Oduu Sobaa: Qormaata bu’uuraa warana amma keessa jiramuu

Finfinnee: Waraana amma keessa jirruf bu’urri rasaasa otoo hintaane oduu sobaa ta’u Ministirri Muummee Itoophiyaa ibsan.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad sagantaa “Addis Wag, mata duree Waamicha birmadummaafi duula biyya baraaruu” jedhuun dheengadda gaggeeffamerratti akka jedhanitti, diinni yoo sobe qaamni isa gaafatuufi akka hinsobne isa dhorku waan hinjirreef akka barbaadde sobuufi oduu pirooppaagaandaa tamsaasuu danda’a. Mootummaan garuu akka isaanitti sobuufis ta’ee oduu pirooppaagandaa tamsaasuuf hamilee hinqabu.

“Injifatamuun seenaa keenya miti. Itoophiyaa gara nageenya amansiisaasheetti deebisuuf hojjetamaa jira. Itoophiyaan seenaa hedduu qabaattus, waggoottan 30f hojiin obboloota qoqqoduu sirriitti irratti hojjetameera. Itoophiyaan qormaatawwan kunneen keessa obsaafi injifannoon dabartee biyyoota biroof fakkeenya akka taatuuf waareegamawwan hedduu kanfalaa jirras” jedhu.

Yakki biyyattii keessatti raawwatamaa jiruufi duulli irratti banae damdaneessa ta’uusaa caalaa waggoota dheeraaf irratti yaadameefi humnoota biyya keessaafi alaa badhaadhina Itoophiyaa hinfeene waliin qindoomuun raawwatamaa kan jiru ta’u kan ibsan ammoo Daarektara Ittaanaa Tajaajila Tika Odeeffannoo Biyyaalessaa Komishinar Indaashaawu Xaasawu.

Dhaabbileen miidiyaa idil addunyaa odeeffannoo dogoggoraatiin duula walabummaa Itoophiyaanoonni taasisan karaatti hambisurratti bobba’uusaanii eeranii, dhiibbaa kanas bifa amansiisaa ta’een ofirraa qolachuuf ummata, biyyoota michuufi qaamolee odeeffannoo sobaa tamsaasan irratti xiyyeeffachuu akka barbaachisu ibsu.

Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Waltaasisaa Wiirtuu Ijaarsa Sirna Dimokraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa gamasaaniin, Itoophiyaan duula humna biyyattii yoo ani bite malee haa diigamtu jedhu irratti bane qolachuurratti akka argamtu eeranii, duula walabummaa kanarrattis Itoophiyanoonni duula gootummaatiin fixeedhaa hanga fiixeetti socho’aa jiraachuusaanii ibsu.

Duulichi duula Adawaan gaditti kan hinilaalamne ta’uu kaasanii, kunis biyya baraaruuf, eeguuf akkasumas Raayyaa Ittisa Biyyaa deggaruuf kan taasifamaa jiru ta’u himu.

Qindeessituun Saamraawiit Girmaa

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You