeekameen seenanii waan tokko hatuufi raabsuu qofa osoo hintaane qormaaticha ilaalchisee odeeffannoo sobaa facaasuus nidabalata jedhaniiru.
Kanaaf mootummaan qormaatichi nagaan akka xuramuufi shakkiiwwaan garagaraarraa bilisa ta’uuf wayita qormaanni kennamaa jirutti miidiyaa hawaasaa irratti tarkaanfiin fudhatee gara fuulduraafis cimee ittifufuu akka qabu himaniiru.
Wayita qormaanni kennamaa jirutti miidiyaa hawaasaatiin “qormaata hatamedha” jechuun suuraaleen gaaffilee qormaataatii jedhaman qooduun baratoota afaanfaanjeessuun galma haleellaa saayibarii ta’uu eeranii, odeeffannoowwan sobaa akkasii ittisuufis tarkaanfiin fudhatamuun barbaachisaa ta’uu dabalanii ibsaniiru.
Balaan haleellichi qaqqabsiisu akka biyyaattis ta’u akka nama dhuunfaatti baay’ee hamaadha kan jedhan ogeesichi, fakkeenyaaf marsariitiin dhaabbata tokko osoo butamee namoonni dhaabbaticharratti amantaa akka hinhoranne taasisuun ala madda haleellichaa baruun sirreessuuf rakkisaafi kan yeroo fudhatu ta’uu himaniiru.
Miidhaa haleellaa saayibarii keessaa kan biroon yaaddoo fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa kan ta’e odeffannoon sobaa akka tamsa’u taasisuufi badiin dhaqabu baay’ee hamaa waan ta’eef, qaamni hojii kalaqa marsariitii hojjetu dhimma nageenyummaasaa mirkaneessuu akka qabus hubachiisaniiru.
Balaa haleellichaan gahu hambisuuf ykn qolachuuf tokko tokkoon namaa marsaariitiiwwan garagaraa fayyadamu ‘antiivaayirasii’ meeshaa teknolojii fayyadamuurratti fe’uun, sooftiweerii hinbeekamne buusuu dhiisuufi yeroo yeroon toora marsariitii fayyadamuu “Update” taasisuun miidhamarraa of eeguu akka qabu dhaamaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014